Finfinnee: Manni Marii Ministeerotaa Onkoloolessa 23 bara 2014 walga’ii ariifachiisaa taa’uudhaan labsii yeroo hatattamaa sadarkaa biyyaalessaatti akka labsamuuf murtii yaadaa dabarsee ture. Manni Marii bakka Bu’oota Ummataas Wixinee labsii yeroo hatattamaa lakkoofsa 5/2014 birmadummaa biyyaa balaarraa ittisuuf ba’e sakatta’ee Onkoleelessa 24 bara 2014 mirkaneessuunsaa ni yaadatama. Labsicha hojiirra oolchuufis qajeelfamni lakkoofsa 1264/2014 ba’eera.
Dhorkaawwan labsichaa keessaa tokko waraaqaa eenyummaa malee bakka bakkaatti socho’udha. Kana hubachuun namoonni waraqaa eenyummaa hinqabne waajjira gandaa ykn waajjira nageenyaa naannoo isaanii jiru deemuun waraqaa eenyummaa yeroo baafachuu akka qabanis ibsameera. Labsichi guutuu biyyattii hojiirra kan oolu ta’uufi ji’oota ja’aaf kan turu ta’uunis ibsameera.
Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa labsicha bu’uureffachuun naannichatti Sadaasa 3 bara 2014 irraa eegalee sochiin namaa galgala saa’aatii 3:00 hanga barii saa’aatii 11:30tti, kan konkolaataa ammoo galgala sa’aatii 2:00 hanga barii sa’aatii 11:30tti akka ta’u taasisee ture. Dhorkaan kun sochii dinagdee naannichaafi biyyattiirratti dhiibbaa waan qabuuf Sadaasa 9 bara 2014 irraa eegalee kan ka’e ta’uufi namnifi konkolaataan seera eeganii sa’aatii kamiyyuu socho’uu akka danda’aniifi sakatta’iinsi kamuu nageenya hawaasaatiif godhamaa jiru garuu cimee kan itti fufu ta’uu ibseera.
Erga labsiin yeroo hatattamaa kun guutuu biyyattiitti labsamee as meeshaaleen waraanaafi maallaqni gocha seeraan alaatiif oolan akkasumas shakkamtoonni hedduun qabamaafi to’atamaa jiraachuu Dubbi Himaan Poolisii Magaalaa Finfinnee Komaandar Faasikaaw Wandee BBCtti himaniiru.
Meeshaaleen waraanaa, qarshiifi meeshaaleen biroon to’atamuu kan danda’an hordoffiifi sakatta’iinsa namoota gareewwan shororkeessaa waliin hidhata qabu jedhaman irratti geggeeffameen ta’uus ibsaniiru. Meeshaalee waraanaafi qarshiidhaan alas waraqaan eenyummaafi paaspoortii sobaa akkasumas wantoonni gocha shororkeessummaaf oolfamuuf turan kan qabaman ta’uus ibsaniiru.
Labsichaan booda Finfinneedhaan alas meeshaaleen waraanaafi qarshiin seeraan ala socho’aniifi gocha shororkeessummaaf ooluuf turan akkaumas namoonni shororkeessummaan shakkaman hedduunis qabamaa jiraachuu miidiyaaleen gara garaa ibsaa jiru.
Ripportara Gaazexaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 11/2014