Jireenya Gaggeessitoota Jijjiirama Fidanii

Jireenya gaggeessitoota jijjiirama fidanii yoo ilaallu kan isaan waliin qaban kabajaafi bu’aa dhuunfaaf kan hintattaafanne, hadhaa’inni kan isaan keessa hinjirre, dadhabinasaanii dhoksuuf kan hin yaalle, galmarratti kan xiyyeeffatan, abdiin kan guutaman, obsa kan qabaniifi kan namoota hirmaachisan, haala ulfaataa kan dandammataniifi keessa darban, of xiqqeessanii waan guddaa kan hojjetan, yeroo mara barattoota kan ta’aniifi of jijjiiruuf kan yaalaniidha.

Gaggeessitootni jijjiiramaa yaada namoota addaa addaa hanga dandaa’ametti kan keessumsiisan, nama kan hirmaachisan, geggeessitoota kan biroof fakkeenya gaariifi haala gaarii qopheessuun kan guddisan, aangoosaanii kan argisiisan utuu hinta’in kan karaa agarsiisan, kan haala mijeessan, warra gaggeessan akkasumas namoota tajaajiluuf kan qophaa’an, jijjiirama addunyaa kana keessatti arguu kan barbaadaniifi karaa kan ta’an, namoota gaggeessan irraa adda ba’anii xiyyaara dhuunfaan kan balali’an utuu hinta’in uummata waliin kan jiraatan, hawaasa gaggeessan irraa fagoo kan hinjirre, jireenya bashannanaan guute irraa kan of qoqqobbatan, hiyyeessi salphaatti kan isaanitti dhiyaachuu danda’uudha.

Al tokko gaggeessaa biyya Hindii Mahatamaa Gaandii namni jedhamu gabroomfattoota Ingiliziitti mataa dhukkubbii ta’uun biyyi Hindiin akka bilisoomtuuf shora guddaa namni taphate baaburaan utuu deemaa jiruu bakki inni taa’e waan dhimmisuuf namoonni baabura keessaa bakka hindhimisnetti akka goruuf gaafatan. Inni garuu,“Maaliif bakka hindhimmisnee namoota kaastanii anaaf jettanii bakka dhimmisu teessistu? Anaan immoo maaliif bakka hindhimmisne na teessistu? Warri bakka dhimmisu taa’an namootaa gadii?” jedhee bakka itti dhimmisuu ka’uu dide. Gaggeessaa biyyaa, gaggeessaa cimaa jijjiirama fide, addumaan biyya Hindii keessatti inni tokko qomoo kabajamaa inni kaan ammoo qomoo gadaanaa akka namaa gadiitti biyya dhalli namaa keessatti ilaalamu gara kuteenyaan namni hundi walqixa akka ta’e, namni namaa gadii akka hinjirre kan mirkaneessee, hanga har’aatti illee nama hawaasicha qofa utuu hinta’in biyya lafaa kanarratti maqaa gaarii qabu gaggeessaa cimaa yoo ta’e iyyuu saba irraa fagaatee, akka nama addaatti of kan ilaale utuu hinta’in hawaasa isaa fakkaatee, rakkoo isaan mudate keessaa hirmaatee waliin jiraate.

Gaggeessitootni jijjiirama fidan rakkoo hundumaa kallattii tokkoon, akkuma isa kaleessaatti hiikuuf hin yaalan. Rakkoon uumamu kallattii addaa addaan akka hiikamuu danda’u namoota beekaniifi jijjiiramaaf kan of qopheessan, of qabuu kan danda’an, dhiibbaa miiraa qofaan kan hinsochoone, yeroosaanii waan barbaachisaa qofa irra kan oolchan, taayitaa qabanitti fayyadamuun hojjettoota kan hinrifaasisneedha. Gaggeessitootni jijjiiramaa waan namoonni isaan duraa hojjetaniifi akkaataa isaan itti hojjetan qofaan akka jijjiiramni barbaachisaan hindhufne kan amananiidha. Jijjiiramni akka tasaatti kan dhufu utuu hinta’in of kennuudhaan hojii ija qabu hojjechuu, gaggeessaa ta’uu yaadachuufi of yaadachiisuu, namoonniifi dhaabbanni isaan geggeessan akka gaggeessaa isaanii fakkaatan kan hubatan, hordoftootasaanii bakka buusuuf kan sirriitti hojjetan, baay’inni hojii sababa hojii hiruu dadhabuun dhufu akka isaan dhiphisu, akka qulqullinaafi iji hojiisaanii miidhu kan hubatan hojii kuma ofii hojjechuu irra nama kuma bakka buusuun kan hojjechiisan, namoota tattaafatan, namoota tarsiimoo sirrii qabaniifi ilaalcha gaarii qabaniidha.

Isa kanaaf garuu gaggeessaan tokko waan hojjetamuu malu sirriitti ofii hubachuun namoota biraas sirriitti kan hubachiisu ta’uu yoo danda’eedha. Gaggeessaan qofaa utuu hinta’in warra geggeessuu wajjin harka walqabachuun waan cimaa raawwachuu nama danda’uudha. Kana ilaalchisee ‘mother Teresa’n “Waan ati hojjettu ani hinhojjedhun ta’a. Waan ani hojjedhu immoo ati hojjechuu dadhabuu dandeessa. Harka wal qabannee garuu waan guddaa hojjenna!” jedhu. Mukni tokko ni aarti malee boba’uu akkuma hindandeenye jijjiiramnis gartuu barbaada.

Gaggeessitootni jijjiirama fidan yeroo hundumaa mul’ata haaraa kan burqisiisan, tarsiimoo hojii raawwiisaatti hidhuun bifa miidhagaa ta’een duuka buutotatti agarsiisuun akka kan ofii isaanii godhatan kan taasisaniidha. Kana irraa kan ka’e dhaabbata keessa jiran irratti dhiibbaa gaarii kan geessisan, akka uummataatti utuu hinta’in nama dhuunfaaf illee xiyyeeffannaa kan kennan, fakkeenya ta’uun kan geggeessaniifi kan hojjetan, bakka yaadameefi mul’ata dhaabbata isaanii bakkaan kan geessisan namoota kakaasuun ykn sochoosuun, egeree gaarii sammuu namaa keessa kaa’uun akka namoonni waa’ee isa dhufuuf yaada qajeelaa qabaatan jajjabeessuun kan dura deeman, duuka buutonni isaanii rakkoolee jiran hubachuudhaan rakkoo sanaaf akka furmaata sirrii kennuu dandaa’aniif haala kan mijeessan, dandeettii waa kalaquu duuka buutota keessatti kan jajjabeessan, isa duuka buutonni hojjetan kanaaf immoo beekamtii namoota duratti kan kennaniifi kkf dha.

Gaggeessaan hordoftootasaaf jaalala hinqabne, warra geggeessu hindhaggeeffanne, waa’eesaaniitiif waan gaarii hin yaadne, akka isaan isa sodaatan kan barbaadu, yeroo fudhatee waan barbaachisaa ta’e sirriitti kan hinibsineef gaggeessaa jijjiirama fidu ta’uu hindanda’u. Gaggeessaan jijjiiramaaf hojjetu hordoftoota isaaf kabaja barbaachisaa kennuufii qaba. Mary Kay Ash namni jedhamtu gaggeessituu cimtuu kan ishee taasise inni guddaan namni tokko nama ta’uusaaf gatii guddaa kan laattuufi isa kanaaf immoo nama jiraatte turte. Maqaan ishee akka beekamu kan taasise akka dhuunfaatti akka namoonni milkaa’aniif nama yaalii guddaa gootu turte.

Namni kam iyyuu faayidaa qaba jettee amanti. Nama kamiyyuu sirnaan yoo itti gargaaramne bu’aa buusuu akka danda’uufi uumamaan galateeffamuu akka fedhu hubachuun jijjiiramaaf gurmeessuun barbaachisaadha. Namootatti waan hojjetan itti himuufi beekumsaan kakaasuun qofti ga’aa miti. Haa ta’u iyyuu malee ho’inni namootaaf qabnu bu’aa guddaa akka qabu hubachuufi akka jijjiiruu danda’u adda baafachuun gaariidha.

Ho’ina namaaf qabaachuun namoota hedduu jijjiirra. Nama tokko yeroo gargaarru nama sana qofa utuu hinta’in harka lafa jalaatiin naannoo nama sanaa kan jiran irratti dhiibbaa gaarii geessisaa jiraachuu keenya hubachuun barbaachisaadha. Humni dhiibbaa gaariis ta’e hamaa amala of baay’isuu qaba. Gaarii yoo goonu namoota keessatti isuma facaasne argina. Hamaas yoo hojjetne namoota hamaa hojjetan hedduu horanna. Namni waanuma facaase galfata. Rakkoon har’a argaa jirrus isuma kana.

Karaa biraas hordoftootni amanamoota kan ta’an (geggeessaan tokko kan jijjiiramaaf isaan amanuu danda’u), akka waan hundumaa beekanitti kan of fudhatan utuu hinta’in namoota irraa waan haaraa barachaa kan deeman, beekumsa isaaniis kan qoraa deemaniifi warra waliin hojjetan kan qoraa deeman ta’uu qabu. Jijjiiramaaf fedha guddaa kan qaban, waan hojjetaniif itti gaafatamummaa kan fudhataniifi duuka buutota isaaniis itti gaafatamummaa akka fudhatan kan jajjabeessaniidha.

Isa kanaaf ilaalchi gaggeessaan tokko qabu baay’ee barbaachisaadha. Ilaalchi burqaa waan hundumaati. Isaak Niwuton namni jedhamu beekaa saayinsii cimaa akka ta’u kan isa taasise mucummaasaatti gara samii ilaalee waa’ee urjotaa gadi fageenyaan itti yaada ture. Waa’ee urjota kanaas gadi fageenyaan baruu nibarbaada ture. Gaaffii garaa garaas nigaafata ture. Dhumarratti nama jijjiirama fidu nama cimaa ta’e.

Inni qorataa cima ta’e. Atis gaggeessaa attamii ta’uu barbaadda? Ilaalchaafi yaada waan xiqqoorraatti yeroo kee hinballeessin. Waan guddaa of harka galfachuudhaaf dhama’i. Milkoomina adeemsa keetiif daangaa kan ta’u ofirraa molqii balleessi. Sababiinisaa gaggeessummaaf barbaadamuun kee namoota kan biraarra fooyya’aa ta’uun kee itti amanameeti. Yoomiyyuu isa kana hindagatiin. Namni gaggeessummaatti dhufus dheebuu tokko niqabaata. Lafa ilaalu ga’uu, waan karoorse hojiitti geeddaramuu, dhaabbanni isaa fooyya’ee jijjiiramee arguudha.

Namoonni tokko tokko gama kanaan yeroo milkaa’an warri kaan garu halkaniifi guyyaa yoo dhamaa’an illee, kaachoo barbaachisaa kaatanii dhumarratti ceephoo jalaa hinmiliqan. Gaggeessitoonni muraasni bakka jiranitti jijjiirama kan fidan yommuu ta’u kaan immoo rakkoo uumuun uummata keessatti hidda hamaa seenaan hindaganne dhaabanii darbu. Burqaa rakkoofi jeequmsaa ta’u. Dogoggorasaanii maqaa hindha’an garuu waan gaarii hojjetan leellisuun yeroo dabarsu. Gaggeessaan jijjiiramaaf hojjetu garuu isa kana irraa walaba.

Egaa jijjiiramni barbaachisaa yoo ta’e illee galgala tokkotti biqilee kan guddatu waakkoo miti. Namni jijjiirama fiduuf abjuu qabu tokko obsaafi gara kuteenyaan hojjechuu qaba. Akkuma dubbatamu salphaatti bira ga’amuu dhiisuu danda’a. Yeroo hedduu namoonni waa’ee Abraaham Linkoliin yeroo haasa’an dhageenyee beekna ta’a. Sadarkaa jijjiirama har’a seenaan biyya lafaa dubbatu bira ga’uuf wanta keessa darbe keessaa muraasa yoo ilaalle nama hiyyummaa hamaa keessatti dhalate, maatiin isaa bara 1816 mana jireenyaa isaanii keessaa humnaan yeroo baafaman hojii humnaa hojjetee isaan gargaaraa ture; bara 1818 haati isa ni du’an; 1831 daldala eegalee hinmilkoofne; 1832 dorgommii filannootti dhiyaatee hinmilkoofne; 1832 hojii irraa niari’ame akkasumas mana barumsaa seeraa dhaquuf jedhee utuu hinmilkaa’in hafe. Bara 1833 horii hiriyaasaarraa liqeeffatee daldala eegalee dhuma waggaarratti kasaaraa cimaa keessatti kufuun horii liqeeffate kana waggoota dhufan kudha torba guutuu kanfale. Bara 1835 kaadhimaan isaa jala sababa duuteef gadda guddaatu jireenyasaa mudate. Bara 1836 dhukkuba narvii dhukkabsachuun ji’a ja’a guutuu sireetti gale. Bara 1838 dorgommiif filannootti dhiyaatee hinmilkoofne. Itti fufuun bara 1840 ammas nimo’ame. Bara 1843 mana mareef dorgomee hinmilkoofne. Bara 1848 mana mareef si’a lammaffaaf dorgomee nikufe. Naannoo dhalatetti bara 1849 bulchiinsa lafaaf dorgomee hinmilkoofne. Bara 1854 mana maree murtoo seeraatti dorgomee nikufe. Bara 1856 wal ga’ii paartii isaatii irratti dhiyaattee itti aanaa pirezidentiif akka filaniif maqaa dha’uu irratti namoota dhibbaa gadi kan ta’antu file.

Lammaffaa deebi’ee waan filannootti dhiyaatu hinfakkatu ture. Haa ta’u iyyuu malee utuu abdii hinkutatin bara 1858 mana maree Ameerikaaf dorgomee ammas nikufe. Abdii kutannaa malee ammas irra deebi’ee yaaluun seenaa keessatti kan hindagatamne bara 1860 Pirezideentii biyya Ameerikaa ta’ee filame. Abirahaam Linkolin nama bara isaa irra guddeessa mo’amuun jiraate yoo ta’e illee boodatti hindeebine. Pirezideentota Ameerikaa keessaa isa jabaafi kan maqaan isaanii dhaa’amu keessa tokko ta’uu danda’eera. Darbees nama jijjiirama fidu keessaa nama tokko ta’eera. Namoota mul’ata qabaniif kufaatiin dhuma jireenyasaanii miti.

Ilaalcha sirrii sababa qabaniif kufaatii irraa beekumsaafi muuxannoo garii argatu. Namoota baay’eetiif kufaatiin yeroo abdii kutannaati. Haa ta’u iyyuu malee kufaatii irraa waan hedduutu barama. Gufuu nama dha’e irratti jabaatanii hojjechuudhaan galma ofii bira ga’uun nidanda’ama. Kanaaf geggeessitootni jijjiirama fidan kufaatiin dhuma adeemsa isaanii, dhuma mul’ata isaanii, dhuma tattaaffii isaanii akka hintaane sababa beekaniif injifattoota.

Doktar Zarihun Gabree

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 27 Bara 2014

Recommended For You