Gabaasni Amanistii Intarnaashinaal gocha badii shororkeessaa ABUT saaxile

“Murni  Shororkeessaa ABUT  seeratti akka dhiyaatuuf dhiibbaan taasifamuu qaba”Doktara Kabajaa Leencoo Lataa

Finfinnee: Shororkeessaan ABUT Naannoo Amaaraa bakkawwan adda addaatti yakka waraanaa raawwachuusaa, dirqisiisee gudeeduusaa, saamichaafi haleellaa geesisuusaa, akkasumas lammiilee qisaasama hawaasummaa, dinagdeefi xinsammuuf saaxiluusaa Amanisti Intarnaashinaalii gabaaseera.

Amanisti Intarnaashinaaliin gabaasa qabatee baheen, shororkeessichi ABUT Naannoo Amaaraa bakkawwan Nifas Mawucaafi kanneen birootti dubartoota hedduurratti gareen dirqisiisee gudeeduun reebichaafi saamichaa akka gaggeesse beeksisuun, Magaalaa Nifas Mawucaa qofaatti dubartoonni 16 ol hidhattoota ABUTn gudeedamaniiru jedha.

Namoonni gochaan kun isaanirratti qaqqabe 16 keessaa 14 Amanisti Intarnaashinaaliitti akka himanitti, hidhattoota shororkeessichaan reebamaniifi arrabsamanii akka dirqisifamanii gudeedaman ibsaniiru. Gareen shororkeessaa kun Naannoo Amaaraa Godina Gondar Kibbaa Aanaa Gaayinti Magaalaa Nifas Mawucaatti Adoolessa 6 – 15 bara 2013 guyyoota sagaliif to’achuusaanii gabaasni kun yaadachiisee, guyyoota kunneen keessatti buufatalee fayyaa saamuufi barbadeessuun, ummatarrattis haleellawwan adda addaa gaggeessuusaa eerera. Angaawootni Amaaraa yaada Amanisti Intarnaashinaaliif kennaniin, dubartoonni 70 ol hidhattoota shororkeessitoota ABUTn gudeedamuusaanii kan himan yoo ta’an, kunneenis reebichiifi haleellaan qaamasaaniirra gahuusaa dubbachuusaanii gabaasichi ni hima.

Barreessaan Olaanaa Amanisti Intarnaashinaalii Agines Kalaamard akka jedhanitti, “shororkeessichi ABUT gochaa raawwateef yakka waraanaatiin ittigaafatamuu kan qabuufi sarbama mirga namummaarratti raawwateera. Kanaaf gocha raawwate kanaaf tarkaanfiin irratti fudhatamuu qaba jedhu. Akkasumas, seerota biyyoolessaa cabsuun gudeeddaafi reebicha mirga namummaarratti taasisan hatattamaan dhaabuufi tarkaanfiin irratti fudhatamuu akka qabu hubachiisaniiru. Odeeffannicha argachuuf dubartoota gudeedaman 16, hogganaa Hospitaala Nifas Mawucaafi hoggantoota naannicha tokko tokko waliin haasaa vidiyoo iccitiinsaa eegame taasisuusaa Amanisti Intarnaashinaalii beeksiseera.

Ibsi Dhaabbati Aministii Internaashinaal baase hordofee yakka ajjechaa, gudeeddiifi saamichaa Mootummaa Naannoo Amaaraa Nifaas mawucaatti murni  Shororkeessaa  ABUT raawwate seeratti akka dhiyaatuuf mootummaarratti dhiibbaa akka taasisu gameessi siyaasa Oromoo Doktara Kanajaa  Leencoo Lataa gaafatan.

Jaal Leencoo Lataa ibsa kaleessa addatti Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, wayita waraanaa dubartii irratti gudeeddii raawwachuun seera biyyaalessaas ta’e biyyoolessaan kan gaafachiisu ta’uu eeranii,  gochisaa Waaqafi nama durattis ciigaasisaafi kan nama yakkisiisuu ta’uu dubbatu. Gocha hammeenyaa guddaa Shororkeessaan raawwate sabaafi sablammooti biyyattii hundumatuu balaaleffachuu akka qabaniifi  mootummaanis ragaa argate irratti hundaa’uun dirqama isaa akka ba’uu qabu himaniiru.

Wayinisheet Kaasaafi Gammachuu Kadiriin

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Sadaasa 4/2014

Recommended For You