Biyya lafaa kana keessatti dhuunfaattis ta’e akka walootti rakkoolee nu mudatan ogummaan injifachuun barbaachisaadha. Inni kun ammoo bal’isanii haala keessa jiraniin alatti yaaduu gaafata. Rakkoo nu mudateef mala nu baasu dha’uu, furmaata sirrii barbaaduu gaafata. Rakkoo jiran injifachuufis of qopheessuun barbaachisaadha.
Yeroo tokko daldalaan tokko maallaqa guddaa hiriyaasaaf liqeesse. Yeroo mallaqni sun itti deebi’uutti inni liqeeffate deebisuu hindandeenye. Yeroo isaan keessa turanis yeroo rakkinaa, bara qaala’iinsi jireenyaa namoota dararsu ture. Haa ta’u iyyuu malee namichi maallaqa liqeeffate sun intala bareedduu tokko manaa qaba. Inni maallaqa liqeesseefis akka inni danda’ee deebisuufii hindandeenye erga hubatee booda bakka maallaqa isaa akka intala isaa itti heerumsiisu gaafate. Kanaaf, namichi filannoo lama qaba. Maallaqa liqeeffate deebisuu yookaan bakka maallaqa liqeeffatee intala isaa itti heerumsiisuu ture. Rakkoon guddaan jiru garuu intalli inni fuudhuu barbaade kun itti heerumuu hinfeene. Namtichi godeessa; ilaalchisaas kan jaalatan miti.
Intalaafis carraa kenne. Bakki isaan dhaabatanii jiran bakka saddeeqni xixiqqoon gurraachaafi adii walmakaan guute ture. Saddeeqa kana keessaa lama harka isaatti qabatee tokko adii inni kaan ammoo gurraacha ture. Yoo mucaan dubaraa kun harka isa saddeeqni adiin keessa jiru filatte, gatiin abbaa ishee irra jiru nidhiifamaaf. Isheenis itti hinheerumtu. Yoo garuu saddeeqni gurraachi ba’eef itti heerumti. Isa kana irrattis waliif galani.
Isa booda namtichi gadi jedhee saddeeqa lama lafaa fuudhe. Lamanuu garuu gurraacha ture. Lamaanuu filachuun itti heerumuu ishee hinoolchu. Filannoon ishee hojii dharaa inni dalage saaxiluu, filachuu diduu yookaan filattee itti heerumuudha. Haa ta’u malee isaan kun sadan furmaata hinta’an. Abbaashees rakkoof saaxila. Rakkoo kana injifattee darbuuf mala dhahatte. Filachuuf of qopheessite.
Daldaltichi yeroo harka isaa keessaa akka saddeeqa tokko fuutu itti qabu akkuma harka fuuteen daftee lafa buufte. Akka tasaatti waan harkaa bu’e fakkeessite. Isa booda saddeeqa lafa jiru keessa sababa bu’eef inni harka isaa keessatti hafe bifti isaa maal akka fakkaatu akka agarsiisu gaafatte. Innis filannoo kan biraa waan hinqabneef gaddaa yeroo agarsiisu gurraacha ture. Kanaaf isheenis, “Inni lafa bu’e adii ta’uu qaba, gurraachi hafeera. Nutis bilisa” jette. Rakkoo isaan mudate malaan injifatan.
Har’as wantoota nu qunnaman injifachuuf wanti guddaan xiinxaluudha; yaaduudha. Gadi fageessanii ilaaluu gaafata. Attamitti akka rakkoo nama mudate keessa taran beekuun murteessaadha. Inni kun namoota bara keenyaaf barnoota. Bara qaala’iinsi jireenyaa namoota hedduu dararsu keessa ogummaa ittiin keessa taran beekuun barbaachisaadha.
Barri keessa jirru kun bara itti mi’i garaa garaa guyyaatii gara guyyaatti dabalaa deemu, addumaan boba’aan gara samiitti ol dhuka’ee gosti nyaataa kanneen akka zayitaa bara itti argaaf dhiban keessa dhaloonni jiru attamitti rakkoo har’aas ta’e tarii bor isa mudatu attamitti dandamatee akka keessa darbuu danda’u beekuun daran murteessaadha.
Sababiin isaa barri keessa jirru kun bara dhibbooti. Wantoonni hedduun dhibboo namatti ta’u. Nama tasgabbaa’ee yaadeef garuu wanti hininjifatamne raawwatee hinjiru. Kanaaf, Napooliyoon generaalli jedhamu, “Jechi hindandaa’amu jedhu kuusaa jechootaa keessaa haa ba’u” jedhe. Jireenyi hinmo’amne hinjiru. Gaarri hinkoramne hinjiru. Darbees umuriin rakkinaa kan bara baraa miti. Umurii bara baraa kan qabu uumaa qofa. Rakkoolee numudatan garuu akkaataa itti tasgabbiin, ogummaan keessa tarru beekuun barbaachisaadha.
Fakkeenyaaf rakkoolee numudatan keessaa tokko qaala’iinsa jireenyaati. Bara kana attamitti rakkoo inni fidee dhufu dandamannee keessa darbuu dandeenyaa? Attamitti maallaqa argannu sirriitti fayyadamuu dandeenyaa? Hanga argannuu olitti baasii bara nu gaafatu kana keessatti galii keenyaa olitti utuu hinbaasin jiraachuu nidandeenyaa? Rakkoo hamaa akkasii keessa jiraachaa qusannoo qabaachuu dandeenyaa? Daballiin miindaa bara qaala’iinsi jireenyaa jiru akkasii keessatti furmaata ta’uu nidanda’aa? Walumaa galatti egaa attamitti rakkoo kana mo’annee darbuu dandeenya kan jedhu irratti xiyyeeffannee yaada muraasa kaafnee ilaalla.
Qala’iinsi jereenyaa (inflation) kan uumamu yeroo maallaqni baay’inaan gabaa keessa naanna’u akka ta’e gama kanaan kan qoratan nimirkaneessu. Yeroo akkas ta’u maallaqni gabaa keessa naanna’u baay’achuu, humni bittaa isaa gadi bu’uu; gatii mi’i ittiin bitamu dabaluufi kkf., fidee dhufa. Inni kun ammoo baay’ina horii gabaa keessatti gadidhiifamuun kan uumamu akka ta’e beekamaadha.
Yeroo gatiin mi’aa dabalaa deemu ammoo rakkoo cimaan nu mudatu galii keenyaan jiraachuu dadhabna. Kanaaf galii keenyaan olitti baasuuf (deficit spending) dirqamna Galiin keenya nu jiraachisuu dadhaba. Inni kun akka nama dhuunfaa qofatti utuu hinta’in mootummaas niqunnama. Sababiin isaa mootummaan hanga karoorfatee olitti qaama murtoo kennuun heeyyamsiisee qusannoo jiru irraa yeroo baasii taasisu arguun akka biyya keenyaattis ta’e akka biyyoottan guddataniitti haaraa miti.
Qaala’iinsi jireenyaa kan furamu miindaa dabaluun akka hintaane beekamaadha. Sababiin isaa dhaabbanni tokko yeroo hojjettoota isaatiif miindaa dabalu, oomisha isaa irratti ammoo gatii nidabala. Yoo akkas ta’uudhaabaate dhaabbanni sun nikufa. Kufaatii kana ooluuf oomisha jiru irratti dabala. Hojjettoonni miindaan dabalameef yeroo gabaa dhaqan gatiin omisha garaa garaa irratti dabalamee argu.
Inni kun miindaafi gatiin bittaa ol ka’aa deemuu (wage and price spiral) isa jennu sana ta’a. Yeroo miindaan dabalu gatiin mi’aas dabalaa deema jechuudha. Haa ta’u iyyuu malee miindaa dabaluu qofa utuu hinta’in maallaqa gar malee gabaa keessatti gadi dhiisuu qoqqobbachuun barbaachisaadha.
Darbees rakkoo qala’iinsi isa irraan qaqqabsiisu to’achuuf hawaasni jabaatee hojjechuu qaba. Gatiin milkaa’insaa inni guddaan jabaatanii hojjechuudha. Namni salphachuu hinbarbaadne, namni rakkoo jiru injifatee keessa taruu barbaadu isa duraarra jabaatee hojjechuun galii isaa guddisee baasii isaa xiqqeessaa deemuu danda’uu qaba.
Namni jabaatee yoo hojjete qofa jijjiirama of irrattis biyya irratti fiduu danda’a. Firii gaariin hojii keessaa ba’a. Akkaataa nuti itti hojjennu rakkoo har’a numudataa jiru akka injifannu yookaan akka mo’amnu nu taasisa. Namni jabaatee yoo hojjete galiin isaa isa kaleessaa caalaa ta’uu danda’a. Jabaatanii hojjechuun jireenya namaa qofa kan geeddaru utuu hinta’in sadarkaa jireenya namaa humna ol butu kan qabu, kabajaaf kan nama qopheessuufi harka namaa ilaaluufi eeggattummaa kan nama irraa molqee gatuudha. Akkaataa nuti itti hojjennu galii keenya irratti dhiibbaa mataa isaa danda’e qaba. Namni jabaatee hojjetu galii isaa nifooyyessa; namni jireenya isaa fooyyessuu barbaadus jabaatee hojjechuu qaba.
Yeroo tokko tokko miindaa ji’aan argannuun jiraanna sababa ta’eef attamitti galii keenya fooyyessuu dandeenya jedhanii kan gaafatan jiru. As keessatti wanti gochuu qabnu inni guddaan tarii kanaan dura yeroo boqonnaa niqabna yoo ta’e yookaan ammoo yeroo bashannanaa qabnu horiitti geeddaruu yaaluudha. Tarii wanti nuti hojjechuu dandeenyu yookaan ammoo dandeettii qabnu adda ta’e yoo jiraate of ilaaluun barbaachisaadha.
Fakkeenyaaf, qonna qotuu nidandeenyaa? Horii horsiisuu dandeenyaa? Barumsa baranneen bakka gara biraatii hojjennee galii argachuu nidandeenyaa? Isaan kana gadi fageenyaan yaaduun barbaachisaadha. Namoonni tokko tokkos tarii naannoon isaan jiran hojii qonnaaf kan mijatu yoo ta’e akka horii hinbaafnetti hojjechuun galii isaanii fooyyessuun barbaachisaadha. Inni kun baasii ittisuun rakkoo numudate keessa akka tarru nutaasisa.
Galii argachuu qofti ga’aa miti. Galii argannu kana hanga dandaa’ametti ammoo qusachuun barbaachisaadha. Galii keenya irraa hanga ta’e boriif kaa’uun barbaachisaadha. Bara qaala’iinsi jireenyaa jiru akkasii keesatti hanga dandaa’ametti baasii keenyaa gaditti jiraachuunis murteessaadha. Wanti dagatamuu hinqabne inni guddaan namni jabaatee hojjechuu qofaan jireenyi isaa hinjijjiiramu.
Jireenyi isaa akka jijjiiramuuf galii isaas sirriitti qabuu danda’uu, qusachuu, akka horiin kun ammoo baay’ataa deemu gochuun murteessaadha. Sirna baasii sirriitti fayyadamuun keenya ammoo kan nu gargaaru akka waan argannuu olitti baasnee liqaa keessa hinseenneef ta’uun isaa beekamaadha. Liqaa ittiin hojjetanii deebisuuf malee fayyadamuu qofaaf fudhachuu irraa of eeggachuun barbaachisaadha.
Walumaa galatti rakkoo qaala’iinsa jireenyaa bara keessa jirru kana dandamachuuf jabaatanii hojjechuu, galii ofii olitti baasuu irraa of eeggachuu, liqaa irraa fagaachuu, galii keenya sirna baasii sirriitti fayyadamuun yoo dandaa’ame boriif irraa keewwachuu yaaluu, qabeenya keenyatti ogummaan fayyadamuu, galii guddisaa baasii xiqqeessaa deemuu, namoota qaala’iinsa jireenyaan miidhaman utuu hinta’in kan itti fayyadaman ta’uuf yaaluu, baasii gurguddaa wantoota gaafatan yoo dandaa’ame gara fuula duraatti dabarsuu, qusannoo keenya guddisaa deemuun murteessaadha.
“Gatiin milkaa’inaa inni guddaan jabaatanii hojjechuudha. Namni salphachuu hinbarbaadne, namni rakkoo jiru injifatee keessa taruu barbaadu isa duraarra jabaatee hojjechuun galii isaa guddisee baasiisaa xiqqeessaa deemuu danda’uu qaba.”
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 20 Bara 2014