ODPfi ADOn walitti makamuun ummata Oromootiif injifannoo guddaadha

Finfinnee: Oromoo Dimokiraatik Paartii (ODP)fi Addi Dimokraatawaa Oromoo (ADOn) walitti makamuun sanada walhubannaa dheengadda Waajjira Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa (BMNO)tti mallatteessaniiru.

Dura Taa’aa Ittaaanaa ODPfi Pirezidaantii BMNO, Obbo Lammaa Magarsaa saganticharratti akka jedhanitti, jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo gamaafi gamana dhaabbachuurra gara tokkotti dhufanii tokkummaadhaan humna walii ta’uun dhaloota ittaanuuf ijjifannoo dabarsuu qabu.

Haalli qabsoo yeroo ammaa walxaxaafi ulfaataa waan ta’eef yeroo kamuu caalaa gamtoomuufi tokkummaa uumuu gaafata jedhanii, ODPfi ADOn walitti makamanii qabsoo saba Oromoo gara fuula duraatti deemsisuuf murteessuusaanii eeru. Dhaabbileen lamaan walitti dhufanii Oromoof gaachana ta’u jennees amanna jedhan.

Hoggantoonni ADO hedduun qabsoo saba Oromoo keessatti beekumsa gahaafi muuxannoo waan qabaniif ODP wajjin jaarmiyaa siyaasaa tokko ta’uunsaanii qabsoo Oromoo gara fuulduraatti tarkaanfachiisuuf gargaara kan jedhan Obbo Lammaan, hoggantoonni ADO kanaan dura utuu gara biyyaatti hingaliniyyuu beekumsaafi humna qabaniin karaawwan gara garaa nu deggeraa turan jedhu.

Jaarmiyaalee lamaan walitti makamuun tokkommaa uumuun qabsoo siyaasaa saba Oromoofis ta’e biyyattii keessatti geggeeffamuufis fakkeenya gaariidha kan jedhan Obbo Lammaan, saba guddaa kanaaf addaan faffacaanee qabsaa’uurra walitti dhufnee tokkummaan qabsaa’uun faayidaa guddaa akka qabu ibsan. Jaarmiyaaleen maqaa Oromootiin qabsaa’an biroonis walitti dhufanii tokkummaa uumuu akka qaban gorsaniiru.

Dura Taa’aa ADO, Obbo Leencoo Lataa gamasaaniin akka jedhanitti, har’a egeree walfaallessu lamatu Oromoo dura jira. Isaanis karaa guddinaafi kabajaa qabachuu ykn karaa salphinaafi hiyyummaa qabachuuti.

Addaan faffaca’uun karaa hiyyummaafi gadadoo yoo ta’u, harka walqabannee tokkummaan uumuun ammoo karaa guddinaafi kabajaati. Yeroo murteessaa kanatti akka waggoota kurnan darbaniitti yaaduu utuu hintaane akka haala ammaatti yaaduufi socho’uun barbaachisa.

Yeroo ammaa tokkummaa jaarmiyaalee Oromoo qofa utuu hintaane tokkummaan saba Oromoo cimsuurrattis hojjechuu qabna kan jedhan Obbo Leencoon, kun yoo ta’e jijjiiramni  mul’ate sirriitti milkaa’uu akka danda’u ibsu. Qabsichi jagnummaa qofa osoo hintaane gamnummaas kan gaafatu ta’uu himaniiru.

Dhaabbileen siyaasaa Oromoo biroonis akka waggoota 15 yaaduu utuu hintaane tokkummaa uumuun saba Oromoo cunqursaafi hiyyummaa keessaa baasuurratti xiyyeeffachuu qabu jedhanii, jaarmiyaaleen biroonis adda addummaasaanii dhiphisanii qabsicha finiinsuu akka qaban gaafataniiru.

Hojiin fuundura jiru daran ulfaataataa waan ta’eef walqabannee hojjechuu qabna kan jedhan Obbo Leencoon, biyyattiitti sirni dimokraasii akka ijaaramuufi ummannis jireenya kabajaafi badhaadhinaa akka geggeeffatuuf kan hojjetan ta’uu beeksisaniiru.

Jaarmiyaalee siyaasaa Oromoo walitti fiduuf tattaafataa kan turan Pirezidaantiin Gamtaa Barattoota Oromoo, Obbo Ahmad Mahaamadsaanii ibsa addatti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, gamtichi Oromoon jaarmiyaalee sadii qofa akka qabaatuuf qorannoorratti hundaa’ee xiyyeeffannaa hojjetaa ture.

Walitti makamuun ODPfi ADO ummata Oromootiif injifannoo guddaa ta’uu kan eere pirezidaantichi, gamtichi jaarmiyaalee maqaa Oromootiin socho’an biroonis fakkeenya gaarii kana akka hordofan waamicha dhiyeesseera.

Bariisaa sadaasa21/2011

Natsaannat Taaddasaatiin

 

 

Recommended For You

2 Comments to “ODPfi ADOn walitti makamuun ummata Oromootiif injifannoo guddaadha”

  1. Pingback: bad links

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *