Finfinnee: Baankiin Daashin tajaajila baankii dijitaalaa kennuu yeroo yeroon fooyyeessaa kan jiru ta’uufi dheengaddarraa kaasees kaardii maamiltoonnisaa sirna bittaafi gurgurtaa ittiin adeemsifachuu danda’an ‘American Express’ jedhamu eegaluusaa iftoomse.
Raawwachiisaan Hojii baankichaa Obbo Asfaawu Alamuu sagantaa tajaajilacha beeksisurratti argamuun ibsa miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti, baankichi kaardii kana kan qopheesse ‘American Express’ waliin ta’uu kaasanii, kunis maamiltoonni hojii daldalaaf biyyoota addunyaa garagaraa imalan bittaafi gurgurtaasaanii sharafa alaatiin akka raawwatatnif gargaara. Kanaanis maamiltoonni biyya alaa ta’anii herrega qusannaa biyya alaa isaaniirraa haala salphaa ta’een maallaqa baafachuun daldalasaanii ittiin raawwatachuu danda’u.
Dabalataanis maallaqa harkaa harkatti fayyadamurra yaaddoofi soda tokko malee qarshii hanga barbaadan fayyadamuun karaa neetworkii ‘ATM, American Express’ biyyooleessaatiin hojiisaanii raawwachuu akka danda’an kaasanii, namni ykn dhaabbanni ragaa seera qabeessa dhiheeffachuufi qoqobbiin daddabarsa maallaqaa irra hinjirre kaardicha fayyadamuu akka danda’us dubbataniiru.akka ibsa raawwachiisaa hojichaatti, baankiichi teknolojiiwwan ammayyaa fooyya’aniifi yerichi barbaadu dhiheessuudhaan adda duree ta’ee kan itti fufu ta’uus ibsaniiru.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 27 Bara 2014