Yeroo ilaalchisee wantootni hedduun dubbatamaniiru. Yeroo warqee, xiyyaara, jireenya, umurii wajjin, walumaagalatti yeroon baay’ee mi’aa ta’uu isaa namoonni utuu ibsuuf yaalanii argina. Dhuguma yeroon mi’aadha. Namni horii gate deebi’ee ni argata, Yeroo akkasumaan dabarse deebi’ee hinargatu. Hundumtuu yeroon daangeffama. Uumama kana ta’e kamiyyuu yeroon nidullooma; lafa kana irraas nigodaana. Isa kana boodatti deebisuun hindandaa’amu. Darbees yeroon nuti qabnu isa darbe yookaan isa dhufu utuu hinta’in isa har’a keessa jirruudha.
Yeroo ammaati. Isa darbe irraa nibaranna. Isa dhufuun niqophoofna. Isa har’aatti garuu nihojjenna. Namni yeroo qabutti fayyadamuu yoo dadhabe yeroon isa hineegu. Akka galaanaatti yaa’ee sokka. Yeroo nuti hojjennu yeroon nideema. Yeroo nuti taphannu yeroon nideema. Yeroo nuti akkasumaan teenyus yeroon ni deema. Tarii utuu hojii nuunis ta’e hawaasa keessa jirru geeddaruu danda’u hojjechuu dagannee haala bu’aa nuuf hinbuufne keessa oolu yeroon dhaabatee nu hineegu; yeroo waan bu’aa hinqabneef oliifi gadi deemnu yeroon nideema. Isa kana to’achuu kan danda’u abbaadha. Akkaataan to’annoo isaa itti hojjechuu qofa. Yeroon xiyyaara, balaliisisaan isaa garuu nu’i. Guyyaa tokko keessatti namni sa’a 24 yoo qabaate illee bara isaa keessatti guyyaa meeqa akka qabu hinbeeku. Guyyaa keessa jirru sirriitti itti fayyadamuun murteessaadha. Namoota yeroo qabanitti fayyadaman ta’uun keenya barbaachisaadha.
Hundumaa irra garuu waan tokko dagachuu hinqabnu. Biyya lafaa kana irratti namoota beekamoofi namoota kalaqaa ta’anii wajjin wanti nuti walqixa qabnu yeroodha. Fakkeenyaaf namoota akka Biil Geetis, Maarki Zukerbergi, Mukeesh Ambani, Waaren Bufeet, Steeven Haawokiingiifi namoota kana fakkaatanii wajjin wanta uumaan walqixatti nuuf kenne yeroodha; sa’a walqixa qabna. Hundumti keenya sekoondii 86,400 guyyaa keessatti qabna. Isa kana irra guyyaa dhufutti dabarfachuu, mankeessa keessa kaawachuu, namaaf liqeessuu, nama irraa liqeeffachuu hindandeenyu. Kennaa nuuf kenname kana sirriitti itti waa’ee ba’uun akka milkoofnuuf kan nu gargaaru, sirriitti itti waa’ee ba’uu dadhabuun ammoo gara kufaatiitti kan nu geessu ta’uun isaa beekamaadha.
Namoonni hedduun kan miidhaman isa kanaaf. Yeroo qabanitti sirriitti fayyadamuu dadhabuu isaaniiti. Yerootti sirriitti fayyadamuufi dhiisuun namoota milkaa’oo warra milkaa’oo hintaane irra adda baasa. Namni milkaa’uu barbaadu isa kana beekuu qaba. Yeroo qabutti sirriitti fayyadamuun murteessaadha. Yeroon jireenya ilma namaa keessatti ga’ee guddaa qaba. Warri Chaayinaa yeroo dubbatan “Yeroon Warqeedha” jedhu. Warqee iyyuu nicaala jechuun nidandaa’ama. Sababiin isaa namni hangam yoo maallaqa qabaate daqiiqaa tokko bitachuu hindanda’u. Inni kun seera uumamaati.
Yeroon nama hundumaaf walqixa kan kenname yoo ta’e illee namootni tokko tokko sirriitti itti waa’ee ba’uun waan fedhan yeroo raawwatan kaan ammoo yeroo isaaniitti utuu hinfayyadamin hafu. Egeree gaabbiin guute keessa jiraatu. Keessumatti namootni yeroo isaanii sirriitti itti hinfayyadamne namootni kan biroon yeroo milkaa’oo ta’an isaan kun yoom iyyuu jireenya isaaniis ta’e hojii isaanii fooyyessuu hindandaa’an. Namoota naannoo keenya jiraatan irraa iyyuu waan hedduu barachuu dandeenya. Namootni tokko tokko yeroo qabanitti fayyadamanii of jijjiiruu, dhaloota jijjiiruu, hawaasa isaanii irratti dhiibbaa gaarii geessisuu irra yeroo qaban bakka hinbarbaachisnetti kan dabarsan hedduudha.
