Fiqaaduu Dheeressaattiin
Finfinnee: Weerara shororkeessichaa qolachuuf hawaasni Dahoo isaa mirkaneessaa jira jechuun Bulchaan olaanaa Bulchinsa Saba Oromoo obbo Ahimad Hasan dubbatan.
Obbo Ahimad addatti Dhaabbata pireesii Itoophiyaaf yaaada kennaniin, gareen shororkeessaa Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABUT) biyyattirra darbee ardii Afrikaaf hamaa ta’uu isaatiin waamicha birmadummaa biyyoolessaa eegsisuuf taasifame fudhachuun godinichi gahee mataa isaa bahachaa akka argamu ibsaniiru.
Jijjirama akka biyyaatti dhufe mormuun Maqaleetti galuun biyyatti diiguuf shira xaxaa tureen Onkololeessa 24, bara 2013tti gooticha raayyaa ittisa biyyaa irratti haleellaa bane sababa godhachuun akka biyyaatti duula taasifamaa jiru irratti hirmaachaa jiraachuu isaanii beeksisaniiru.
Sadarkaa godinichaatti kutaa hawaasa garagaraarraa dargaggootaafi hidhattoota leenjisuun bakkeewwan adda waraanaa barbaachisoo ta’anitti bobbaasuun injifannoo galmeessisaa jiraachuu isaanii dubbataniiru. Keessumaa naannawaa daangaa godinichaatti humni shororkeessaa kun lowee akka hin galleef eegumsawwan barbaachisoo ta’an ijaaruun of eggannoodhaan dhaabbachaa akka jiranis dubbataniiru.
Kanaan alattis haleellaa raawwatamu hundaaf dargaggoon qophaa’aa ta’uu isaafi gareen badii kun gara godinichaatti lowee osoo galee falmii barbaachisuu gochuun balaa birmadummaa biyyattirratti aggaamame gahumsaan qolachuuf qophii ta’uu mirkaneessaniru.
Gareen shororkeessaa kun naannoo Amaaraatti bakkeewwan tokko tokko weeraraan qabachuun gochaalee sarbama mirga namoomaa fi saamicha garagaraa taasisaa jira kan jedhan bulchaan olaanaa kun, godinicha kan daangeessu godina walloo kibbaatti seenuun miidhaa dhaqqabsisaa jiru, gara godina saba Oromottis seenuuf yaalii taasisu hunda qabsoo hadhaawaan ofirraa qolanna jedhaniiru.
Gama birootiin ergamaa ABUT kan ta’e gareen shanee bakkeewwan godinichaa tokko tokkotti socho’aa jiraachuu isaatiin kaayyoo ABUT galma geessisuuf carraa akka hin arganneetti godinicha keessaa balleessuuf hojii jabaa hojetameen ifatti sochiin inni taasisu akka hin jirree dubbataniru.
Akka ibsa bulchaa olaanaa kanaatti humnoonni ciccitanii hafan yoo jiraataniis humnoonni lamaan akka wal hin agarre naannawa hedduutti hojiileen sakatta’uu hojjetamaa jiru. Keessumattuu naannawa Baateetti daragaggoota gooticha raayyaa ittisa biyyaa waliin qindeessuun hojiin bal’aan hojjetamaa jira.
Qaamoolee gara adda waraanaatti duuluun garee shororkeessaa kanarratti tarkanfii fudhataniin alatti, hawaasni godinichaa waamicha mootummaan taasiseen maallaqaan, kennaadhaan, qophii galaafi haamileetiin humna callisaa waliin dhaabbachuun gahee mataa isaanii bahachaa akka aragaman eeraniiru.
Gootummaa hawaasa Oromoo Walloo gareen shororkeessaa ABUT nii beeka kan jedhan obbo Ahimad, hawaasa eenyummaa isaatiif lubbuu isaa dabarsee kennuuf kan duubatti hin jenne ta’uu caqasuun, garee kana godinicha keessaa qofa osoo hin taane wallo keessaa baasuun awwaala isaa arifachiisuuf kutannoodhaan kan hojjetu ta’uufi kanaafiis immoo hawaasni godinichaa qophii ta’uu dubbataniiru.
Bariisaa Onkoloolessa 20 / 2014