• Galiiwaliigalaa qarshii biliyoona 10 sassaabeera
Finfinnee: WAldaan Aksiyoona Baankii Daashin bara bajataa darbetti galii waliigalaa qarshii biliyoona 10 galchuusaafi, isa keessaas qarshii biliyoona 2.4 bu’aa galmeesisuusaa beeksise.
Yaa’ii idilee waggaa 28fa, kan ariifachiisaa 25fa dheengadda Finfinneetti taa’emarratti raawwii hojii baankichaa kan dhiheessan Walittiqabaan Boordii baankiichaa Obbo Niwaay Dabbabaa akka jedhanitti, bara bajatichaa keessa hudhaaleen kanneen akka rakkoo nageenyaa, weerara Koviid-19 dhiibbaa hawaas-dinagdee kan fidan ta’us, sababa jijjiiramuu nootii maallaqaan walqabate garuu qarshii hedduun gara baankiichaa dhufuu danda’eera.
Haala kanaan bara bajatichaatti maallaqa kuufamu qarshii biliyoona 21.1 sassaabuusaa kaasanii, kanaanis kuufamni waliigalaa baankichaa qarshii biliyoona 74.6 qaqqabuu ibsaniiru. Kunis galii bara achi aanuu waliin yoo ilaalamu % 38.7 caalmaa agarsiisuusaa himaniiru. Tajaajilli baankii dhalarraa bilisaas guddina agarsiisuusaafi kunis qarshii biliyoona 4.8 qaqqabuus dubbataniiru.
Akka ibsasaaniitti, maamiltoonni baankichaa miliyoona sadii kan caalan yoo ta’u, miliyoonni 2.4 ammoo fayyadamoo Amoolee ta’aniiru. Baankicha caalmaatti dorgomaafi haala qabatamaa biyyattii waliin deemsisuuf karoorri tarsiimawaa waggoota shanii fooyya’e qophaa’uu eeraniiru.
Raawwachiisaan Hojii Baankichaa Obbo Asfaawu Alamuu gamasaaniitiin, bara darbe baankichi galii waliigalaa qarshii biliyoona 10.3 sassaabe keessaa biliyoona 7.8 baasii gochuusaa himanii, baankichi ergamasaa Afrikaa keessaa baankii dursaa ta’uuf qabu milkeessuuf hojii olaanaa hojjechuusaa dubbataniiru.
Hojii idilee baankiitin alas hojiiwwan misoomaa garagaraarratti hirmaachuusaa eeranii, ijaarsa maaddiin biyyaaf qarshii miliyoona 30, deggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf qarshii miliyoona 10, sagantaa soora barattootaafi ijaarsa wiirtuu soorataaf qarshii miliyoona 10 ol , akkasumas deggarsawwan garagaraas taasisuusaafi waliigala qarshii miliyoona 59 baasii gochuusaa ibsaniiru.
Fuuldurattis tarsimoo baankichaa cimsuun yeroo mara tarkaanfii tokko dursee argamuuf kan hojjetu ta’uu himanii, kanaafis abbootiin sheeriifi hojjettoonni baankichaa ciminaan akka hojjetan gaafataniiru.
Abbootiin akisyoonaa baankichaas kaappitaala kanfalamaa baankichaa waggoottan lamaan dhufanitti, qarshii biliyoona 5.4 irraa gara biliyoona 12tti guddisuuf walii galaniiru.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 11/2014