Namoonni kaayyoo hinqabne yeroo attamitti akka dabarsan yeroo yaadan namootni dhiibbaa geessisan garuu yeroo isaanii attamitti akka fayyadaman namoota yaadaniidha. Sababiin isaa namootni sirriitti yaadan yeroo hundumaa yeroon bade akka deebi’e hinargamne namoota hubataniidha. Kanaaf yeroo isaanii waan hintaane irratti hindabarsan. Egaa, har’a yeroo qabnutti attamitti fayyadamaa jirraa? Yeroo walqixa uumaan nuuf kenne kaan itti hojjetee jijjiirama; kaan ammoo itti hojjechuu dadhabuun rakkoo hedduuf saaxilama. Namni waan hedduu walqixa dhabuu danda’a. Yeroon garuu nama hundumaaf walqixa kenname. Nama hundumaatu walqixas qaba. Rakkoon jiru garuu walqixa itti hinfayyadamnu. Tokko tokko akkasumaan dabarsa. Wantoota ija qaban irratti utuu hinfayyadamiin sokka.
Yeroon akka nama qarshii tokko qofa of harkaa qabuuti. Akkaataa itti qarshii tokkoo kana fayyadamu abbaatu murteeffata. Hayyuun maqaan isaa Kaarli Saandburgi jedhamu, “Namni sirriitti yeroo qabutti hinfayyadamu taanaan nama yerootti fayyadamuu beekutu duraa itti fayyadama” jedha. Inni kun sirriidha. Namootni tokko tokko jireenya isaanii wantoota geeddaru irratti utuu hinta’in kan nama biraa qofa gargaaru irratti yeroo isaanii dabarsu. Waan bor isaan hinfayyadneef dhama’u jechuudha. Isa kana itti yaaduun, keessaa ba’uun murteessaadha. Keessaa ba’uuf ammoo yeroon isaa amma. Murteeffannee, karoorfannee yeroo keenya sirriitti yoo fayyadamne ofii keenyas ta’e hawaasa keessa jiraannuuf bu’aa cimaa taana. Kanaachi hojjetaa nama yeroo isaa sirriitti fayyadamuu ta’uun keenya hinoolu.
Egaa yeroon eenyuun iyyuu hineegu. Yeroofi bubbeen walfakkaatu. Lamaanuu nama hineegan. Namni egeree isaa geeddaruu barbaadu yoo jiraate yeroon eenyuun iyyuu hineegne kun utuu hindarbiin murtoo murteeffachuun, sirriitti itti fayyadamuun barbaachisaadha. Namni har’a hinmurteeffanne carraan kun jalaa miliquu danda’a. Kanaaf, yeroo gati jabeessa ta’e kanaafi qabeenya hundumaa irra caalu kana sirriitti qabachuun gaariidha. Sirriitti itti fayyadamuun murteessaadha.
Namootni tokko tokko garuu wanta gatijabeessa ta’e kana akka waan faayidaa hinqabneetti ilaaluun bakka itti dabarsan utuu hiyyaafatanii yookaan dubbatanii arguun keenya hinoolu. Namoota kana caalaa wanti nama gaddisiisu hinjiru. Namootni akkasii tarii meetiifi dhagaa namoota addaan hinbaafne fakkaatu. Dhagaa se’anii meetii galaanatti namoota naqanii wajjin walqixa. Namoonni akkasii namoota carraa guddaa of jalaa dabarsaniidha. Haa ta’u iyyuu malee yeroon galaana. Galaanni fuula duratti malee booda hindeebi’u. Yeroo har’a garmalee dabarsine bor deebifachuu hindandeenyu. Maallaqa deebifachuun nidandaa’ama ta’a. Yeroon darbe yoom iyyuu hindeebi’u. Mallaqaan bituun hindandaa’amu. Gurguruunis hindandaa’amu. Keewwachuunis hindandaa’amu. Namaaf qooduunis hindandaa’amu. Nama irraa qooddachuunis hindandaa’amu. Sirriitti itti fayyadamuun garuu nidandaa’ama.
Kanaaf namootni faayidaa isaa beekan, “Yeroon gati jabeessa” jedhu. Inni kun kan agarsiisu garmalee itti hinfayyadamiin jechuudha. Of jalaa hinballeessiin jechuudha. Sekoondii jiranitti sirriitti yoo fayyadamte nimilkoofta jechuudha.
Haala sirrii hintaane, jireenya keenyaaf faayidaa hinqabne irratti yeroo keenya dabarsuu irraa of qoqqobbachuun barbaachisaadha. Wanti nama dhibu garuu yeroon nuti xiqqoodha jennu jireenya keenya keessatti yeroo milkaa’inaa nuuf ta’uu danda’a. Isa kanaaf of fooyyessaa deemuun barbaachisaadha. Yeroo hundumaa callisanii taa’uu irraa, bakka hinbarbaachifnetti yeroo ofii dabarsuu irraa of qoqqobbachuun barbaachisaadha. Namni yeroo jirutti fayyadamee sirriitti hinhojjenne, egeree isaa irratti miidhaa cimaa qaqqabsiisa. Humna qabutti fayyadamee akka jireenya isaa hingeeddarre isa taasisa. Ofii keenya qofa utuu hinta’in tarii namoota yeroo isaanii sirriitti hinfayyadamnee wajjin illee hiriyyummaa yoo qabaanne of eeggachuun barbaachisaadha. Jireenyi akkasii akka dhukkuba daddarbaati. Jireenya keenya miidhuu danda’a. Hiriyaa gadheen amala gaarii mancaasuu nidanda’a, Kanaaf hiriyaa sirrii hintaane irraa iyyuu of eeggachuun murteessaadha. Hiriyaan yeroof kabaja hinqabne jireenya isaafis ta’e kan nama biraaf kabaja hinqabu.
Kanaaf yeroo qabnu qisaasessuu irraa of qoqqobbachuun barbaachisaadha. Yeroo qabnutti sirriitti fayyadamuuf yerootti gatii kennuu qabna. Hanga yerootti gatii hinlaannetti sirriitti itti fayyadamuu hindandeenyu. Hanga sirriitti itti hinfayyadamnetti ammoo waan addaa tokko bara keenya keessatti hojjechuu hindandeenyu. Faayidaa yeroo nama beekutu sirriitti itti fayyadama. Fakkeenyaaf barataan yeroo isaa sirriitti eeggatee itti waa’ee hinbaane milkaa’uu hindanda’u. Sirriitti barnoota isaa barachuu hindanda’u. Sirriitti qo’achuu hindanda’u. Sirriitti barnoota isaa hojjechuu hindandeenye taanaan ammoo hinmilkaa’u. Hojjetaas ta’e daldalaan akkasuma. Yerootti yoo sirriitti itti fayyadaman nama milkeessa; yoo sirriitti itti fayyadamuu dhiisan gatii nama baasisa.
Egaa yeroon gati jabeessa. Warqee qofa utuu hinta’in isaa oli. Haa ta’u iyyuu malee isa kana meeqan keenyatu hubatee? Qabeenya namoonni hundi qaban garuu namoonni muraasni kan itti fayyadaman ta’uu isaa sirriitti hubanneerraa? Hanga yeroo qabnutti sirriitti hinfayyadamnetti wantoota kan biraa sirriitti fayyadamuu akka hindandeenye beeknaa? Kanaaf karoorfannee yeroo qabnutti fayyadamuun daran barbaachisaadha. Karoorri egeree keenyaaf murteessaadha. Yeroon keenya akka hinqisaasofneef nu gargaara. Namni yeroo qabu sirriitti hinkaroorfanne yeroo isaa sirriitti fayyadamuu hindanda’u. Isa kana itti yaaduun, irratti hojjechuun murteessaadha.
Walumaagalatti, yeroo keenya to’achuu jechuun jireenya keenya to’achuudha. Namni yeroo isaa balleessu jireenya isaa balleessa. Yeroon jireenya. Isa kanaaf ammoo of to’achuun murteessaadha. Yoo of bituu dandeenye, yoo of to’achuu dandeenye yeroo keenya to’anna. Yeroo qabnutti yoo sirriitti fayyadamne egeree keenya geeddaruu dandeenya. Yoo sirriitti itti fayyadamuu dadhabne garuu nama kan biraatu itti fayyadama. Waan bor nu gargaaru dhiifnee waan gatii hinqabne irratti yeroo keenya fixuu irraa of eeggachuun barbaachisaadha.
“Yeroon xiyyaara, balaliisaan isaa garuu nu’i. Guyyaa tokko keessatti namni sa’a 24 yoo qabaate illee bara isaa keessatti guyyaa meeqa akka qabu hinbeeku. Guyyaa keessa jirru keessatti sirriitti itti fayyadamuun murteessaadha.”
BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 5 / 2015