Finfinnee: Itoophiyaan biyya rakkina ishee mudate osoo biyyi kamuu jidduu ishee hingaliin furachuuf humna qabdu ta’uushee Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Mistar Chaachaawu Waangiyu ibsan.
Ministirri Muummee Ittaanaafi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnon Mistar Chaachaawu Waangiyu wajjin waa’ee tokkummaa dhimma biyyaalessaa biyyoota lameeniirratti Finfinneetti mari’ataniiru.
Mariisaanii kanarratti Mistar Waangiyu, Chaayinaan biyya dhimma birmadummaa biyya tokkoo keessa galuuf fedhii hinqabne ta’uu ibsanii, Itoophiyaan biyya otoo qaamni kamuu jidduushee hingalin rakkina ishee hiikuuf humna qabduudha jedhan.
Itoophiyaa wajjinis bu’uura cimaa hinraafamne uumuudhaan biyya hojjechaa turteedha kan jedhan ministirichi, hariiroon kun gara fuula duraattis cimee akka ittifufu abdii guddaan qaba jedhan.
Mootummaan Itoophiyaas Chaayinoota Itoophiyaa keessa jiraataniifi hojiilee misoomasaaniitiifis gargaarsa barbaachisu mara akka gootu abdiisaanii ta’uu ibsaniiru.
Waggoota 51 kan lakkoofsise hariiroon dippilomaasii biyyoota lameenii kun damee konistiraakshinifi investimentiifa’iin cimaa dhufuusaas mul’isaniiru.
Obbo Dammaqaa Mokonnon gamasaaniitiin akka jedhanitti, Chaayinaan birmadummaafi tokkummaa biyyaafi mootummaa Itoophiyaa kutannoodhaan gargaaraa jirti.
Mootummaan Chaayinaa ejjennoo qajeelfama bu’uureffateedha kan jedhan Obbo Dammaqaan, mootummaafi ummanni Itoophiyaa ejjennoo kanaaf kabaja guddaa qaba jechuun himaniiru.
Yeroo Itoophiyaafi ummata isheerratti oduun sobaa hafarfamaa jiru kanatti Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa dhufuusaaniitti gammaduu kan ibsan Obbo Dammaqaan, Itoophiyaa keessatti yaalii Chaayinaan nageenya fiduuf gochaa jirtu jajabeessaa ta’uu eeraniiru.
Itoophiyaafi Chaayinaa waggoota dheeradhaaf hariiroo cimaa qabaachuusaani kan dubatan Obbo Dammaqaan, Itoophiyaan bu’uura cimaa walitti dhufenya biyyoota lameenii kana cimsitee ittifufsiisuuf xiyyeeffannaan akka hojjettu mirkaneessaniiru.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 25 Bara 2014