Finfinnee: Hanqina nyaataa beeyilada Godina Booranaa muudate furuuf Bulchiinsi Mootummaan Naannoo Oromiyaa (BMNO) qarshii miliyoona 30 ramaduu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Oromiyaa beeksise.
Komishinarri ittaanaan komishinichaa Obbo Garramawu Oliiqaa ibsa dheengaddaa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhaniitti, sababa hanqina roobaa gammoojjiiwwan Oromiyaatiin walqabatee hanqina nyaataa beeyiladaa mudateen miidhaa qaqqabuuf malu ittisuuf BMNO nyaata beeyiladaaf qarshii miliyoona 10, bishaaniif ammoo miliyoona 20 ramadeera.
Muuxannoo kanaan duraarraa ka’uun yeroo akkanaatti hanqinni nyaata loonii waan mudatuuf namoonni naannawa jiraniirraa nigoodaanuu turan, barana garuu tattaaffii mootummaan gammojjiiwwan Oromiyaa keessatti qamadii omishuu yaaleefi kunuunsa naannawaa sababa Ashaaraa magariisaatiin taasifameen bu’aan galmaa’eera jedhan.
Hanqina nyaata beeyiladootaa godinaalee gammoojjii Oromiyaa mudate xiqqeessuuf akkuma kanaan duraa kunuunsa naannawaafi bishaan gannaa kuusuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuus eeranii, komishinichis hordoffii barbaachisu taasisaa jiraachuu himaniiru.
Hoggantuu ittaantuu Birroo Qonnaa Oromiyaa Doktar Amiinaa Abduraaman gamasaaniin, baranuma marsaa jalqabaan sababa hanqina roobaan godinoota horsiisee bulaa saddeet keessatti hanqina nyaataa mudateen BMNOn namniifi beeyiladni deggaramuu yaadachisanii, tibbana marsaa lammaffaaf Godina Booranaatti rakkoon kun mul’achuu ibsaniiru.
Hanqina nyaata beeyiladaa mudate qofaaf osoo hintaane, rakkoo waliigalaa kanaan walqabtee uumamu furuuf BMNOn qarshii ramaduun nyaanni beeyiladaa gama Godina Booranaatti geejjibsifamaa jiraachuu dubbataniiru.
Aanaalee godinichaa kudhan keessatti rakkoon kun mudachuu eeranii, gabaasa godinicharraa isaan gaherratti hundaa’uun kanneen miidhaa hamaarra jiraniifi bineeldoota hormaataa keessaa dhibbantaa kudhan baraaruurratti xiyyeeffatamee deeggarsi kan taasifamu ta’uu himaniiru.
Yeroon margi itti haamamu waan hingeenyeef hanqinni dhiyeessa nyaata beeyiladaa mudachaa jiraachuu eeranii, hanga argameefi danda’ame hundaan lubbuu beeyiladaa baraaruuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuufi gareen dhimmicha qo’atu tokko garasitti imaluus ibsaniiru.
Akka Doktar Amiinaan jedhanitti, mootummaan rakkinicha bu’uurarraa furuuf qabeenyi beeyiladaafi nyaanni naannawichatti argamu kan walhinsimne ta’uun qorannoon waan mirkaneeseef omishni margaa godinaalee horsiise bulaatti akka babal’atu karoorfamee hojjetamaa jira.
Horsiise bulaan muuxannoo qaburraa nyaata beeyiladaa qabu qusatee, osoo rakkinichi hinmudatiin beeyilada gabaaf dhiyeessee irraa fayyadamuun qophaa’ummaa qabaachuu qaba jedhanii, akkuma barame beeyiladoota kanneen baraaruuf ogeessonniifi qaamoleen hawaasaa hundi walgargaaruu akka qaban dhaamaniiru.
Sinqinash Alamuutiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 6 Bara 2014