“Duuluun ministira muummee gootummaa Oromoo mirkaneessa” -Qaamolee hawaasaa magaalota garagaraa

Finfinnee: Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad dirree waraanaatti bobba’uun waraana hogganuuf murteessuusaanii hordofee atileetii Itoophiyaa dirree dorgommii olimpikiirratti beekaman Hayilee Gabrasillaaseefi Fayyisaa Leellisaafaa dabalatee namoonni bebbeekamoon kaanis dirree waraanaatti duulaniiru. Murtoo ministira muummeerratti qaamoleen hawaasaa garagaraa yaadasaanii ibsaniiru.

Dubartoonni Magaalaa Mattuu goota Raayyaa Ittisa Biyyaaf gala qopheessan akka jedhanitti, ministirri muummee gara adda waraanaatti duulunsaanii nama waan dubbatan gochaan agarsiisan ta’uun ala goota saba Oromoo keessaa argaman waan ta’eef Oromoon gootaafi kan gaafa rakkoo biyyasaarraa hinbaqanne ta’uu mirkaneessuun nuboonsaniiru.

Ministirichi gocha jalala dhugaa isa dhumaa biyyaafi lammileesheef qaban lubbuusaaniif osoo hinsodaatiin adda waraanaa deemuunsaanii, nutimmoo ilmaan keenya eebbisnee erguufi galaa qopheessuun hogganaa keenya waliin dhaabanna jedhaniiru.

Maanguddoonni aanaa Fantaalleefi Magaalaa Matahaaraas hiriira balaaleffannaa garee shoroorkessaa Adda Bilisummaa Ummata Tigraayi (ABUT)fi Shaneerratti taasisanirratti, ministirri muummeen adda waraanaatii duuluun gootummaa Oromoon ittiin beekamu irradeebiin kan ibseefi umuriin dadhabanillee duuluun Doktar Abiyyi miira dargaggummaa kanitti uume ta’uu himu.

Waraana jechuun keessumaa Oromoo Karrayyuuf jireenya guyyuu namuu raawwatu jechuu waan ta’eef birmadummma biyyaa tiksuufi deggarsa barbaachisun ministira muummee maddii dhaabachuuf qophii ta’uu dubbataniiru.

Dargaggoonni Magaalaa Amboo gamasaaniin barana Ministiri mummee masaraa bahee adda waraanaatti duuluun seenaa jabaadha jedhanii, gocha gootummaa raawwatan kanaanis dargaggoo miira gootummaan waan guutaniif isaan waliin duuluuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Diinummaa ABUT ummata magaalaa Amboo caala kan ragaa ta’uu danda’u akka hinjirres eeranii, adda waraanaatti duuluun loluufi lolchisuun ministira muummeef haaraa ta’uu baatus dadammaqina guddaa uumuun qaamoleen hawaasaa adda waraanaatti hinduulle naannawasaanii badii ABUTfi Shaneerraa akka eegan beeksisuusaaniii miidiyaaleen adda addaa gabaasaniiru.

Sinqinash Alamuutiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 18/2014

Recommended For You