Ministirri Muummeen duula Abbaan Gadaa taasisaa ture irra deebi’an

Finfinnee: Sirna Gadaa keessatti Abbaan Gadaa ittigaafatamaa waa hundaati. Waraana jajjabaa Abbaa Duulaa waliin duulee kan duulchisu Abbaa Gadaati.

Duulli Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad taasisaa jiranis duula Abbaan Gadaa taasisuun walfakkaata. Gadaa keessatti Abbaan Duulaafi Abbaan Gadaa Duulanii duulchisuun injifannoodhaan galaa turan.

Sirna Gadaa keessatti dirree waraanaatti injifatamuun salphina waan ta’eef ministirri muummeenis duudhaadhuma kana keessatti waan guddataniif waraanicha akkuma Abbaa Gadaa duulanii duulchisuun dirreewwan waraanaa hedduutti injifannoo boonsaa galmeessisaa jiru jedhu Yunivarsitii Naannoo Oromiyaatti, Qorataafi Gorsaan Aadaa, Afaaniifi Artii Obbo Leeniin Quuxoo.

Obbo Leeniin gaafdeebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, Abbaan Gadaa duulee duulchisuun, lolee lolchiisuufi waraana hogganuun Gadaadhaan walqabata. Ministirri Muummee adda waraanaa deemuun xiiqiifi kaka’umsa guddaatu ummata keessatti uumameera. Ergasii as ummanni biyyattii, hoggantoonni mootummaa biroofi namoonni bebbeekamoon biyyattii “Ministirri Muummee koo duulee ani sababan mana taa’uuf hinqabu” jechuudhaan bal’inaan waraanicharratti hirmaachaa jiru.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi adda waraanaatti argamuun waraanicha erga hogganuu jalqabanii as injifannoowwan boonsaan bakkeewwan gara garaatti galmaa’aa jiru. Diinnis xiinsammuun baay’ee miidhamee bakkeewwan qabatee ture gad lakkisee dheessaa jira. Ministirri muummee duuluun hiika guddaa qaba. Ummannis geggeessaasaatiin ani siif jira jechaanii jira jedhu.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 25 Bara 2014

Recommended For You