Finfinnee: Itoophiyaanoonni bakka jiran hundatti olola garee shororkeessa ABUT saaxiluudhaan akkasumas, adeemsa dogongoraa biyyoota tokko tokkoo mormuudhaan birmadummaa biyyasaaniitiif kutannoon qabsaa’aa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.
Ministirri Tajaajilichaa Doktar Laggasaa Tulluu ibsa tibbana miidiyaaf kennaniin, dandeettiin garee shororkeessaa Juuntaa yerorraa yerotti gadi bu’aa dhufuu himanii, dandeettiin waa raawwachuu Raayyaa Ittisa Biyyaammoo cimaafi dabalaa dhufuu dubbataniiru.
Lammiileen biyyattii hundi deggarsa akaakuu garagaraatiif raayyaa ittisaaf taasisan cimsanii itti fufuu kan eeran ministirichi, naannoleefi bulchiinsota magaalota adda addaa keessattis hojiin deggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaafi balaaleeffannaa garee ABUT akkasumas, biyyoota olola marichaatiin gowwoommanii bal’inaan taasifamu turuu dubbataniiru. Itoophiyaanoonni hundi iddoo jiranitti olola sobaa garichaafi dhiibbaa hinmalle qolachuu irratti hojii boonsaa raawwachaa jiraachuunis ibsaniiru.
Hawasni dammaqinaan naannawaasaa akka eeggatuufi garee juuntaa bakka dhaabbii akka dhabuuf hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu kaasanii, haalli yeroo gabaabaa keessatti jijjiiramni itti dhufuu dnada’u uumamaa jiraachuusaa himu.
Waraanichi carraa yeroo dheeraaf turuu akka hinqabne eeranii, yeroo gabaabaa keessatti xumura itti gochuuf karoorafamee hojjetamaa akka jiru ministirichu dubbataniiru. Kanaafis olola ololaan deebisuu osoo hintaane tarkaanfii gochaadhaan mul’atu fudhachuuf ummanni kaka’umsa akka qabu kaasaniiru.
Bayyana Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 11/2014