“Onkololeessa 24 Itoophiyaatu gara jabinaan ajjeefame” -Doktar Abiyyi Ahimad

Finfinnee: Ajjeechaan gara jabinaa waggaa darbe Onokoloolessa 24 miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa ajaja Kaabaarratti raawwatame isaan qofarratti osoo hintaane Itoophiyaarratti kan raawwatame ta’uu Ministirri Muummee Itoophiyaa ibsan.

Ministirri Muummichaa Doktar Abiyyi Ahimad guyyaa yaadannoo Raayyaa Ittisa Biyyaa ajaja Kaabaa garee shororkeessaa ABUTn irratti raawwatameef qophaa’erratti argamuun haasawaa taasisaniin, guyyichi Itoophiyaan aarsaa ilmaanshee kaffalaniin kan itti fuftuu ta’uushee kan mirkaneesse ta’uu himanii, miseensota RIB miindaa gahaa malee, nyaata gaarii malee Itoophiyaa eegaaf aarsaa kaffalaa jiraniif galatatu malas jedhaniiru.

Lammiileen Itoophiyaa hundi fedhasaaniin RIBtti akka makamaniifi namuu meeshaa waraanaafi rasaasa qabu gumachuun humnoota badii ABUT boolla gadi fageessanii qotaa jiranitti akka galchan dhaamaniiru.

Guyyicha sababeeffachuun Pirezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa gamasaaniin, “warreen kaan jiraachiisuun gootummaa tahuus, ofii du’anii kanneen jiraachisuun garuu gootummaa gootummaan oliidha; nama qulqulluu tahu gaafata; isiin nuuf gootoota; qulqulluummaa oliiti’’ jedhu.

Dacheen dukkana uffattee bakka jirtutti, lubbuu qabeeyyiin guyyaa bineensoota halkanif bakka lakkisani osoo jiranii, halkan sanaan haleellaan gara jabinaa Goota RIB miseensota ajaja kaabaarratti raawwatameefi gantummaan sun yoomiyyuu kan hidagatamne ta’us ni himu.

Guyyichi akka federaalaa, naannoofi bulchiinsoota magaalootatti sirna dungoo qabsiisuun yaadatamee ooleera. Sinqinash Alamuutiin

 BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 27 Bara 2014

Recommended For You