“Walii galteen gareewwan ABUTfi Shanee ummataan diigamuu qaba” – Miseensa Mana Maree Ameerikaa, Karin Bas

Bayyanaa Ibraahimiin

Finfinnee: Gareen Shororkeessaa ABUT daa’immaan waraanarratti hirmaachisaa jiraachuusaa kan himtu Karin Bas, naannoo Amaaraa keessaa gadi lakkisee akka bahus gaafatteerti.

Karin kana kan himan gareen dhimma alaa mana marichaa HR fooyya’e 445 torban darbe erga raggaasiseen booda akka ta’e himameera.

Akka ibsasheetti, garee ABUT kan waraanaaf filataman keessaa daa’imni umrii 13 ni argama. Akka daa’imni kun jedhutti garee kanaan kan qabame yeroo magaalli Allaamaaxaa too’atamteedha. Yeroo sana isaafi hiriyyootasaa daandirraa funaananii gara iddoo isaan hin beeknetti geeffamanii torbee lama tursiifaman. Achirraan immoo gara waraanaatti akka dabalamaniif itti himamuudhaan guyyaa guutuu waraanicharratti hirmaachaa oolu.

Yeroo kanas wanti aarsamuufi sammuu nama hadoochu akka isaaniif kennamu kan dubbatu daa’imni kun, yeroo sanattis miira ofii too’achuun kan itti ulfaatu ta’uu ibsa.

Yeroo waraanni jabaatee loltoonni Itoophiyaa garicha akka malee rukute immoo ajajootni garichaa loltoota gara boodaatti dheessuu barbaadan duubaan haleelaa ture. Haala kanaan loltootni umriin xixiqqaa ta’an 24 ajjeefamaniiru.inni garuu bo’oo bishaanii keessatti dhokachuudhaan lubbuusaa baraaruu danda’eera.

Iyyaruusaaleem Haylay, daa’imman carraan akkasii muudatan keessaa ishee tokko yemmuu taatu, Hagayya 7 magaalaa Maqaleetii humnaan qabamtee gara waraanaatti akka dabalamte dubbatti,

Akka ibsasheetti, gara waraanaatti kan ergaman leenjii gahaafi hidhannoo guutuun osoo hin taane calluma jedhameeti. Haa ta’uu malee humni waraanaa Itoophiyaa gaafa dhukaasa banu immoo harka kennechuu dandeenyeerra.

 Helen Hadigoomis daa’imman carraa waraana keessa isaan galche keessaa ishee birooti. Maqalee irraa gara Affaariitti yemmuu geeffamtu waa’ee waraanaa waan tokko akka hinbeekneefi biskutiifi bishaan lagaatiin ala kunuunsi daa’immaniif godhamu tokkos akka hinjirre dubbatti.

Bariisaa  Onkoloolessa 20 / 2014

Recommended For You