ADWUIn gara paartii biyyaalessaa tokkotti jijjiiramuun faayidaa maalii qaba?

Addi Dimokiraasummaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) kan hundaa’e miseensota dhaabbilee Oromoo Dimokiraatik Paartii (ODP), Amaaraa Dimokiraatik Paartii (ADP), Sochii Dimokiraasummaa Ummattoota Kibbaa (SDUK)fi Adda Bilisa Baasaa Ummattoota Tigraay (ABUT)iini. Dhaabbilee kanneen dabalatee dhaabbilee deggartootaa shanan walitti fiduun ADWUI gara paartii biyyaalessaa tokkotti jijjiiruuf sochiirraa jiraachuu mootummaan ibseera.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad marii tibbana bakka buutota hawaasa naannoo Hararii, Gaambeellaa, Beenishaanguul Gumuz, Affaariifi Somaalee kuma sadii ol waliin waajjira isaaniitti mari’ataniiru. Maricha irratti “paartii biyyaalessaa tokko kan hundi keenya keessatti argamnu waan hundaa’uuf ji’oota muraasa booda paartiin Affaar, Beniishaangul Gumuz, Oromoo, Amaara… jedhu hinjiraatu” jedhu.

Waajjira ADWUItti Ittigaafatamaan Dhimma Walittidhufeenya Haalaa Obbo Saadaat Nashaa ibsa BBC Afaan Oromotiif kennanniin akka jedhanitti, Addichi paartii biyyaalessaa tokko ta’a jechuun paartiileen afran ADWUI hundeessan sagantaa walfakkaataa waan qabaniif adda irraa gara paartii biyyaalessaatti ce’uun tokko ta’u jechuudha. Paartiilee afraniin ala paartiileen deggertootaa naannolee Affaar, Somaalee, Beniishaangul Gumuzfi Gaambeellaas paartii biyyaalessaa kana keessatti haammatamu ta’uu ibsu.

Dhaabbilee ADWUI afran ejjennoo addaan fagaatu hinqaban. Yaadonniifi falmiin isaanii ajandaa mana maree irrattis ta’e hojiraawwachiiftuu irratti takkaa adda ta’anii hinbeekan. Dhaabbileen ADWUI afran kanaan dura adda irraa gara paartii tokkootti geeddaramuu qabna yaada jedhu dhiyeessaa turaniiru jedhu Obbo Saadaat.

Akka Obbo Saadaat jedhanitti, yaa’ii 11fa addichaa yaadni gara paartii tokkootti ce’uu qabna jedhu kaa’eera. Kanaafuu hojichi kallattii kanaan deemaa jira. Walitti makuufis ta’e gara kallattii tokkootti dhufuudhaaf waanti dhorku jira jedhamee hin yaadamu. ADWUIn gara sirna paartii tokkootti ce’a yeroo jedhamu paartiileen maalummaa qaban dhabu jechuu miti. Yeroo walitti makaman maqaa tokko qabaatanii hundinuu waliin qooda ofii bahatu. Addicha gara paartiitti fiduu jechuun sirna federaalizimii dhiisamee sirna biraa ijaarama jechuu akka hintaane addeessu.

Miseensi Koree Giddugaleessaa ABUT Doktar Fissahaa Habtatsiyoonis ibsa ‘BBC’ Afaan Oromootiif kennaniin akka jedhanitti, haala amma jiruun walitti makamuun waan danda’amu miti. Tokko tokko yeroo dukkanaa keessa turre jedha. Kaan ammoo hir’inni jiraatus milkaa’ina hedduun galmaa’eera jechuun misooma argame tokko tokko caqasanii falmu. Yaada walsimatu utuu hinqabaatin yeroon kun kan itti walitti makamuu qabnuudhaa? jedhee yeroon of gaafadhu deebiin koo tasumaa dhugaa ta’uu hindanda’u jedhu.

Sirna dimokraasii cimsuufi egeree Ityoophiyaatiif tokkummaan hojjechuun barbaachisaadha kan jedhan Doktar Abiyyi, Paartii hunda keenya bakka bu’u, qixa mari’achuufi murteessuuf gargaaru kan ga’umsa qabuufi dhoorkii malee keessatti hirmaannu ijaaruuf hojjechaa jirra jedhu.

Pirezidaantiin Paartii Madrakii Federaalawaa Demokraatawaa Tokkummaa Itoophiyaa Pirofeesar Mararaa Guddinaa dhimma kana irratti ibsa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, ADWUIn paartii biyyaalessaa tokko uumuuf erga irratti dudubbachuu jalqabee tureera.

Kana hojiirra oolchuuf aggaamee duubatti deebi’aa ture. Nuti ADWUI irraa kan eegnu sirni dimokiraasii akka babal’atu, filannoon dhugaafi sirni federaalizimii dhugaan akka jiraatu taasisuusaati malee paartii tokko, afur ykn sagal ta’uusaa miti.

Nuti biyyattii keessatti sirni dimokiraasii dhugaan akka ijaaramu, sabni sirna federaalizimii dhugaatiin akka bulu barbaanna kan jedhan pirezdaantichi, sabni keenya qe’eefi qabeenya isaa irratti abbummaa qabaatee nagaan akka jiraatuufi abbaa barbaade filatee akka ittiin bulu taasisuuf qabsoofna. Sirna dimokiraasiifi federaalizimii dhugaatti gufuu ta’uu hinbarbaannu. Qabsoon keenyas kanuma.

ADWUIn sirna dimokiraasiifi federaalizimii dhugaa fudhatee yoo mo’ates mormii hinqabnu. ADWUIn tapha kanaan duraa qawweedhaan, sagalee sabaa hatuudhaan aangoorra turuufi saba humnaan bulchuu irraa of deebisuu qaba. Taphichi saba keenya jeeqaafi dhiiga Qeerroo dhangalaasaa waan tureef kun isaafis nuyiifis rakkoo ta’uu isaa beekee irraa of deebisuu qaba jedhu.

Pirezidaantiin Mootummaa Rippaabiliika Dimokiraatawaa Itoophiyaa duraanii Doktar Nagaasoo Gidaadaa akka jedhanitti, ADWUIn dhaabbilee miseensota addichaa afuriin hundaa’e. Addicha keessatti namni dhuunfaa miseensa ta’uu hindanda’u. Miseensa addichaa ta’uudhaaf dhaaba saba isaa keessa seenuutu irra jira. Karaa dhaaba saba isaa addicha keessa seena. Addichi akka paartii biyyaalessaa tokko ta’uuf waggoota 17 durayyuu irratti mari’atamaa waan tureef waan haaraa miti.

Dhaabbileen ADWUI hundeessan hundinuu sagantaan siyaasaa ADWUI waan hordofaniif hanga gadiitti yaadni isaanii tokkuma waan ta’eef addichi paartii biyyaalessaa tokko ta’uun waan haaraa hinqabu kan jedhan Doktar Nagaasoon, karoorriifi sagantaan gadi bu’u hundinuu tokkuma waan ta’eef paartii biyyaalessaa tokko ta’uun isaa rakkoo fidu hinqabu.

Paartii biyyaalessaa tokko ta’uun isaa namni barbaade kamiyyuu miseensa paartichaa akka ta’u taasisa. Kan jechuun maqaa addichaatu jijjiirama malee sagantaan siyaasa isaa tokkuma jechuudha. Paartiileen hundinuus akka paartii akka paartii tokkootti akka ijaaraman taasisa. Paartiileen deggertootaas miseensa paartii biyyaalessaa akka ta’an taasisa jedhu.

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Bitootessa 6/2011

Recommended For You

2 Comments to “ADWUIn gara paartii biyyaalessaa tokkotti jijjiiramuun faayidaa maalii qaba?”

  1. Pingback: https://fixbc.com
  2. Pingback: radiesse

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *