Itoophiyaatti hojiirra oolmaan sirna federaalizimii bara ABUT tureefi isa booda jiru maal fakkaata?

Finfinnee: Sirni Federaalizimii Itoophiyaatti hojiirra ooluu kan jalqabe bara 1983 as erga mootummaan Dargii qabsoo sabootaafi sablammoota biyyattiitiin kufee booda. Sirnichi yoo xiqqaate bulchiinsa caasaa mootummaa lamaa ol (federaalaa fi naannolee) kan qabu yoo ta’u, naannoleen biyyattii akka ofiin of bulchan, wajjummaan ammoo mootummaa federaalaa hundeessanii waliin akka biyya bulchan kan taasiseedha.

Ayyaana Saboota, Sablammootaafi Ummatoota Itoophiyaa marsaa 16faf Roobii darbe kabajame sababeeffachuun Gumii Balal marsaa 17fa torban har’aa mataduree “Boqonnaa Haaraafi Ijaarsa Sirna Sabdaneessaa” jedhuun waajjira Pirezidaantii BMNOtti adeemsifameen dhimmi hojiirra oolmaa sirna federaalizimii sirna ABUT keessaafi isa booda jiru maal fakkaataarratti mari’atameera.

Yunivarsiitii Finfinneetti, Barsiisaan Federaalizimii Doktar Tasfaayee Jimaa yaada ka’umsaa dhiyeessaniin akka jedhanitti, federaalizimii Itoophiyaatti kan fide gaaffiifi qabsoo sabootaafi sablammootaati malee murna ABUT miti.

Heerri biyyattii akka naannoleen ofiin of bulchaniif, waliin ammoo biyya bulchan ajajus murni ABUT waggoota 27f garuu naannolee biyyattii sagal keessaa shan (Gaambeellaa, Somaalee, Hararii, Beenishaangul Gumuziifi Affaar) akka of bulchan hingoone.

Naannoleen murnicha waliin biyya bulchuu keessatti hirmaataa turan sadan (Oromiyaa, Amaaraafi Ummattoonni Kibbaa) olaantummaa murnichaa jalatti bulaa turan.

Murni ABUT sirna federaalizimii sabootaafi sablammoota biyyattii diiguufi qabeenyasaanii ittiin saamuuf ittifayyadamaa ture kan jedhan Doktar Tasfaayeen, erga murnichi aangoorraa ari’amee garuu sirnichi naannoleen of, wajjummaan ammoo biyya bulchaa jiru. Baay’inni naannolees sagalirraa 11tti guddate. Afaan hojii mootummaa federaalaa tokko tures shanitti akka guddatuuf irratti hojjetamaa jira.

Obbo Baqqalaa Lammii Yunivarsitii Naannoo Oromiyaatti Barsiisaa Federaalizimii, Yunivarsiitii Finfinneetti ammoo barnoota Federaalizimiitiin Kaadhimamaa ‘PhD’ti.

Isaanis barreeffama ka’umsa mariif dhiyeessaniin akka jedhanitti, sirnichi aangoofi gahee hojii mootummaa naannoleefi mootummaa federaalaa adda baasee qoodus murni ABUT seeraan ala aangoo mootummoota naannolee keessa seenaa ture.

Baroota murnichi aangoorra turetti sirni federaalizimii dhugaan hojiirra oolaa hinturre kan jedhan Obbo Baqqalaan, murnichi fedhiisaa guuttachuun ala gaaffiilee sabootaafi sablammoota biyyattii ukkaamsaa turuu eeru.

Jijjiiramaa as garuu akka qaamoleen tokko tokko qeeqan otoo hintaane federaalizimiin qabatamaan hojiirra oolaafi gaaffiin eenyummaa sabootaa deebi’aa jiraachuu ibsaniiru. Sirni mootummaa tokkee addunyaarrattuu kufaafi dadhabaa waan dhufeef Itoophiyaattis sirna kana deebisuun tasumaa hindanda’amu jedhu.

Caffee Oromiyaatti Durataa’aa Koree Dhaabbii Dhimmoota Bulchiinsa, Seeraafi Qabeenya Namaa Obbo Naasir Huseen akka jedhanitti, filannoon biyyaalessaa sirna ABUT keessa marsaa shaniif adeemsifame haqaqabeessa waan hinturreef korojoo hatuufi ummata dirqisiisuudhaan raawwatamaa ture. Filannoon biyyaalessaa marsaa ja’affaan garuu sagalee ummataa lafa qabsiisuu jalqabeera.

Waajjira Caffee Oromiyaatti Gorsaan Seeraa Obbo Addisuu Malaakuu akka jedhanitti, biyya sirna federaalizimiitiin bultutti hariiroon mootummoota naannoofi federaalaa dirqama ta’us ajajaafi ajajamaan hinjiru. Sirnichi rakkoolee nageenyaa karaa dimokraatawaatiin furuu keessattis gahee olaanaa qaba.

Natsaannat taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014

Recommended For You