Pirojektonni jallisii haaraan 29n hojjetamaa jiru

Finfinne: Bara bajataa eegalametti Oromiyaatti pirojektota jallisii haaraa 29 qarshii miliyoona 700 ta’uun hojjetamaa jiraachuu  Abbaan Taayitaa Misooma Jallisii Oromiyaa beeksiseera.

Godina Baalee, Aanaa Dalloo Mannaafi Godina Gujii Lixaa dabalatee pirojektotni jallisii guguddoon jiruufi jireenya qonnaan bulaa fooyyessan kan eegalaman yommuu ta’u, pirojektota waggoota darban eegalamanii turan xumursiisanii gara hojiitti galchuunis kallattii xiyyeeffannaa baranaa ta’uu abbaan taayitichaa ibseera.

Abbaa taayitichaatti Daarektarri Bulchiinsa Kontiraataa Obbo Eliyaas Abdii ibsa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, dachee qabeenya bishaaniin badhaate keessa taa’anii rooba gannaa eeguun rakkoo qonnaan bulaa furuun kan hindanda’amne ta’uu himanii, kanaaf immoo qonnaan bulaan hundi humna qabuun fayyadamee baankii bishaanii akka horatu taasifamaa turuu dubbatu.

Baankii bishaanii qonnaan bulaan ooyiruusaa keessatti qopheeffatuun cinattis lageeniifi haroowwan naannichi qabutti fayyadamuudhaan immoo hojiin babal’ina jallisii cimee kan ittifufu ta’uusaafi pirojektotni buleeyyiinis akka xumuramaniif  xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu ibsu.

Akka ibsa Obbo Eliyaasiitti; pirojeektotni buleeyyiin 57 ta’an yeroo ammaa sadarkaa garaa garaa irratti argamu. Isaan keessaa pirojeektotni sadi xumuramanis kontiraaktarootaan sirni walharkaa fuudhinsaa osoo hinraawwatamiin hafuusaatiin garanatti kan ce’an yemmuu ta’u, pirojektotni buleeyyiin kunniin yeroo ammaa dhibbeentaa 63 irra gahaniiru.

Pirojeektotni tanaan dura ijaaramaa turan harkifachuusaaniitiif sababootni gurguddoon sadi kan jiran yemmuu ta’u, qindoominni hawaasa fayyadamaa waliin ture laafaa ta’uun, dandeettiin raawwachiistummaa kontiraaktarootaa gadaanaa ta’uufi miirri itti gaafatamummaa gahaan dhabamuunsaa harkifannaa kanaaf ga’ee olaanaa bahataniiru.

Oromiyaan lafa jallisiin misoomuu danda’u hektaara miiliyoona 3 ol qabaattus hanga ammaatti hektaara kuma dhibba jahaa ol misoomsuu hindandeenye.

Bariisaa sadaasa 21/2011

Bayyanaa Ibraahimiin

Recommended For You

One Comment to “Pirojektonni jallisii haaraan 29n hojjetamaa jiru”

  1. Pingback: หวย x4rich

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *