Finfinnee: Harka micciirtootaaf harka kennachuufi mirga ofii sarbamanii jiraachuun aadaa Itoophiyaanotaa waan hintaaneef gamtaan falmachuun barbaachisaa ta’uu Jaal Galasaa Dilbooibsan.
Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataatti Durataa’aa Ittaanaan Koree Dhaabbii Albuudaafi Industirii akkasumas qabsaa’aa buleessi ABO Jaal Galaasaa ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, humnoota keessaafi alaa waloon biyya diiguuf wixxirfachaa jiran qolachuuf murtoon Ministirri Mummeen Itoophiyaa adda waraanaatti argamaniiee qabsoo finiinsuuf fudhatan sirrii, harka micciirtota harka kutuufi kan birmadummaashii calaqqisiisu waan ta’eef tarkaanfichi tumsa hundaa barbaaba.
Waraana cubbuutu Juuntaan biyya saamaafi ummata ajjeesaa ture Itoophiyaarratti banameen biyyi gatii guddaa kaffalaa jiraachuu kan ibsan Jaal Galaasaan, murna kana karaa nagaatiin gara mariitti deebisuuf ifaajiin taasifame sababa gareen kun olaantummaa malee walqixxummaa hinfeeneef osoo hinmilkaa’in hafuun ala murni kun daboo biyyoota alaatiin mootummaa ummatni Itoophiyaa karaa dimokraatawaan filate humnaan dhabamsiisuuf muratee ka’uu yaadachiisaniiru.
Biyya jechuun gaarawwaniifi laggeen qofa osoo hintaane irra jireessaan dhala namaa ta’uu kan eeran Jaal galaasaan, qabsoo har’a ummatni Itoophiyaa diinota keessaafi alaa waliin kokkee walqabaa jiru biyya baraaruu qofa osoo hintaane mirga namummaafi dimokraasii waggoota sadii as gariin gonfate tikfachuuf qabsoo dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu akka ta’es dubbataniiru.
Filannoon jiru aarsaa fedhullee gaafatu qabsa’uun mirga ofii gonfachuu ta’uu baannaan garbummaafi dhiitamuudha kan jedhan obbo Galaasaan, diinaan dhiitamanii buluun aadaa achii as dhufa Itoophiyaa akka hintaane hubachuun falma kan murteessan Ministirra Muummee biyyattii cina hiriiruun murtoo hundaa yoo ta’ee umurii lola banamee gabaasuun alatti salphina diinota diiggaaf ka’anii arguun yeroonsaa dhiyoo ta’uu jala sararaniiru.
Ummatni biyyatti, keessattuu ummatni Oromoo jala fiigdota Wayyaanee maqaa Oromootiin burjaajjii uumaa jiran tokkummaan faccisuu akka qabu kan hubachiisan Jaal Galaasaan, hundaa ol oduu dharaa diigumsa biyyaa labsuufi tokkummaa boorsuu kan diinotni keessaafi alaa qindoominaan facaasan irraas ofeeggachuu qaba jedhaniiru.
“Deggersi nuti Ministira Muummeef taasifnu maqaadhumaaf ykn fakkeessuuf osoo hintaane kaayyoo Wayyaaneen aangoo dhaalasaa godhatee gadadoo ummata biyyattii ittifufsiisuuf carraaquu fashaleessuun birmadummaa keenya kabachiisuun ala filannoon biroo waan hinjirreef, ” jedhan.
Yeroo amma biyyattiin waraana jala akka jirtuufi labsii yeroo hatattamaa keessa jiraachuu namuu beeka jedhanii, labsiin kun kan abboomu lammiilee Itoophiyaa qofa osoo hintane lammiilee kamuu Itoophiyaa keessa socho’an hundaa waan ta’eef seera biyyattii kabajanii kan hinsochoone yoo ta’e tarkaanfii seera kabachiisuu fudhachuun dirqama ta’uu dubbataniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 18/2014