Miseensota garee Shororkeessaa Shaneerratti tarkaanfiin fudhatamaa jira

Finfinnee: Gareen Shoroorkessaa Shanee ergama ajandaa biyya diiguu ifatti garee shoroorkessaa Adda Bilisummaa Ummata Tigray (ABUT)rraa fudhachuufi walta’insa uumuu erga beeksiise tarkaanfiin qindaa’aa ummataan deggarame irratti fudhatamaa jira.

Sochii Poolisii Federaalaa, Humni Addaa Oromiyaa, milishaafi hawaasa naannawaa waliin taasiifameen Miseensota Shanee godina Horro Guduruu Wallaggaa keessa socho’anirratti tarkaanfii qindaa’aa fudhatamuu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksiseera.

Godinichatti duulli haleella garee shororkeessaa shaneerratti gaggeeffameen miseensonnisaa baay’een barbadaa’uufi namoonni garichatti hidhata qaban kudhan to’annoo jala ooluun seeraatti dhiyaachuu ibseera.

Gareen shororkeessaan kun godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Coomman gandoota Facaasaa, Ayyalaa, Chinboofi kanneen biroo keessatti qabeenya ummataa barbadeessuufi lammiilee nagaa ajjeessuniis himameera.

Garichi qabeenya ummataa barbadeessu, lubbuu lammiilee nagaa balleessuun cinaatti daandiiwwan cufaa lammiilee dararaa turufi eeruu hawaasni qaamolee nageenyaa kenneen garichi gocha gara jabeenyaa erga raawwateen booda bakka dhokatetti qaamolee nageenyaan tarkaanfii qindaa’aan irratti raawwatamuu beeksifameera.

Namoonni garichaaf deggarsa taasisaa turan Magaalaa Gabateetti to’atamuun seeratti dhiyaachuufi wayita haleellaan taasifamutti maallaqni garichi ittifayyadamaa ture hedduun qabamuunis ibsameera.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Doktar Laggasaa Tulluu gamasaaniin, Godina Shawaa Lixaafi Wallaggaatti garee shorokeessaa Shaneerratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuufi deggarsi dargaggoonni Oromoo argisiisan kan jajjabeeffamu ta’uu himaniiru.

Labsii yeroo ariifachiisaan walqabatee namoota garee shororkeessitoota ABUTfi Shaneef deeggarsa taasisuun kan shakkaman malee hidhaan saba bu’uureffate kan hinraawwatamne ta’uu ibsaniiru.

Oduu walqabateen waggoottan hedduu darbaniif hidhattoota garee badii Shanee hogganaafii tajaajilaa kan ture namni Iyyaasuu Alamuu jedhamu to’annoo jala ooluu Biiroon Kominikeshinii Oromiyaa beeksiisera .

Namni kun hanga biyya alaa deemuun leenjii kan fudhatee, sadarkaa loltuu hanga hogganaa lojiistikiitti hojii badiirratti bobba’aa turuufi namoota garee badii kana deeggaranirraa qarshii kuma 15 hanga kuma 100tti fuudhuun hoggantoota Shaneef geessaa turuu himeera.

Namni kun biyya Ingiliziitti barnoota Saayinsii Siyaasaa baratuurra miseensoota Shanee leenjisuuf kan deebi’ee ta’uufi Godina Gujii Lixaa Magaalaa Bulee Horaatti maallaqa baankiidhaa osoo baasuuf jedhuu eeruu ummataatiin to’annoo jala kan oole ta’uunis ibsameera.

Akka waliigalaatti oppireeshinii Oromiyaatti gaggeeffameen miseensonni garee Shanee dhibbaatamatti lakkaa’aman barbadaa’uu ibsameera. Haala kanaan oppireeshinii Godina Shawaa Lixaa aanaalee Daannoofi Jibaatitti hidhattoonni 63, Aanaa Ambootti 47, Abuna Gindabaratitti 235, waliigalaan hidhattoota 345 irratti tarkaanfiin fudhatamuun ibasmeera.

Kanneen keessaa afur hooggantoota waraana garee shororkeessa kanaa ta’uu eerameera.

Miseensonni garichaa hedduun madaa’uufi qaamolee nageenyaatti harka kennachuu ibsameera.

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 11/2014

Recommended For You