“Shororkeessaa barbadeessuuf hawaasa du’aa lolu malee kan qe’eesaarraa buqqa’u hinjiru ’’ -Obbo Ahimad Hasan

Finfinnee: Gocha shororkeessaafi ergamtootasaa barbadeessuuf hawaasa du’aa lolu malee buqqa’ee diinatti dabarsee biyya kan laatu akka hin jirre Motummaa naannoo Amaaraatti, Bulchaa Godina Saba Oromoo beeksiisan.

Naannichatti Bulchaan Godina Saba Oromoo Obbo Ahimad Hasan ibsa dhimmicharratti tibbana gaazexaa Bariisaaf kennaniin, hawaasni godinichaa gochaalee suukkanneessoo shororkeessaan raawwateen “qe’eekoo irraa hin buqqa’u” jechuun diina biyya diiguuf ka’e waraanaa du’uu filatee wareegama qaalii kaffalaa akka jiru ibsaniiru. Murni Shororkeessaa daangaa ce’ee godinichatti wareera guyyaa bane irraa eegalee Kamisee, Baatiifi Caffaatti namoota nagaa ajjeesuun qabeenya mootummaa waraqaa irraa haga konkolaataatti, qabeenya nama dhuunfaa daakuu irraa haga konkolaataatti saamaafi gudeeddii raawwachaa jiraachuu ibsa.

Hawaasin godinichaa gochaa badiisaa kana barbadeessuuf caasaa dhimma kanaafi ijaaramefi bakka caasaa ijaaramaa hinjirretti waliitti gurmaa’uun karaa shororkeessaan seene hundumaatti ifatti haleellaa geggessun diina isaa bahaafi gala dhorkaa akka jirus Bariisaatii himaniiru.

Akka ibsa Obbo Ahimaditti shororkeessaan humnoota alaa waliin ta’uun gochaa biyya diiguu raawwachaa jiru gara giddugaleessa biyyattii akka hinceeneef qaamota nageenyaa federaalaa, raayyaa ittisa biyyaafi hawaasa zoonichaa waliin tumsuun haala duraaniirraa bifa adda ta’ee diina barbadeessuuf hojjetamaa jira. Godinichatti diina qolachuuf kan waraanu malee carraa diinaa laachuuf kan buqqa’u hinjiru jedhaniiru.

Murni shororkeessaan bara aangoo qabate irraa eegalee saba Oromoo gama dingideefi siyaasaan laamshessuun siyaasa Itoophiyaa keessatti shoora isa irraa eegamu akka hintaphanneef ajjeechaafi hidhaa saamichaa cimaa irratti geggeessaa turuu kaasanii, qabeenya naannichaa saamuun abbootiin qabeenyaa guddina dingidee naanichaafi biyyaa keessaatti akka hinhirmaanne taasisuun maqaa adda addaa itti maxxansuun biyya akka baqatan taasisuusaa himu. Har’as ergamtuusaa shanee waliin tumsuun godina bulchiinsa Oromoo keessatti ajjeechaa saamicha geggesseera.

Gochi akka kanaa Oromoo bakka akka hinbuune eeruun Oromoon bakka jiru maraa bulchiinsa godina saba Oromoofi raayyaa itti biyyaa waliin tumsuun gochaa shororkeessaa barbadeessuuf wareegama barbaachisu akka kaffalaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Gammachuu Kadiriin

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Sadaasa 4/2014

Recommended For You