Lakkaawwii ummataafi manaa milkeessuuf qophii taasifamaa jiru


Finfinnee: Akka biyyaalessaatti lakkaawwiin ummataafi manaa marsaa 4fa Bitootessa 29 bara 2011 irraa eegalee guyyoota kudhaniif kan adeemsifamu yoo ta’u, Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannaa olaanaa kennuun qophii taasisaa jiraachuusaa ibseera.

Itti gaafatamaan Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa naannichaa Obbo Admaasuu Daamxoo Roobii darbe gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin akka jedhanitti, lakkaawwii ummataafi manaa akka biyyaalessaatti adeemsifamu milkeessuuf bulchiinsi mootummaa naannicaa xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojjechaa jira.

Kanaanis sadarkaa naannoorraa kaasee hanga gandaatti koreewwaniifi manneen maree waliinii hundaa’eeraa jedhan. Qaamoleen koreewwan kana keessatti hammatamanis abbootii Gadaafi amantii, waldaalee siivikii, akkasumas sektaroota mootummaa addaddaarraa kan walitti babba’an yoo ta’u, guyyoota lakkaawwiin adeemsifamutti rakkoon nageenyaa akka hin uumamneef qaamolee nageenyaa waliin ta’uun kan hojjetaniidhaa jedhan.

Hundarra ammoo lammiileen marti akka lakkaawamaniif dadammaqsuufi hojii hubannoo  uumuu kan hojjetan ta’uus eeraniiru. Hojii lakkaawwii ummataafi manaa barana adeemsifamu kun guutummaatti akka milkaa’uufis BMNO qophii gahaa gochuurratti kan argamu waan ta’eef, kutaaleen hawaasaa marti lakkaa’amuun dirqama lammummaa isaanii bahachuu akka qabanis dhaamaniiru.

Barreessaan Komishinii Lakkaawwii Ummataafi Manaa Oromiyaa Obbo Sheekoo Gurroo gamasaaniin akka jedhanitti, Itoophiyaatti lakkaawwiin ummataafi manaa yeroo sadii kan adeemsifaman yoo ta’u, kan baranaa akka biyyaalessaatti marsaa 4faf  adeemsifamuudha.

Kunimmoo karoora, imaammataafi tarsiimoowwan hawaas-dinagdeefi siyaasaa biyyattiinis ta’e Oromiyaan ittiin gaggeeffamtu qopheessuufi hojiirra oolchuuf baay’ina ummataa saalaan, umriin, sadarkaa barnootaafi kkfniin beekuun murteessaadha. Kana gochuuf ammoo mootummaan waggaa kudhanitti al takka lakkaawwii ummataafi manaa adeemsisuun dirqamaa ta’uusaa ibsanii, Bitootessa 29 bara 2011 irraa kaasee gaggeeffamus sochii hawaas-dinagdeefi siyaasaan kan walqabatu waan ta’eefi jedhaniiru.

Akka Oromiyaatti hojii lakkaawwii kanaa si’eessuuf kaartaan lafarraa  kuma 152 qophaa’ee raabsamuusaa himanii, kana waliinis meeshaaleen barbaachisaa ta’an guutamuun ergameeras jedhan.

Leenjiin leenjistootaas Guraandhala 26 kaasee hanga Bitootessa 8 bara 2011tti kennamaa kan jiru yoo ta’u, Bitootessa 12-24 bara 2011tti ammoo leenjiin lakkooftotaafi to’attootaaf magaalota Oromiyaa addaddaa keessatti ni kennamaa jedhaniiru.

Godinaalee rakkoon nageenyaa ture keessattis lakkaawwiin ummataafi manaa adeemsisuufis qaamolee nageenyaa sadarkaa sadarkaan jiran waliin mootummaan haala mijeessuusaa ibsanii, hunduu haalaafi bakka jirutti lakkaawamuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Lakkaawwii ummataafi manaa adeemsisuun hojiilee hawaas-dinagdeefi siyaasaa kan tumsuudha. Namni tokkollee osoo hinlakkaawamiin hafuunsaa ammoo karoora, imaammataafi tarsiimoo mootummaan qopheessuun hojiirra oolchurratti dhiibbaa kan geessisu waan ta’eef, martuu lakkaawamuuf dursee of qopheessuu akka qabu yaadachiifameera.

Takkaalliny Gabayyootiin

Bariisaa Bitootessa 6/2011

Recommended For You

2 Comments to “Lakkaawwii ummataafi manaa milkeessuuf qophii taasifamaa jiru”

  1. Pingback: k8bet100.online

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *