“Amaaraa ta’uu keenya yaadanneetuu hinbeeknu” -Dhalattoota saba Amaaraa Wallagga jiraatan

Shaambuu: Yeroo ammaa biyya tana keessa gabaan akka siyaasaatti ho’e tokkollee hinjiru. Daldala siyaasaa biyyattiitti geggeeffamaa jiruun yeroo heddu kan fayyadamu murna siyaasaa muraasa yemmuu ta’u, kan itti miidhamu garuu daldaloota osoo hintaane ummata bal’aa homaa quba hinqabne, isa daka jiruudha. Bu’urri daldala siyaasaa yeroo ammaa kun immoo sabummaadha.

 Saba tokko isa birootiin walitti buusuudhaan bu’aan jarri argatan immoo isa olaanaa waan ta’eef yeroo kaan waan xixiqqoo arbeessuudhaan yeroo biraa immoo waan tasuma hinuumamne ofiisaaniitiif uumuudhaan hafarsu. Dhiheenya kana dhalattoonni saba Amaaraa Wallagga keessatti Oromoodhaan akka waan buqqaafamaniitti oduun miidiyaa ‘ESAT’ jedhamuun darbee ture kijiba ta’uufi guyyaa tokkos Amaaraa ta’uusaaniituu kan hin yaadanne ta’uu jiraatottni saba Amaaraa Godina Horroo Guduroo Wallaggaa Aanaa Abee Dongoroo keessa qubatan ni ibsu.

Ololli Oromoonni Wallaggaa dhalattoota saba Amaamaa buqqisaa jiru jedhu waggoota 20n isaan achi jiraachaa turanitti uumamee kan hinbeekne ta’uu kan himan Obbo Zannabaa Tashooma, jiraattot naannawa sanaa sabaanis ta’ee amantaadhaan guyyaa tokkollee wal qoodanii kan hinbeekne ta’uu dubbatu.

 Akka ibsa Obbo Zannabaatti; ummanni naannawa sana jiraatu hundi gaafa gaddaatti wal wajjin gaddaa gaafa gammachuu immoo waliin gammaduu malee inni kun saba kanaafi saba sani jedhee yeroon inni waldhiibe tokkollee argee hinbeeku. Nuti kan jiraannu baadiyyaa iddoo daandiin mijataafi bu’uraaleen misoomaa gahaan hinjirre waan ta’eef oduu giddugala biyyaatti odeeffamu hedduusaa quba qabaachuu baannus yeroo hedduu garuu waan hin jirre tokko fakkeessanii akka waan saba tokko fayyaduuf godhaniitti dhiheessuun inumaayyuu ummata nagaa walitti buusu.

 “Ummanni Oromoo osoo nu buqqisuu osoo hintaane nu dhaabee nu agarsiise” kan jedhu immoo dhalataan saba Aamaaraa biroon Dargaggoo Allabal Geetaachoo, osoo ummanni Oromoo aadaa nama buqqisuu qabaatee gaafuma duraa sanii achi qubachuun waan hin yaadamne ta’uu ibsa. “Nitu daboo walitti baanee mana amantii kiristaanaafi musliimaa waliif ijaaruu malee, midhaan waliif haamuu malee waan hamilee walii cabsu walitti dubbannee hin beeknu” jedha dargaggoon kun. Gaafa rakkoon isaan mudate Amaaraa naannawa ofii keessa jiru dura kan isaaniif birmatu Oromoota Wallaggaa ta’uusaa himee, isaaniifi Oromoota iddoo biroo dura kan birmatu Amaaraa achi jiraatu waan ta’eef firummaan waliin jireenya caale kan hinjirre ta’uu dubbata.

Bariisaa Bitootessa 13/2011

Bayyanaa Ibraahimiin

Recommended For You

One Comment to ““Amaaraa ta’uu keenya yaadanneetuu hinbeeknu” -Dhalattoota saba Amaaraa Wallagga jiraatan”

  1. Pingback: wonder rope 4000mg

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *