“Diinonni Oromoo kaan awwaalamaniiru, kanneen hafanis ni awwaalamu” – Piroofeesara Gargaaraa Buzaayyoo Daggafaa

Finfinnee: Qabeenya uumaan badhaase saamuuf diinonni Oromoo cabsaa, awwaalaa turan kaan awwaalamaniiru fuuldurattis kan awwaalli isaan eegggatu jiraachuu Piroofeesara Gargaaraa Buzaayyoo Daggafaa ibsan.

Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataafi Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Daarektarri Qorannoofi Qo’annoo Qajeelcha Hawaasummaa Pirofeesara Gargaaraa Buzaayyoon ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiif kennaniin Oromoon ummata ijaarsa biyyaa keessatti gahee leencaa taphate, gaarummaafi gootummaan adda dureen ibsamu ta’uufi ummanni kun akkuma qabeenyasaa diina danuus waan qabuuf shooraafi guddummaansaa Itoophiyaatti awwaalamaa turuu yaadachiisaniiru.

Sabni kun qabeenya bal’aa roga maraan qaburraa kan ka’e har’as akkuma kaleessaa diina qabaachuu boris diinnisaa akka hin ciisneef hubatee qabeenya guddaa qabu tokkummaasaa jabeeffachuu libsuu ijaafuu dagachuu hinqabu kan jedhan hayyuun kun, ummatni guddaan Afrikaa kun mul’ata bal’aarra tarkaanfatee garaagarummaa xiqqoon gandatti deebi’ee walcirachuun diinaaf haala mijeessuun cabni kan kaleessaa caalu isa eeggachaa akka jiru hubachuu qaba jedhan.

Diinonni Oromoo kaleessa eenyummaasaa xiqqeessuu fedhan doofummaafi dukkana keessatti akka hafuuf tattaafatanis gootota kutatoo kanneen akka Jeneraal Taaddasaa Birruufa’iin ulaan dhorkichaa cabuu kan dubbatan piroofeesara gargaara Buzaayyoon, diinonnisaa jijjiirama dhufeen rifatan sababoota xixiqqoo funaananii lammata isa cabsuuf yaalan jiraachuun hubatamuu qaba jedhan.

Oromoo yoo walmufii qabaatellee bulfatee akkuma aadaasaa mariidhaan furachuu waan danda’uuf diina waloo qabeenyaafi eenyummaasaarratti xiyyeeffatee socho’urratti wajjumaan qabsaa’uu akka qabu dhaamaniiru.

Akka isaan jedhanitti, Oromoon injifannoo wareegama qaaliin argate kunuunsuun hanqina jiru sirreessaa deemuun yoo tokkummaasaa jabeesse guddummaafi duudhaaleensaa Itoophiyaarra darbee Afrikaattuu kan mirkanaa’u ta’a.

Oromoon walbira darbee akkuma duudhaasaa ganamaa ormayyuu firoomfachuurratti fuuleffachuufi Oromiyaa gama hundaan fakkeenyummaa gaariin eeramtu uumuun barbaachisaadha jedhaniiru.

 Waaqshuum Fiqaaduu

 BARIISAA SANBATAA Sadaasa 25 Bara 2014

Recommended For You