Gurgurtaan Sheerii Odaa karooraan gadi ta’uun ibsame


Finfinnee: Kaampaaniin Sheerii Odaawarraaqsa dinagdee Oromiyaa akka tumsuuf hundaa’uyyuu gurgurtaan sheerii akkaataa karoorfameen deemaa akka hinjirre kaampaanichi beeksise.

Hogganaan  Kaampaanii Sheerii Odaa, Obbo Isheetuu Zallaqaa ibsa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, galiin gurgurtaa sheeriirraa argamuuf karoorfame yeroo qabameefkeessatti sassaabamuu dhabuun warraaqsi dinagdee Oromiyaa haala barbaadamuun akka hinsaffisne taasisa.

Warraaqsi dinagdee sheerii Kaampaanii Odaan eegalame waggaa lama lakkoofsisus bittaa konkolaataaf qarshii miliyoona 400 walitti qabuuf  karoorfamee dhibbantaa 25 qofa sassaabuun danda’ameera. Kun ammoo adeemsa keessa rakkoo kan uumuudha jedhan.

Kaampaanichi garuu ergamasaa milkeessuuf  bittaa konkolaataa ummataa ‘VOLVO’ 30  kan raawwate ta’us maallaqni bakkeetti hafe yeroon sassaabamuu dhabuunsaa sosochicha gufachiisuu akka hinoolle ibsaniiru.

Bittaa konkolaataawwaniif kaffaltiin dhibbantaa 30 ykn miliyoona 150 ol baasii ta’uu himanii, maallaqni bakkeetti hafe yoo sassaabameen ala karoorri qabame milkaa’uu hindanda’u jedhan.  Kanaaf namoonni gatiin sheerii isaan harkatti hafe gali gochuu akka qabanillee dhaamaniiru.

Kaampaanichi yeroo muraasa booda konkolaattota ‘VOLVO’ 30  biyya keessa galchuun tajaajila kennuu eegala kan jedhan Obbo Isheetuun, konkolaattonni afur agarsiisaaf jalqaba bahan guyyoota muraasa booda Finfninnee kan galan ta’uu dubbataniiru.

Konkolaattonni kunneen yeroo dhiyootti gara biyyaatti seenanii hojii kan eegalan ta’uu himanii, warraaqsa dinagdee ummata Oromoo tarkaanfachiisuun alatti rakkoo hojidhabdummaa dargaggootarratti calaqqisu furuufis kan akeekedha jedhan.

Kaampaaniin kun tajaajila geejjibaa kennuun alatti ijaarsa sheeliiwwanii, gurgurtaa boba’aa, Zayita konkolaataa garagaraa kutaalee Oromiyaa keessatti babal’isuun dargaggoota fayyadamaa taasisuuf hojiitti seenee jira.

Qacarrii humna namaa ilaalchisee konkolaachistoota gahumsa qabaniifi gargaartota  100 ol dorgomsiisuun kan qophheeffatan ta’uus ibsanii,  akkuma konkolaattonni biyya keessa galaniin hojiisaanii akka eegalaniif haaldureen xumurameeraa jedhan.

Turtii waggaa tokkoon booda kampaanichi konkolaattota  ummataa gara 300tti guddisuun tajaajila geejibaa biyyoota ollaa Itoophiyaa ta’an kanneen akka Eertiraa, Sudaan Kibbaafi Sumaaliyaa walqunnamsiisu eegaluufis hojiitti seenee jiraachuu Obbo Isheetuun dubbataniiru.

Ummatni Oromoo marti  warraaqsa siyaasaa biyyattiiatti  injifannoo cululuqaa akkuma galmeessise warraaqsa dinagdeetiinis dabaluu qaba. Karoora Kaampaaniin Sheerii Odaa eegale dhugoomsuuf deggarsa barbaachisu gochuu akka qaban gaafataniiru.

Waasihun Takileetiin

(Suuri Gabaaboo Gabreetiin)

Recommended For You

5 Comments to “Gurgurtaan Sheerii Odaa karooraan gadi ta’uun ibsame”

  1. Pingback: Cartel cartridges

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *