Ambo: Bulchiinsaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Dandiitti qonnaan bultoota ganda Awaash Baldhoo fayyadamtoota teknolojii qonna ammayyaa ta’aniiru.
Qonnaan bulaan ganda Awaash Baldhoo Obbo Batiruu Waaqtolees omisha kanaan dura ture caalaa edda qonna teknolojii ammayyaatti fayyadamuu jalqabnee callaa gaarii argachaa jirra; hojiisaas karaa saayinsaawaa ta’een waan hojjennuuf dadhabsiisaa miti jidhu.
Kanaan dura hektaara tokkorraa kuntaala shan ykn jaha caalaa argataa hinturre kan jedhan Obbo Batirun, edda teknolojii kanatti gargaaramuu jalqabnee hektaara tokkorraa kuntaala 15 ol argachaa jirra jechuun dubbatu.
Ittigaafatamtuu ittaantuun Waajjira Qonnaa Aanaa Dandii Aadde Gaaddisee Damee gamasaaniin akka muldhisanitti, gandoota Awaash Baldhoofi Awaash Boleetti kilaastara qonnaatti fayyadamuudhaan omishtummaan dabalaa jiraachuu ibsu.
Gandoota kanneen keessatti qonnaan bultoota 241n lafa hektaara 250 irratti omishamaa jiraachuufi hojiin kunis hojetamaa kan jiru walta’insa Giddugaleessa Qorannnoo Qonnaa Holotaa wajjin ta’uu addeessaniiru.
Karaa biraatiin qonnaan bulaan rakkina gabaa kanaan dura isa qunnamaa ture salphisuuf callaasaanii Yuuniyeenii Qonnaan Bultoota Ambootiif dhiheessuun gatii gaariidhaan akka gurguratan walta’iinsi uumamuu ibsaniiru.
Daarektarri Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Holotaa Doktar Kafanaa Tufaa sagantaa daaw’annaa dirree tibbanna jiddugalichatti taasifamerratti Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, qonnaan bulaan Aanaa Dandii gandoota lamaa keessatti lafa hektaara 250 irratti sanyii filatamaa xaafii teknolojii ammayyaatti fayyadamuudhaan omishtummaasaanii guddisaa jiru.
Sanyii filatamaan xaafii kun qorannoodhaan kan argame ta’uufi, gara fuula duraatti qonnaan bultoota naannawichaafi kanneen iddoowwan birootti argaman bal’inaan fayyadamoo gochuuf hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
Hojiin keenya qorannoorratti hundoofnee baddaafi badda dareetti omishaafi omishtummaa guddisuudha kan jedhan Doktar Kafanaan, qonnaan bulaa teknolojii ammayyaatti gargaaramee akka jireenyasaa geeddaru gochuuf hojjetamaa jiraachuu dubbatu.
Giddugaleessichatti sanyii filatamaan qamadii, garbuu, xaafii, baaqelaafi talbaa kuntaala 368 ta’u teknolojii ammayyaatti fayyadamuudhaan qonnaan bulaa wajjin walbarsiisuufi babaldhisuuf hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Lafti hektaara kuma tokko caalu sanyiiwwan filatamaa kanneeniin uwwifamuu kan himan daarektarichi, qonnaan bultoonni kuma 1fi 434 fayyadamtoota teknolojichaa ta’u addeessaniiru.
Tashomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014