Atileet Daraartuu Tulluu gumaacha nageenyaaf taasifteef IGAD irraa beekamtii argatte

Finfinnee: Komishinarri Gargaartuu Atileet Daraartuu Tulluu Itoophiyaa keessatti sagalee nagaa ta’uun gumaacha nagaaf taasisteen IGAD namoota dhiibbaa uumtoota jechuun beekamtii kenneefira.

IGAD gabaasa waggaa sadaffaa dhaabbatichaa Keeniyaa Mombaasaatti Roobii darbe kan adeemsifate yoo ta’u, Barreessaan Olaanaa dhaabbatichaa Doktar Warqinah Gabayyoo, waggoota darban naannichi balaa namtolcheefi uumamaan yeroo qoramaa turetti dhaabbileefi namoonni dhuunfaa adda addaa nagaafi tasgabbii naannichaaf gahee bakka bu’aa hinqabne taphachiisaanii ibsaniiru.

Haaluma kanaan namoota dhuunfaa gama jijjiirama qilleensaa, ittisa balaa, nagaafi tasgabbii, gargaarsa namoomaafi dhimmoota biroo irratti gumaacha olaanaa taasisan 21f beekamtiin kennameera.

Komishinarri Gargaartuun Atileet Daraartuu Tulluus walitti bu’iinsa kaaba Itoophiyaa hordofuun nagaan akka uumamuuf waltajjii adda addaarratti sagalee nagaa ta’uudhaan gumaacha olaanaa waan baateef akkasumas, waltajjii hundaarratti nagaaf dhaabbachuun ambaasaaddara gaarummaa ta’uu ishee agarsiisuusheetiin beekamtii argachuushee himu.

Pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komishinarri Gargaartuu Atileet Daraartuu Tulluu, beekamtiin IGAD kenneef nageenyaa waliin jireenyarratti caalaa akka hojjettu kan ishee taasisu ta’uufi fuula duras naannichatti nagaafi tasgabbiin akka bu’u akkasumas misoomniifi badhaadhinni akka mirkanaa’u kan hojjettu ta’uu dubbatti.

Dhimmi nageenyaa hunda caalaa dursi kennamuufii kan qabu duudhaa dhala namaa ta’uu eertee, kanaaf dargaggoonni nageenya Afrikaaf rakkoolee jiran tasgabbiifi mariin hiikuuf muuxannoo akka gabbifatan ergaashee dabarsuu TOI irraa odeeffanne.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 27 Bara 2015

Recommended For You