Finfinnee: Qooda fudhattoonni waraana garee shororkeessaa Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) hunduu sarbama mirgoota namooma idil-addunyaa yakka waraanaafi yakka namoomarratti raawwatamu raawwachuusaanii gabaasni Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaafi Waajjirri Mootumoota Gamtoomanii ibse.
Gabaasichi ajjeechaan seeraan alaa, reebichaan dararuu, dirqiin gudeeduu, haleellaan baqattootaafi kanneen qe’eerraa buqqa’anirratti raawwatamufi kallattiin lammilee nagaa ykn qabeenyasaanii kanneen akka mana jireenyaa, manneen barnootaa, hospitaalotafi manneen amantii haleelamu ykn miidhaan irra gahuusaaf sababni gahaan jira jedha.
Gareen dargaggoota Tigraay Saamrii jedhamu dhalattoota saba Amaaraa 200 ol magaalaa Maayikaadiraatti kan ajjeesan ta’uufi ajjeechaan seeraan alaa murtii seeraa malee raawwatamuu, akkasumas ta’e jedhanii du’aan nama adabuun raawwachu gabaasichi hammateera.
Gareen shororkeessaa ABUTfi gareewwan isaan hidhata qabanis lammiilee nagaa sabaan Tigree hintaane seermalee hidhuufi butuu akkasumas kunneen keessaa tokko tokko immoo ajjeefamuufi akka dhabaman taasifamuus gabaasichi himeera.
Itti dabaluunis, dhiibbaan saalqunnamtii dirqiin gudeeduu dabalatu gama lamaaniinu dubartoota, dhiirota, ijoollee shamarraniifi dhiirootaa irratti raawwatamuu eera.
Mnistirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad gabaasa kana ilaalchisuun ibsa baasaniin gabaasicha gariin kan itti walii hingalle ta’ullee “ni simanna, beekamtis ni kenninaaf” jedhanii, gabaasichi gabaasa sobaa “gochi sanyii balleessuufi beelli akka meeshaa waraanaatti faayidaarra ooleera” jedhu soba ta’u kan saaxile jedhu.
Itti dabaluunis humnoonni Tigraay yakkoota gara garaa raawwachaa turuu isaanii kan ifoomse ta’uu eeranii, yakkoota loltoonni mootummaa ykn humnoonni naannolee raawwatan haala walaba ta’een akka qoratamuufi itti gaafatamummaan akka jiraatu mootummaan ni hojjeta jedhaniiru.
Komiishinarri mirgoota namoomaa mootumoota Gamtoomanii Misheel Baachelet gamasaaniin, waraanichi gochaawwan gara jabinaa hamoon kan itti raawwatame ta’uu eeruun, xumura akka godhatu gaafataniiru.
Gabaasni Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaafi Waajjirri Mirgoota Namoomaa Mootumoota Gamtoomanii waliin ta’uun qorannoo taasisaniin booda bahe fuulawwan 156 kan qabufi lola Itoophiyaa Kaabaan walqabatee sarbama mirgoota namoomaa Sadaasa 03, 2020 hanga Waxabajjii 28, 2021ti raawwatame of keessaa kan qabu ta’uu miidiyaaleen garagaraa gabaasaniiru.
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 27 Bara 2014