Finfinnee: Wayyaaneen silmii dhiiga dhugee akka malee dhiita’eefi qabsoo qeerroofi qarree Oromootiin sa’attii irraa buqqifamee lafatti darbatamee tureefi yeroo ammaa immoo lafa irratti darbatame sanarraa ka’uudhaan sa’attii irratti deebi’uuf tattaafachaa jiru ta’uu Pirezdaantiin Oromiyaa ibsan.
Pirezdaantiin Oromiyaa Shimallis Abdiisaa dhimma wayitii ilaalchisuun ibsa torban kana miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti, akka miila sa’aatti ta’ee silmii kana gara sa’attiitti kan ol baasu immoo shaneedha. Shaneen Oromoo olaantummaa jara kanaa fudhateedha. Kanaaf jarri Oromiyaatti deebi’uudhaaf akkuma Oromoo ulaagaashee kana guutu barbaaddutti, Affaarii, Somaalee Amaaraafi saba hunda keessaa gareewwan ulaagaa kana fudhatan akka daandiitti fayyadamuudhaan saboota dur dhiiga dhugaa turtetti deebi’uuf yaaliirra jirti.
“Jarri maqaa Oromootiin socho’an (shaneen) Oromoo waliin hojjachuu dadhabdeeti kan wayyaanee jalatti galte. Paartii Oromoo wajjiin hojjachuu dadhabdee akkamitti wayyaanee waliin hojjachuun isheef salphate laata? Kanas ta’ee sana garuu dhufaatiin jaraa inni ammaa kun bifa kamiinuu waan milkaa’uu danda’uu miti. Wanti bifaa hafee wayyaaneen bar erga nurraa buutee waggaa afurillee hintaanee. Qeerroofi qarree qabsoo kanarratti magaalota Oromiyaa hunda keessatti wareegama kanfalaa turan sana garuu akkamitti dagachuun danda’ama? Qonnaan bulaa maqaa misoomaatiin qe’eefi qabeenyasaarraa buqqa’aa ture hoo akkamitti irraanfachuun danda’ama? Kun gaaffii saba bal’aa illallatuudha” jedhu.
Waliigalteen tibbanaa wayyaanee waliin taasisanis waan haaraa akka hintaane eeranii, isuma dura dhoksaadhaan ergamaafii ture sana amma immoo ifatti anatu isiniif ergama, anatu siif raawwachiisaa jedhee labsachuu ibsu. Wayyaaneenis jara jallataa kana harkatti qabateeti Oromoo cabsuuf ifaajaa jiraachuufi bara 1981 ABOn wayyaanee waliin mootummaa dargii injifatanii erga Finfinnee galaniin booda waan jarri irratti raawwate sana ni dagatu jedhanii akka hin yaadnu ibsu.
Erga waan isaanirraa barbaaddu hunda raawwachiifatteen booda ammas jara kana hidhuun, ajjeessuuniifi biyyaa ari’uun waan ooluu akka hintaane Obbo Shimallis ni dubbatu.
Guutuu ibsasaanii fuula Keessummaa Bariisaarraa argattu
Kutaa Qophiitiin
Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Sadaasa 4/2014