Gochi shaneen raawwataa jiru seenaa qabsaa’ota Oromoo kan xureessuudha

Finfinnee: Gochi shororkeessaa Shaneen Oromiyaa iddoowwan tokko tokkotti keessumaa Godina Shawaa Kaabaatti raawwataa ture seenaa qabsaa’ota Oromoo sabasaaniif aarsaa ta’anii kan xureessu ta’uu bulchaan godinichaa ibsan.

Bulchichi Obbo Abrahaam Gaaddisaa ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, godinichi seenaa qabsoo ummanni Oromoo taasisaa ture keessatti gootota hindagatamne hedduu gumaacheera. Gochi shororkeessaa Shaneen hawaasa godinichaarratti raawwate garuu seenaa gootota Salaalee kan xureessuudha.

Dhimmoota nageenyaafi misoomaarratti xiyyeeffachuun konfiransiin nageenyaa tibbana godinichatti gaggeeffamuu eeranii, dargaggoonnis ta’e barattoonni maallaqaanis ta’e waan biraatiin gowwomfamanii garee kanatti makaman karaa nagaan akka hawaasatti makamaniif abbootii Gadaatiin waamichi taasifamuus ibsaniiru.

Ministir De’eetaan Ministeera Misoomafi Jallisii Biraanuu Leenjisoo (PhD) dhimma kanarratti dubbii dubbataniin gootonni Salaalee sirnoota farra eenyummaasaanii ta’an qindoominaan loluun seenaa galmeessisaa turuu kaasaniiru.

Ilmaan Salaalee qabsoo biyyaa keessattis maqaa guddaa qabu jedhanii maqaansaanii guddaan kun gocha Shaneen raawwachaa jiruun dagatamuu akka hinqabne dhamaniiru.

Ta’us gochi Shaneen godinicha iddoo tokko tokkotti raawwachaa jiru qabsoo gootota darbanii kabaja kan dhowwu waan ta’eef dhaabachuufi balaaleffatamuu qaba jedhaniru.

Jeneraal Taaddasaa Birruu ‘Oromoon barachuu qaba’ jedhee wareegama kaffaleen har’a ilmaan Oromoo barnootaan fagaachaa jiraachuus yaadachiisanii, shororkeessichi garuu manneen barnootaa barbadeessuun diinummaa Oromoof qabu kan agarsiisu waan ta’eef lammiileen irratti qabsaa’uu qabu jedhaniiru.

Ministir De’eetaan Ministeera Geejibaafi Lojistikii Obbo Kaasaahun Goofee gamasaaniin, miidhaan Shaneen Oromoorraan gahaa jiru sirnootuma sabicha miidhan jedhamaniinillee raawwatamee kan hinbeeknedha jedhan. Murnichi seenaa goototaa xureessuufi farra hawaasaa waan ta’eef dhabamsiifamuu akka qabus hubachiisaniiru.

Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Magaalota Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaa gamasaaniin, dhalattoonni godinichaa waraana biyyattiin bakkaafi yeroowwan garagaraatti taasisterratti hirmaachuun gootummaa cululuqaa galmeessaa turuu yaadachiisanii, tokkummaafi birmadummaa biyyaa tiksuuf dhiigasaanii dhangalaasaa turuu dubbataniiru.

Ministir De’eetaan Ministeera Nageenyaa Obbo Taayyee Danda’aas gamasaaniin, godinichatti pirojektoonni sababa nageenyaatiin jalqabamanii dhaabbatan jiraachuu eeranii, miidhaan Shaneen Oromoorraan gahe daran nama madeessus akkuma Oromoon ‘Gabaa galte hindaldalan’ jedhu dargaggoonni waantota garagaraatiin gowwomfamanii murnichatti makaman waamicha abbootiin Gadaafi amantii taasisaniif fudhatanii karaa nagaatti deebi’uu qabu jedhaniiru.

Sinqinash Alamuutiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014

Recommended For You