Sodoomummaafi furmaatasaa

Namoonni akkaataa itti sodoomummaa eegalan irratti wantoonni hedduun dubbatameera, akkasumas barreeffameera. Kaanis sodoomummaan akka maatii irraa dhaaluun namatti dhufa kan labsan jiru. Kaanis naannoo jiraatan irraa kan ka’e jedhu. Baay’een ammoo namni sodoomummaadhumaan dhalata jedhanii kan falman jiru. Haa ta’u iyyuu malee namoonni sodoomummaa akkaataa garaa garaan akka eegalan qorannoowwan garaa garaa nimirkaneessa. Akka qoosatti kiyyoo isaan seenan kun garuu salphaatti keessaa ba’uu hindandaa’an. Mee daandii gara sodoomummaatti geesan heedduu keessaa muraasa haa ilaallu.

A. Namootni uumaa isaanii beekuu dadhabuu. Namni tokko yommuu uumaa isaa wallaalu sammuu hintaanetti dabarfamee kennama. Sammuu seexanni itti waa’ee ba’u qabaata. Sammuun akkasii tarii hojii hamaa kana keessatti illee yoo hirmaate homtu itti dhagaa’amuu dhiisuu danda’a, Kanaaf namootni hedduun biyyoottan garaa garaatti argaman keessumatti biyyoottan guddatan jedhamanii yaadaman keessatti, barnoota barataniiru, qaroomaniiru, jijjiirama biyya lafaatiif kan abdataman tarii sammuu hamaa kanaaf kan kennaman fakkaata. Dhaloota oolchuu irra rakkoo hamaaf utuu saaxilanii arguun keenya hinoolle. Kanaaf sammuun keenya hojii gaariif hinqophoofne taanaan isa hamaan dhaalamuun isaa hinoolu.

B. Hiyyummaa. Namoonni bashannanaaf biyya warra harka qalleeyyii dhufan horiin gowwomsanii hanga ijoollee xixiqqoo hojii ciiggasisaa kanaaf filataniitti ga’uu danda’u. Daa’immanii eegalee hanga namoota beekaatti utuu hinfedhiin horiif jedhanii keessa seenu.

C. Dirqisiifamanii gudeedamuu. Akka qorannoowwan garaa garaa mirkaneessanitti namootni umurii garaa garaatti sodoomotaan dirqisiifamanii gudeedamuu jireenya hamaa kana keessa akka seenuu dandaa’an niaddeessa.

D. Hiriyyaan gowwomsamuu. Namoonni hiriyoonnisaanii jireenya sodoomummaa keessa jiran warra kaanis salphaatti gowwomsanii keessa galchuu nidanda’u. Sagaleen Waaqayyoos hiriyaa gadheen amala gaarii akka mancaasu dubbata.

E. Akka qoosaatti eegalu. Namoonni baay’een tarii interneeta irraa ilaaluun shaakaluu qofaan kan keessa seenan jiraachuu nidanda’u. Kaanis akka qunnamtii saalaa keessaa tokkootti ilaaluun kan eegalan nijiraatu. Balaan garuu salphaa miti. Akka salphaatti eegalan salphaatti keessaa ba’uu hindandaa’an.

F. Qaroomina se’anii keessa seenuu. Baay’inaan sodoomummaan kan baay’atu naannoo magaalaa waan ta’eef namoonni akka qaroominaatti ilaaluun keessa seenan jiru.

G. Haalaa maatii keessatti dhalatanii. Namoonni maatiin isaanii sodoomummaa deggeran jireenya akkasii keessa salphaatti seenu.

H. Siyaasa, aadaafi amantii. Haalli siyaasaa, aadaafi amantii namoonni keessatti dhalatan hojii hamaa kana nideggeru yoo ta’an namoonni biyyaafi naannoo akkasii jiran sodoomota ta’uuf karaa nibanaaf.

I. Maatiin walhiikuun yookiin ijoolleen warra isaanii du’an dhabuu. Yeroo hedduu walhiikuun maatii dhiibbaan isaa inni guddaan ijoolle irratti. Qorannoon adda addaa akka ibsutti dhiironni sodoomota ta’an dhibbeentaan kudha saddeetiifi (18%) dubartoonni dhibbeentaan soddomii shan (35%) ijoollee abbaafi haadha hinqabne akka ta’aniifi isaan kunis tarii warra isaanii du’aan kan of irraa dhaban ta’uu danda’a.

J. Filannoo. Namni ofii isaatiin gaariis ta’e hamaa filachuu nidanda’a. Sodoomummaatti jiraachuun ofiin filatanii kan keessa seenaniidha. Namni kam iyyuu ofii isa irratti murteessuu, waan hamaa ta’e tokko gochuufi dhiisuuf dandeettii wajjin uumameera. Namni kam iyyuu filannoo isaatiin sodoomummaa keessa seenuus ta’e keessaa ba’uu nidanda’a. Inni guddaan garuu filannoo sirrii filachuu danda’uudha. Tarkaanfii sirrii fudhachuu danda’uudha. Hamaa keessaa ba’uuf of qopheessuudha.

K. Namoota wanta hawaasni hinjaallanne gochuu jaallatan. Namoonni tokko tokko waan sabni balaaleeffatu hojjechuufi gochuun kan isaan gammachisu nijiru. Namoonni amala akkasii of keessaa qaban salphaatti sodoomota ta’uu danda’u. Isa namni hinjaalanne sodoomota ta’uun gammachuu isaaniif kenna.

L. Namoota maatii irraa adda ba’anii yeroo dheeraaf jiraatan. Namoonni tokko tokko sababa addaa addaatiin haadha manaa isaanii yookiin abbaa manaa isaanii irraa akkasumas namoota hinfuune yookaan hinheerumne yoo ta’anis saala faallaa irraa fagaatanii kan jiraatan sodoomummaaf saaxilamuu nidanda’u. Fakkeenyaaf akka mana sirreessaa, akkasumas bakka dhiirri qofti jiraatu yookiin dhalaa qofti jiraattu sodoomummaaf saaxila isaan baasuu danda’a.

M. Dhiibbaa naannawaa. Hojii hamaan naannoo itti hojjetamu keessa namoonni jiraatan hojii kana babal’isuuf haala mijaata niqabaatu. Namni bakka keessa jiraatu fakkaachuu danda’a. Wantoonni nu marsanii jiraniifi nu’i tarii fakkaachuuf yaallu hunduu gaariidha jechuus miti. Haa ta’u iyyuu malee haala garaa garaa keessa yeroo jiraannu namootas ta’e naannawaan nuti keessa jiraannu akka dhiibbaa hamaa nu irraan hingeenyeef eeggannoo cimaa gochuun barbaachisaadha.

Haata’u iyyuu malee jireenya hamaa kana keessaa attamitti ba’uun dandaa’amaa? Inni kun tarii gaaffii namoota hundumaati. Ala tokko waa’ee dubara sodoomummaa keessa jiraataa turtee itti hiikamtee dhaga’een ture. Dhalattee wagga shanaffaa isheetii eegaltee hiriyoota saalaan ishee fakkaatan yookaan ijoollee dubaraa wajjin oolaa turte. Irraa jalaanis itti harkifamuu eegalte. Inni kun immoo waggaan ishee dabalaa yeroo deemu dubara akka isheetiitti quunnamtii saalaaf harkifamuun ishees guddachaa dhufe.

Waggaa kudha torbaffaa isheetti hiriyaa dubaraa wajjin quunnamtii salaa akka raawwachuu dandeessutti itti hiriyoomte. Ishee wajjin hanga waggaa tokkoo turtee itti fufuunis hiriyaa kan biraa wajjin waggaa tokko turte. Sanaa ol garuu waliin turuu hindandeenye. Namoota kanaa wajjin yoo baay’ate waggaa tokko qofaaf wajjin turti. Sanaa ol waliin hinturan.

Kan nama dhibu garu namoonni hedduun jireenya sodoomummaatti hiikamuun hindandaa’amu jedhanii yaadan hedduutu jiru. Tarii namoota sodoomota ta’aniif gaaffiin “sodoomummaattii fayyuun nidandaa’amaa?” jedhu isaan niaarsa. Sababiin isaa “Sodoomummaan dhukkuba miti” jedhu. Jecha dogoggoraa akka ta’e dubbatu. Darbees “Sodoomummaan baroota dhufan keessatti namoota biratti baay’inaan nifudhatama. Jireenya sodoomummaa qabaachuutti boonuutu nu irra jiraata. Sodoomummaattii fayyuun nidanda’ama kan jedhu yoo dhiirri tokko dubartii tokkoo wajjin jiraachuun dhukkuba ta’eefi itti fayyisuun nidanda’ama ta’e, sodoomummaanis dhukkuba itti fayyuun barbaachisu ta’a” jedhu.

