Baankiin Daashin tajaajila biyya alaarraa Itoophiyaatti maallaqa erguu dandeesisu eegalsiise

Finfinnee: Baankiin Daashini kubbaaniyyaa Idil Addunyaa ‘Thunes’ jedhamuufi daddabarsa maallaqaarratti hojjetu waliin tajaajila biyya alaarraa maallaqa erguu dandeesisu eegalsiisuusaa beeksise.

Gaggeessaan Hojii baankichaa Obbo Asfaawu Alamuu sirna jalqabsiisa tajaajilichaarratti ibsa miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti, tajaajilichi maamiltoonni biyyoota garagaraa keessa jiran namoota biyya keessa jiraniif haala salphaadhaan maallaqa erguun gara herrega qusannaa ykn “Amole Wallet’ galchuu akka danda’an dubbataniiru.

Tajaajilichis salphaa, si’ataafi kanfaltiinsaa walsimaa ta’uu eeranii, sharafni alaa dinagdee biyyaaf murteessaa ta’es biyyaaf akka seenu kan taasisu ta’uu ibsu.

Dhaabbati ‘Thunes’ dhaabbilee daddabarsa maallaqa idil addunyaa 14 of jalatti kan qabu ta’uusaatiin rakkoo kanaan dura namni biyya alaa jiru qarshii biyyatti erguuf isa mudataa ture furuuf karaa salphaa akka ta’e ibsaniiru.

Pirezdaantii Ittaanaan dhaabbata ‘Thunes Africa’ Mistar Jooseef Jogu gamasaaniin, tajaajilichaan maamiltoonni haala salphaafi amansiisaa ta’een qarshii biyya alaadhaa isaaniif argamu herrega qusannaa ykn tajaajila ‘Amole Wallet’ irratti argachuuf kan isaan dandeesisu ta’u himaniiru.

ALA bara 1995 kan hundaa’e Baankiin DAashin dhaadannoo “Dursaa Tarkaanfii tokkoo” jedhu qabachuun maamiltootasaa tajaajiluuf hojjetaa akka jiru saganticharratti ibsameera.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Sadaasa 4/2014

Recommended For You