Finfinnee: Biiroon Aadaa, Aartiifi Tuuriizimii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee dheengadda marii mataduree “Gidduseentummaa biyyoota lixaafi tokkummaa Itoophiyaanotaa” jedhuun hayyoota waliin mari’ateera. Marii kanarratti hayyoonni dhaabbilee barnoota olaanaafi seektaroota garagaraa miira ho’aadhaan hirmaachuun yaadasaanii ibsaniiru.
Marichaaf yaada ka’umsaa kan dhiyeessan Barsiisaa Yunivarsiitii Finfinneerraa Daanyaachoo Asaffaa (PhD), Ministir De’eetaa Ministeera Misoomaafi Jallisii Birhaanuu Leenjisoo (PhD)fi Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Ittigaafatamaa Kutaa qo’annoofi qorannoo Obbo Kadiir Maammoo yoo ta’an, gidduseentummaa biyyoota lixaa dandamachuuf lammiileen hundi tokkummaan dhaabachuu qabu jedhan.
Keessumaa Birhaanuu Leenjisoo (PhD) ibsa addatti Gaazexaa Bariisaatiif kennannin akka jedhanitti, biyyoonni lixaa bilisummaa Itoophiyaa, mootummaa jabaa akka qabaattuufi biyya jabduu akka taatu waan hinbarbaanneef jijjiirama qabsoo dargaggoota Itoophiyaatiin dhufeef beekamtii dhorkuun garee biyyattii diiguuf olii gadi jechaa jiru.
Gareen shororkeessaa Adda Bilisummaa Ummata Tigraayis (ABUT) tokkummaa Itoophiyaa jibbuunsaa biyyoota lixaa wajjin kan wal isa fakkeesuufi garee ajandaasaanii baatu ta’uu mirkaneessa jedhanii, hayyoonni odeeffannoo dhugaa addunyaatti himuun gaheesaanii akka bahatanfi namuu karaa danda’u hundaan garichaafi ergamtootasaa dura dhaabachuu akka qabu hubachisaniiru.
Lammiilleen biyyattii hundi sababa gidduseentummaa biyyoota lixaan miidhaa biyyoota kanneen akka Sooriyaafi Liibiyaarra gaherraa hubatanii waraana deemaa jiru injifannoon goolabuu qaba jedhan.
Dhiibbaafi gidduseentummaan biyyoonni lixaa Itoophiyaarratti taasisaa jiran sababa hidhi haaromsa laga guddaa, Abbayyaa hidhata Misir wajjin qabu, fedhii olaanaa galaana diimaarratti qabanirraa kan ka’e biyyattiin biyyoota ollaa wajjin walitti bu’aa faayidaasaanii akka kabachiistu barbaaduurraa kan ka’e ta’uufi erga mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufee as kabajaafi faayidaa biyyaaf dursi kennamuu waan jalqabeef fedhasaan irratti gufuu ta’uus himaniiru.
Barsiisaan Yunvarsiitii Finfinnee Daanyaachoo Asaffaa (PhD) gamasaaniin, biyyoonni lixaa dursa mootummaa karaa nagaafi bilisaan filatame beekamtii dhorkuu, dhugaa biyyattiin qabdu haaluun soba gabaasuurraa ofqusachuufi biyya birmadummaa guutuu qabduun ‘Anatuu siif beeka’ jechuu akka hinqabne dubbatu.
Akka isaan jedhanitti, dhiibbaafi gidduseentummaa biyyoonni lixaa taasisaa jiraniin jibba keessa galuurraa sagaleen Itoophiyaa akka dhaga’amuuf lammiilee biyyattii hundarraa gahee guddaatu eegama.
Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaarraa Obbo Kadiir Maammoos gamasaaniin, dhaloonni ammaa dhaloota bu’aa injifannoo Adawaa waan ta’eef dhimma biyyasaarratti akkuma kaleessaa kan hinseesneefi harka hinkennine ta’uu argisiisuun fedhiin biyyoota lixaa yoomiyyuu akka hinmilkofneef lammiileen biyyaatti tokkummaasaaniin mirkaneessaa jiru jedhaniiru.
Wayita waggoottan 27f mirgoonni namummaafi dimokraasii lammiilee sarbamaa turetti biyyi calliste, mootummaa kana keessaa bakka lammiileen filannoo bilisaa gaggeessuun hogganaasaanii filatanitti mirga namummaa dahoo godhachuun dhiibbaa gama dinagdeefi gidduseentummaa dhimma siyaasa Itoophiyaa keessa seenuuf yaaluun fedhii dhokataa qaban akka saaxilu ibsaniiru.
Ittigaafatamtuun Biiroo Aadaa, Aartiifi Tuurizimii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Hiruut Kaasaawu (PhD) maricharratti argamuun “Hayyoonni hundii haala dippilomaasii biyyattii cimsuun danda’amurrattiifi dhugaa biyyattii hawaasa idiladdunyaaf beeksisuu danda’amurratti hojmanee fudhadhaa biyya keessaniif dhaabadhaa” jechuun dhaamaniiru.
Sinqinash Alamuutiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 25 Bara 2014