Marii dargaggoota Oromiyaa: Injifannoo dhiigaan argame dhiigaan tiksuurratti xiyyeeffate

Finfinnee: Humna ho’aafi danfaa, kan ari’ee qabuu danda’u, isa yoo dheesse immoo jalaa bahuu danda’u. Egeree biyya tokkoo kan murteessu, guddina biyya tokko kan si’eessuufi itti fufsiisu biyya kan tasgabbeessuu danda’uufi gaafa rakkoo immoo nageenya booreessuu danda’u humna cimaa isa dhumaa. Humna laaleessaa Dargaggeessa.

Jijjiira amma dhufe keessatti shoora bakka bu’ummaa hinqabne taphachuun kan beekamu dargaggeessi Oromoo, torbee kana immoo haala yeroo ammaa biyyattiin keessa jirturratti godinoota gara garaa keessatti marii taasisaa jira.

Keessattuu immoo, humnoota injifannoo dhiigaan argame gufachiisuu barbaadan immoo dhiigaan dura dhaabbachuu irratti kan xiyyeeffate ture.

injifannoon qeerroofi qarreen Oromiyaa dhiigaaf lafee itti cabsanii harka duwwaasaanii wareegamuudhaan dhugoomsan kun wareera garee shororkeessaa ABUTn akka fashalaa’u dargaggoon Oromoos ta’uu ummanni Oromoo bal’aan kan hin heeyyamne ta’uu Bulchaan Godina shawaa bahaa Obbo Abaabbuu Waaqoo dubbataniiru.

Marii dargaggoonni godinichaa magaalaa Adaamatti adeemsisan irratti haasa’a kan taasisan bulchaan kun, diinummaa gareen kun gaafa aangoorra ture dargaggeessa Oromoorratti raawwachaa ture namni dagatu hinjiru.

Har’as taanaan dargaggeessi Oromoo lammata qaama kanaan buluu barbaadu waan hinjirreef, wareera inni biyyattiirratti raawwachaa jiru taa’ee kan ilaalu osoo hintaane, Raayyaa Ittisa Biyyatti (RIB) makamee wareegama barbaachisu kanfaluudhaaf qophii jedhu.

Dargaggeessi hundi gurmaa’uudhaan naannoosaa eegurraa ka’ee raayyaa ittisa biyyaatti makamuudhaaf qophii ta’uu immoo marii dargaggootaa Godina Bunnoo Baddalleetti taasifamerratti ibsameera.

Sirni amma biyya bulchaa jiru kun bu’aa qabsoo injifannoo qeerroofi qarreetiin dhufeen akka ta’eefi gareen shororkeessaan yeroo ammaa biyya diiguuf socho’aa jiru immoo faallaa qabsoo qeerroofi qarree waan ta’eef RIBtti makamuudhaan garee kana dura dhaabbachuudhaaf qophii ta’uusaaniis dargaggoonni maricharratti hirmaatan kunniin himaniiru.

Godina Jimmattis jaarmiyaan dubartootaafi dargaggootaa haala yeroorratti mari’atan,

“sabni yaadaafi qaamaan hinijaaramne hinmo’u. yaadaan ijaaramne tokkummaan qabsoofnee birmadummaa biyya keenyaa ni eegna; imaanaa wareegamtootaas galmaan geenya. Dargaggoonni yeroo kamuu caala dammaqee biyyasaaf qabsaa’uu, aarsaa lubbuu kanfaluun injifannoo tikfachuu biyyattis salphinaafii bittinna’urraa eeguu qabnas” jedhaniiru. jedhan.

Mariichi haala walfakkaatuun godaanaaleefi magaaloota addaddaa keessattis ta’aameera.,

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 11/2014

Recommended For You