Finfinnee: Guyyaan Waldanda’uu Addunyaa barana akka addunyaatti yeroo 24faf akka Itoophiyaafi Oromiyaatti ammoo yeroo 12faf kabajamu ilaachisuun Mariin Gumii Balal marsaa 16fa Wiixata darbe mataduree ‘Duudhaalee Waldanda’uu: Gahee Tokkummaa Cimsuurratti Qabu’ jedhuun Finfinnee, Waajjira Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti adeemsifameera.
Abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, hayyoonni aadaafi keessummoonni gara garaa walga’icharratti hirmaachuun yaada bu’uura kabaja guyyichaarratti marii bal’aa adeemsisaniiru.
Yunivarsitii Naannoo Oromiyaatti, Barsiisaa, Gorsaafi Qorataa Aadaa, Afoolaafi Aartii Oromoo Obbo Leeniin Quuxoo barreeffama ka’umsa marii dhiyeessaniin akka jedhanitti, duudhaa waldanda’uu keenya ganamaatti deebi’uu baannaan qorichi biyyattii fayy’isu hinjiru. Rakkoo walitti bu’iinsaafi waldhabdee biyyattii keessatti mul’atu furuuf duudhaa waldanda’uu keenya ganamaatti deebi’uun dirqama ta’a. Sirnoota darban keessa yeroo ummata biyyattii walitti buusuuf yaalaa tureyyuu duudhaa keenya ganamaatu walitti nu hambise jedhu.
Daariktaara Ittaanaa Inistiitiyuutii Qo’annoofi Qorannoo Oromiyaa Obbo Sintaayyoo Tolaa akka jedhanitti, ummanni kan walitti bu’u yeroo waldanda’uu dhabuudha. Garaa garummaan keenya madda walitti bu’iinsaa akka hintaaneef maatii, ollaafi sabaafi sablammoota biroo waliin jiraannu waliin waldanda’uu qabna. Jechoonni jibbiinsaa keessumaa karaa miidiyaalee hawaasummaa guyyaa guyyaan tamsa’aa jiran aadaafi duudhaa waldanda’uu laaffisaa kan jiran ta’uus himaniiru.
Ummanni Oromoo aadaafi duudhaa waldanda’uu, sabootaafi sablammoota biroo waliin nagaan jiraachuu gabbataa qabaachuu kan himan Obbo Sintaayyoon, yeroo dhiyoo as aadaafi duudhaan sabichaa laafaa dhufuusaatiin waldhabdeen babal’achaa jira. Kanaafuu aadaafi duudhaa waldanda’uufi nagaafi jaalalaan waliin jiraachuu keenyaa cimsuuf keessumaa Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, abbootiin amantiifi maatiirraa imaanaa guddaan kan eegamu ta’uu himaniiru.
Aadaafi duudhaan waldanda’uufi walkabajuu dhaloonni si’anaa biratti dagatamaa waan dhufeef waldhabdeen babal’achaa dhufuu himanii, aadaafiduudhaa waldanda’uu ganamaatti deebi’uuf Sirna Gadaa laafee ture jabeessuun dhimma ijoo ciminaan irratti hojjetamuu qabuudha.
Sirni Gadaa duudhaa waldanda’anii, walkabajanii, jaalalaafi tokkummaan waliin jiraachuufi seeraa Uumaafi uumamaa akka eegnu taasisuudhaan kan beekama ta’uus eeraniiru. Waldanda’uun bu’uura nageenyaati kan jedhan Obbo Sintaayyoon, waldanda’uu jechuun garaagarummaa keessatti nagaafi jaalalaan waliin jiraachuu jechuudha.
Garaagarummaan keenya madda waldhabdee utuu hintaane miidhagina keenya ta’uu qaba. Waldandeenyee jiraachuuf olaantummaa seeraa kabajuufi jibbiinsa balleessuuf ammoo barnootarratti xiyyeeffatamuu akka qabus himaniiru. Haasaa jibbiinsaafi waldanda’uu dhabuu dhabuun rakkoolee ummata Itoophiyaa qofa biratti osoo hintaane addunyaarratti mul’ataa jiran ta’uu kan himan Obbo Sintaayyoon, nagaan waliin jiraachuuf waldanda’uufi haasaa jibbiinsaarraa fagaachuufi mirgoonni namoomaa kabajamuu kan qaban ta’uu himaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 18/2014