Kana irraa kan ka’e biyyoota hedduu biyya Ameerikaa dabalatee akka dhukkubaatti ilaaluu dhiisaniiru. Duraan garuu akka dhukkuba sammuutti ilaalamaa tureera. Haa ta’u iyyuu malee qorattoonni xiinsammuufi beektonni daandii kana irratti hojjetan Caamsaa 17, 1997 dhukkuba ta’uu isaa mirkaneessaniiru. Namoonni sodoomota ta’anis wal’aansa barbaachisaa argachuufi gama isaaniitiin ammoo keessaa ba’uuf fedha yoo qabaatan jireenya kanatti fayyuu nidanda’u jedhu.

Kanaaf Doktar Joseef Nikoloosii namni jedhamu beekaan xiinsammuu qorannoo sodoomota 860 irratti geggeesseen, “Kanaan dura namoonni sodoomota ta’an akka ittii hiikamuun hindanda’amne labsaa turan. Haa ta’uyyuu malee, inni kun yaada hundee hinqabneefi ittii hiikamanii jireenya sirrii jiraachuu nidanda’u. Isa kana immoo sodoomonni akka ittii hiikamuun danda’amu beekuu isaanii nan shakka” jedhe. Itti fufuunis, “Kanaan booda nama jireenya sodoomummaa keessa jiraatu keessaa ba’uu akka hindandeenye dubbachuu dhiisuu qabna. Garuu kan jechuun nu irra jiraatu yoo jijjiiramuu feete akkuma namoonni hedduun keessaa ba’anitti keessaa ba’uu nidandeessa jechuu qabna” jedhe. Kanaaf namni uumamaan sodoom ta’ee dhalata kan jedhu yaada namoota sodoomummaa babal’isaniiti malee jecha dhugaa akka hintaane ibse.

Sodoomummaanis rakkoo xiinsammuudha malee uumamaan yookiin dhaalaan (genetic/hereditary) akka hintaaneefi namoonni sodoomota ta’an hangi dhibbeentaa soddomii sadii (33%) jireenya ciiggasisaa kana keessaa ba’anii akka jireenya gaarii eegalan ibsuun namoota jireenya sodoomummaa keessaa ba’uu barbaadanitti dugda gatuu utuu hinta’in gargaaruun barbaachisaa ta’uu isaa qorannoo irratti ibsee jira. Kanaaf sodoomummaa keessaa ba’uun ni danda’ama! Itti hiikamuun nidandaa’ama.

Ala tokko dargeggeessi waggaa 23 tokko akkas jedhee barreessee. “Fedhiin koofi jieenyi koo sukkaneessaafi kan namatti hintolleedha. Darbees ummata keessatti ilaalchi anaafi namoota ana fakaatan irra jiru jibbisiisaadha. Jireenyi ani keessa jiruus waggaa shan dura nan jiraadha jedhee hinabjoonne. Amma murtoon koo keessaa ba’uu yookiin du’uudha” jedhe. Sodoomonni hedduun jireenya keessan jiran nijibbu.

Akkuma kanas kan deggeran, nuuf ta’eera kan jedhan, kan achuma keessa jiraachuu barbaadanis jiru. Isaan kun of irra darbanii namoota danuu faaluu kan barbaadan; gaarummaa isaa qofa kan labsan; rakkoo isaa kan dhoksan; miseensa horachuuf, mootummaafi waldaa amantootaa biratti akka fudhatamuuf yaalii kan godhan jiru. Inni kun dur biyyoota guddatan keessatti kan dhagaa’amaa ture yeroo ta’u amma garuu biyyoota hiyyeeyyii ta’anis galee jira.

Kanaaf sodoomummaan kiyyoo takkaa keessa gallaan yoomuu keessaa ba’uun hindanda’amne miti. Keessa seenuu dhiisuun, irraa baqachuun furmaata isa guddaa yoo ta’e illee namoota keessa jiraniif misiraachoon jiru tattaaffii barbaachisaa gochuun keessaa ba’uun nidandaa’ama. Isa kanaaf soba duukaa bu’uu dhiisanii dhaabatanii yaaduun barbaachisaadha. Jijjiiramuun nidanda’ama. Namni tokko waa’ee jireenya isaatii yommuu dubbatu akkas jedhee ture.

“Ani barakoo keessatti fedhii sodoomummaa nan qabaadha jedhee yaadee hinbeeku. Namoonni tokko tokko sodoom taatee dhalatte yeroo naan jedhan eenyummaa koo salphisuufi jijjiiramuu hindandeessu jedhanii kan na harrabsan natti fakkaata” jedhe. “Jijjiiramuu nan danda’a! Hin jijjiiramtu ittiin dhalatte naan hinjedhan” jedhe.

BARIISAA SANBATAA Hagayya 14 / 2014      

Recommended For You