Itoophiyaa dabalatee biyyootni hedduun Xiyyaara ‘Boeing 737 Max 8’ fayyadamuu dhaaban



Finfinnee: Dilbata darbe Finfinnee irraa gara Naayroobiitti balali’aa kan ture xiyyaarri daandii qilleensaa Itoophiyaa lakkoofsi balalii isaa ‘ET 302’ ta’e ‘Boeng 737 Max 8’ kufee caccabuun lubbuun namoota 157 darbuun isaa ni yaadatama.

Xiyyaarichi ganama sa’aatii 2:38tti Buufata Xiyyaaraa Biyyoolessaa Boolee irraa ka’uun gara Keeniyaa, Naayroobiitti utuu balali’uu turtii daqiiqaa ja’aa booda Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Gumbichuu, Ganda Tulluu Farraa jedhamtutti kufee caccabe. Sababa balaa kanaatiin balaliisaa Yaared Mulugeetaafi gargaaraasaa Ahimadnuur Mohaammad dabalatee hojjettootni xiyyaarichaa saddeetiifi imaltoonni 149 waliigalatti namoonni 157 lubbuusaanii dhabaniiru. Namoota lubbuunsaanii darbe keessaa 18 Itoophiyaa, 32 Keeniyaa, 18 Kanaadaa yoo ta’an, waliigalatti balichaan kan miidhaman lammiilee biyyoota 35ti.

Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa xiyyaarota ‘Boeing 737 Max 8’ shan kan qabu yoo ta’u, hamma sababni balichaa qoratamee beekamutti akka hinbalaliine taasiseera. Sababa balaa xiyyaaraa kanaan walqabatee biyyootni addunyaa gara garaas gosa xiyyaarichaa tajaajila balaliitiin ala gochaa jiru. Bulchiinsi Aviyeeshinii Yuunaayitid Isteetis garuu akaakuun xiyyaaraa ‘Boeing’s 737 Max 8’ qilleensarra balali’uuf mijataa ta’uu himuusaati miidiyaaleen adda addaa gabaasaa kan jiran.

Saanduuqni (‘Black Box’) odeeffannoo sababa balaa xiyyaarichaa ibsus argameera. Saanduuqni kun balaa kamiyyuu dandamachuun sochii balaliisaa, saffisa, olka’iinsaafi boba’aa xiyyaaraafi sagalees waraabee kuusuun odeeffannoo barbaachisu kennuuf gargaara. Itoophiyaan meeshaa saanduuqa kana sakatta’u waan hinqabneef saanduuqichi gara biyya alaatti kan ergamu ta’uu raawwachiisaan hojii Daanfii Qilleensa Itoophiyaa, Obbo Tawalda Gabramaariyaam ibsaniiru.

Daandiin qilleensichaa lakkoofsas ta’e, yeroo balaliirratti jijjiirrama osoo hinagarsiisin akkuma duraatti tajaajila kennaa jiraachuufi muuxannoofi nageenyi daandichaa maamiltoonni amantaa daandicharraa qaban akka hinhir’isne taasiseeras jedhan.

Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa balaa mudate kanaan naasuudhaan raafamus milkaa’inasaatiin Afrikaa keessaa sadarkaa jalqabaarra irratti argama. Daandiin xiyyaaraa kun olaantummaasaa kan mirkaneeffate gatii tikeetii madaalawaa, tajaajila si’ataa kennuu, nageenyummaa, bu’a qabeessummaafi daandiiwwan xiyyaaraa biroo hedduu waliin michummaa uumee imaluusaatiin ALA bara 2018 Afrikaa irraa tokkoffaa ta’uun filatameera.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa lammiilee balaa xiyyaarichaatiin du’an ilaalchisuun Wiixata darbe gadda guyyaa tokko kan labse yoo ta’u, akkasumas Ministira Muummee dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaafi naannolee, biyyoota garagaraafi embaasiiwwan gadda isaanitti dhagahame ibsuun maatiiwwaniifi firoota namootni jalaa du’aniif jajjabina hawwaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Bitootessa 6/2011

Recommended For You

3 Comments to “Itoophiyaa dabalatee biyyootni hedduun Xiyyaara ‘Boeing 737 Max 8’ fayyadamuu dhaaban”

  1. Pingback: mondo grow kits
  2. Pingback: Farbenfreunde

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *