Riippoortara gaazexichaatiin
Finfinnee: Kaleessa oduun “Miidiyaan hawaasaa guddichi, Feesbuukiin Shanee (qaama ‘Waraana Bilisummaa Oromoo’ jedhee of waamu) tarree dhaabbileefi namoota hamoo jala waan galcheef guutummaatti Feesbuukiitti fayyadamuu akka hindandeenye ugguruu hime.
Dubbii himaan dhaabbata Feesbuukii BBC’f akka ibsanitti, Shororkeessaa Shaneen Feesbuukiirraa kan uggurameef ‘’Imaammata jaarmiyaalee hamoo, keessumaa kanneen mootummaa hinta’iiniifi hokkora uuman jedhuuni’’ miidiyaalee hawaasaarra naanna’aa ooleera.
Gaazexaan Bariisaas oduu kana akkamitti akka hubataniifi isaan walqabaturratti gorsaan Qunnamtiifi Dijitaalaa Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Yaared Tashomaa (PhD) dubbisee yaada ittaanu argateera.
Kaampaaniin Feesbuukii gocha shororkeessaa Shanee bu’uureffachuun tarree, ‘Dhaabbileefi namoota hamootti’ keessa galchuun tarkaanfiin marsariitiisaarra ugguruu fudhate hammeenyummaa murnichaa daran kan mirkaneessu ta’uu ibsan.
Akka ibsasaaniitti, akaakuuwwaan marsariitiiwwaan hawaasummaa yoo xiqqaate 67 akka addunyaatti jiran keessaa Feesbuukiin namooma waliin walqabsiisuun maxxansawwan Shanee kamuu akka hinkeessummeessu.
Wayita mootummaan garicha shororkessummaan ‘farraju’, qaamoleen tokko tokko yaada sadarkaa kanaan farrajamuu hinqabu jedhu kaasaa turuu yaadachiisanii kaampaaniin feesbuukii hammeenya waliin walqabsiisuun marsariitiisaarraa ugguruun, sirrummaa murtiin mootummaa sirrii ta’uu caalaatti kan mirkaneessuu ta’uus ibsaniiru.
Akka gorsichi jedhanitti, murnichi ajjeechaa, mirga namummaafi dimokraasiin sarbuufi gochoota sukkanneessoo biroo raawwateera. Gochoota akkanaatiin kan beekamu, ABUTs ijuma kanaan ilaaluun barbaachisaadha.
Suraawwaaniifi suursagaleen garichi maxxansu hedduun hammeenyaan kan walqabataniifi kunimmoo teknolojiidhaan waan xinxalamaniif dhiibbaa namoonni namummaan itti dhagahamu kaampaanicharratti taasisaniin tarkaanfiin akkanaa fudhatamuu dubbataniiru.
Yoo namoonni maqaa shororkeessaa kanaatiin suuraa, suursagaleefi fakkiiwwan adda addaa poosti godhan kaampaanichi teknolojii gocha kana adda baasuun haala saayinsaawaa ta’een kan xiinxaluufi hordofu ta’uus Doktar Yaareed ibsaniiru.
Miidiyaadhuma hawaasaa kanarratti waan shororkeessaa ABUT raawwatu akka waan hinargineefi hinraawwatamneetti bira darbuun akka mul’atus eeranii, ammayyuu ummanni keessumaa akka Oromootti gocha ABUT irratti caalaatti dammaquufi xiinxaluu akka qabu hubachiisaniiru.
Shaneen TPLF waliin jaarmiyaa shororkeessaa jedhamee Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataatiin moggaafamuun ni yaadatama.
Bariisaa Onkoloolessa 13/2014