Beenishanagul Gumuzitti deeggarsi Raayyaa Ittisaaf taasifamu akkuma ittifufetti jira

Finfinnee: Deeggarsi gooticha Rayyaa Ittisa Biyyaaf taasifamaa jiru cimee ittifufaa jiraachuu Ittigaafatamaan Biiroo Ittisa Balaa fi Sodaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Beenishaagul Gumuuz Obbo Taarraqanyi Taasisaa ibsan.

Ittigaafatamichi ibsa dheengada Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, deeggarsichi galaa qopheessuun, dhiiga arjoomuufi qarshii walitti qabuun cimee ittifufaa jira.

Naannichi daangaarra jiraachuufi hidhi laga guddaa Abbayyaa kan keessatti argamu waan ta’eef akka adda waraanaa birootti kan ilaalamuu danda’u ta’uu eeranii, nagaa naannichaa kabachiisuuf kutannoon hojjetaa jiru.

Dargagoonni naannichaa keessumaa erga Ministirri Muummeen adda waraanaatti duulanii haala jajjabeeffamuu qabuun RIB tti makamaa jiru jedhanii, maatii tokko keessaa namni lamaafi isaa ol makamuuf kanneen galmaa’an jiraachuus himaniiru.

Gareewwan shororkeessitoota Shaneefi ABUT wayita garagaraatti nageenya naannichaa boreessuuf yaalanis tattaaffii ummanni nageenya naannawasaa eegsisuuf taasisaa jiruun fashalaa’uu kaasaniiru.

Ittigaafatamaan Biiroo Faayinaansiifi Dinagdee Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Gaambeellaa Obbo Oboongi Otoowu gamasaaniin, naannichi RIBf marsaa lamaan deeggarsaa taasiisuu yaadachisanii, wayita ammaa marsaa sadaffaaf qarshii miliyoona 29 deeggaruuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.

Deeggarsa taasifamaa jiru keessatti hirmaannaan hawaasaa daran jajjabeessaa ta’uu eeranii, dargaggoonni naannichaa RIBtti makamuun birmadummaa biyyaa tiksuuf galmaa’aa jiraachuufi hanga nageenyi biyyatti mirkanaa’utti deeggarsa hundagaleessi kan taasiifamuu ta’uu beeksisaniiru.

Gareewwan shororkeessaa ABUTfi Shanee cinaatti gareen ‘Gaaleeki’ jedhamu nageenya naannichaa boreessuuf sochii taasisus humnoonni nageenyaa naannichaa hojii qindaa’aa ummattoota waliin hojjetaniin fashalaa’uufi wayita ammaas naannichi nageenya waaraa mirkaneeffachuu danda’uu dubbataniiru.

 Sinqinash Alamuutiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 9/2014

Recommended For You