Rippoortara Gaazexaatiin
Finfinnee: Humni Xiyyaara Itoophiyaa iddoowwan filatamoo humnoonni shororkeessaa ABUT itti leenji’aniifi meeshaaleen waraanaa itti suphaman filuun haleellaa cimaa fudhachaa jira.
Wiirtuuleen haleellaan humna xiyyaaraa irratti fudhatamaa jiran kunneen bakkeewwan leenjii waraanaa, meeshaaleen waraanaa itti suphaman, hucculeen waraanaa itti oomishaman kan of keessatti hammatedha jedhameera.
Haleellaa fudhtamaa jiru kana hordofuun sagaleen watwaannaa murna Shororkeessaa ABUT dabalaa kan jiru ta’u Tajaajilli Dhimmoota Kominikeeshinii RFDI kan ibse yoo ta’u dhumni ABUT gahuusaaf agarsiistuudha jedhaniiru.
Isa kanaafis ABUT kana booda gommaa afuurfataa jirudha jedhanii umriinsaanii gabaabbataa akka jirudha kan ibsan. Haleellaa marsaa 2fa Injinariingii Inadastirii Masfin irratti fudhatameen meeshaaleen waraanaa, uffatni seeraa qaamota nageenyaafi qaamota nageenyaa ergama shororkeessichaa baatanirratti haleellaa cimaan raawwateera.
Haleellaa kana hordofuun iyyiifi watwaannaan ABUT heddummaachaa kan jiru yoo ta’u, akkuma gommaa qilleensi keessaa bahaa jiruun kan walfakkaatu akka ta’es ibsameera.
Mootummaan Itoophiyaa murtee waraana dhaabuu dabarsuun naannoo Tigraay keessaa humni waraanaa Itoophiyaa wayita bahu ABUT dirree bal’aa argate sana akka injifannootti ilaalee diddaa agarsiisuu itti fufeera. Murni kun keessa bahees torban lama gidduutti Finfinnee gala miira jedhuun fincilaa tureera.
Har’a abjuun murna kanaa haleellaa cimaa Humni Qilleensa Itoophiyaa fudhataa jiruun gatiisaa argataa kan jiru yoo ta’u, tarkaanfileen barsiisaa ta’an fudhatamniiru.
Wiirtuuwwan xiyyeeffannoon itti laatamee haleellaan irratti qaqqabe kana keessatti humni waraanaa juuntichaa hedduun kan barbadaa’an yoo ta’u, kan hafan madaa’aniiru. Meeshaaleen waraanaa murni kun itti of jajaa ture hedduunis tarkaanfii kanaan tajaajilaa ala ta’aniiru.
Yeroo ammaattis waraana qindaa’aa ummata bal’aa Itoophiyaan deggaramaa murna badii kanarratti fudhatamaa jiruun tarkaanfiileen jajjaboo fudhatamaa kan jiran yoo ta’u deggarsaafi aantummaa ummatni Itoophiyaa agarsiisaa jiru kan namatti toludha jedhameera.
Sochiin murnoota badii kana dhabamsiisuu ammas cimee kan itti fufu ta’uus ibsuun golaafi boolla isaan galanii baasuun tarkaanfii barsiisaa fudhachuun qorqalbii biyyaa deebisuun murteessaa ta’uus beeksisaniiru.
Lammiileenis aantummaa qorqalbii biyyasaanii eegsisuuf qaban agarsiisuuf jecha duula gaggeeffamaa jiru kana haaluma barameen deggaruu akka qabanis dhamameera.
Bariisaa Onkoloolessa 20 / 2014