Guyyaan sabaafi sablamootaa Itoophiyaa 16fan kaleessa Oromiyaatti kabajame

Finfinnee: Guyyaan sabaafi sablamoota Itoophiyaa 16fan sadarkaa Oromiyaatti kaleessa sirnoota adda addaatiin Finfinneetti kabajame.

Afyaa’in Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdulraahaam haasaa sirnicharratti taasisaniin akka jedhanitti, guyyaan sabaafi sablamoota Itoophiyaa baranaa jalabultii hidha haaromsa laga guddaa Abbayyaa humna ibsaa meeggaa waatii 700 maddisiisuuf qophaa’aa jiruufi Itoophiyaanonni kabaja, fayyadamummaafi birmadummaa biyyasaanii tiksuuf waliin dhaabatanitti kabajamuun adda taasisa.

Dacheen Oromiyaa ministira mummee dabalatee seenaa biyyattii kana kabajaafi tokkummaashee eeggaatte akka turtu gootowwaanshee hedduu adda waraanaatti hiriirsiisuu eeranii, akkuma kaleessaa dargaggoofi ummaanni Oromoo gootummaan akka biyyasaa gareewwaan badii ABUTfi ergamaasaa, Shaneerraa tiksu dhaamaniiru.

 Afyaa’iin mana maree Ummata Sidaamaa Aadde Asteer Kabbadaas gamasaaniin, guyyaan sabaafi sablammii guyyaa kabajamaa tokkummaafi walqixxummaan saboota Itoophiyaa itti calaqqisifamuu ta’uufi sirni mootummaa ammaas tiksaa sabdanessummaati jedhan.

Gadameessi Oromiyaa gootota hedduu kabajaafi maqaa Itoophiyaa olkaasan Itoophiyaaf gumaachuu yaadachiisanii, keessumaa barana wayita biyyattiin diigamuuf karaarra jirtutti gadameessa eebbifamaa Oromiyaa keessaa kan argaman ministirri mummicha adda waraanaa deemuun biyyattii kufaatii jalaa baraaruun seenaan waan dagatu waan hintaaneef Oromiyaan gammaduu qabdi jedhaniiru.

Guyyaan sabaafi sablamootaa baranaa akka miidiyaan biyyoota alaa holoola sobaa afarsuufi kanneen gareewwaan shoroorkessaa sirnichi mootummaa tokkumaawaa hundeessuf adeema jedhan osoo hintaane loreetiin nagaa addunyaa Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad sabdaneessummaa tiksuuf gara adda waraanaatti duulan jedhanii, sirni wareegama ilmaan Oromoon ijaarame kun utubaa sabdanessuu ta’uusaa hundeeffamni naannolee Sidaamaafi Ummatoota Itoophiyaa Kibba Lixaa ragaa ta’uu himaniiru.

Sirnicharratti kan hirmaatan haati sinqee Baqqalach Jamamaa akka jedhanitti, guyyaan sabaafi sablamoota waggoota hedduu darbaniif kabajamaa ture fedeeraalizimii sobaa, saboota walitti buusuufi kaan olqabaafi gadii qabuurratti miira hir’uuni ture.

Sinqinash Alamuutiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 25 Bara 2014

Recommended For You