Dargaggoota teknolojiitti madaqan horachuuf BLTOn caalaatti hojjechuu qaba


Adaamaa: Itoophiyaan humna namaa beekumsa, dandeettiifi muuxannoon misoome horachuuf  tattaaffii olaanaa taasisaa turteetti. Humni namaa %80 damee BLTOtti kan leenji’u yoo ta’u, harki digdamni ammoo dhaabbilee barnoota olaanaa seenuun akka baratan taasifamaa tureera; jiras.

Daariktarri olaanaa Ejensii Barnootaafi Leenjii Teknikaafi Ogummaa Federaalaa Obbo Geetaachoo Nagaash marii dheengadda Adaamaatti adeemsifamerratti akka jedhanitti, misooma hawaas-dinagdeefi siyaasa biyya tokkoo qixa barbaadameen sochoosuuf humni namaa dandeettii,  beekumsaafi muuxannoon misoomee daran murteessaadha. Mootummaanis damee kanaaf xiyyeeffannaa olaanaa kennuun keessumaa dargaggoota dandeettiifi ga’umsa qaban horachaa tureera. Kunis  sadarkaan jireenya hawaasaa akka fooyya’u taasisaa jira jedhu.

Daraggootni  damee BLTO keessatti leenji’anii ba’anis hojiilee adda addaa irratti hirmaachuun jireenyasaaniifi maatiisaanii jijjiiruurra darbanii misooma biyyaa si’eessaa keessattis gumaachaa jiraachuu isaanii eeraniiru. Kana caalaatti cimsuuf damichi teknoloojii ammaayyaawaatiin deggaramuun leenjii ogummaafi teknikaa kennuu eegaleeraa jedhan.

Damichi humna namaa biyyattiin barbaaddu baay’inaan omishaa jiraatus hudhaalee hedduu duubatti harkisanis ni qaba. Tooftaan madaallii ga’umsaa eebbifamtootaaf itti kennamu hanqina qabaachuun, hirmaannaan dubartootaa gadaanaa ta’uun, wiirtuleen leenjii sadarkaa sadarkaan jiran abbummaan hojjechuu dhabuufi leenjii gaggabaaboo qulqullinaan kennamuu dhabuufaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Kana sirreessuuf ammoo hoggantootni damichaafi qaamoleen dhimmi ilaallatu keessumaa akkaataa dargaggootni teknolojiitti madaqanirratti qindoominaan hojjechuu akka qaban yaadachiisan.

Ministir De’eetaan Saayinsiifi Dhaabbilee Barnoota Olaanaa Doktar Abdulwasaa Abdullaahii gamasaaniin akka ibsanitti, dameen BLTO lammiilee beekumsa, dandeettiifi muuxannoon ga’ooman horachuuf itti gaafatamummaa guddaa fudhatee hojjechaa jira. Ta’us, humni namaa horatamaa jiru teknoloojii ammayyaatti sirnaan madaqaa waan hinjirreef misooma hawaas-dinagdee biyyattiin qabattee hojjechaa jirtu haalaan dhugoomaa akka hinjirre ibsaniiru. Kanaaf mootummaan bajetaafi hoggansa ga’umsa qabu ramaduun, akkasumas barnoota leenjii ogummaafi teknikaa waliin madaallii kennuun caalaatti deggaruu qabaa jedhu.

Ministirri Ministeera Saayinsiifi Dhaabbilee Barnoota Olaanaa Pirofesar Hiruut Waldamaariyam ammoo akka jedhanitti, dameen BLTO jiruufi jireenya hawaasaa fooyyessuuf  gumaacha olaanaa taasisaa kan tureefi jiruudha. Kunis dargaggoota misooma qonnaa, fayyaafi barnootaa keessatti hojjetanii hawaasa gargaaran  omishuutn wabii ummataa ta’aa waan jiruuf hawaasni caalaatti abdii akka irratti horatu godheera. Haa ta’u malee daraggoota teknoloojii ammaayyaatti fayyadamuun dandeettii olaanaa qabaniifi fedhii ogummaa mootummaan damicharraa barbaadu walsimachaa waan hinjirreef xiyyeeffannoo kan gaafatu ta’uusaa ibsaniiru.

Kana gochuuf ammoo damee BLTO keessatti hojmaata haaraa diriirsuun murteessaa ta’uu himanii, dursa garuu tarsiimoofi imaammata biyyattiin hordofaa jirtu fooyyessuun dirqama ta’uusaa  hubachiisan. Hangasitti hoggantootni damichaafi wiirtuleen leenjii ogummaafi teknikaa waanuma ofharkaa qabaniin hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Biyya misooma hawaas-dinagdeen badhaate uumuuf humni namaa misoome murteessaadha. Keessumaa dargaggoota teknolojiitti madaqanii ogummaafi dandeettiisaanii dagaagfatan horachuuf dameen BLTO gahee olaanaa bahachaa waan tureef,  fuldurattis ciminaan hojjechuu gaafata.

Takkaalliny Gabayyootiin

Bariisaa Bitootessa 6/2011

Recommended For You

2 Comments to “Dargaggoota teknolojiitti madaqan horachuuf BLTOn caalaatti hojjechuu qaba”

  1. Pingback: fake info

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *