Carraawwan lotarii tombolaa WMOfi Lammiitu Lammiif Bitootessa 28fi 30 bahu

Finfinnee: Carraan lotarii Waldaan Misooma Oromiyaa (WMOn)fi “Lammiitu Lammiif” walduraa duubaan Bitootessa 28fi 30 bara 2011 akka bahan ibsame.


Daareektarri Ittaanaan WMO, Obbo Daanyaachoo Bafaqaaduu ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, lotariin tombolaa waldichaan qophaa’ee naannawawwan gara gararaatti gurgurtaarra jiru guyyaan bahumsa carraasaa sababoota adda addaatiin dheerachaa ture Bitootessa 28 bara 2011 baha.


Lotariin tomboolaa WMO kun mana barumsaa addaa Magaalaa Laga Xaafootti ijaarsisaa eegalameef oolchuuf kan qophaa’e ta’uufi lotarichi Finfinneetti mana jireenyaa abbaa ciisichaa sadii, konkolaataawwan adda addaa, firiijii, laaptooppiifi kkf kan badhaasisu ta’uu Obbo Daanyaachoon himaniiru.


Walittiqabaan Koree Lotarii Lammiitu Lammiif, Obbo Mootii Morodaa gamasaaniin akka jedhanitti, ji’a Caamsaa darbe gabaarra kan oole guyyaan bahumsa carraasaa sababoota adda addaatiin yeroowwan sadiif dheerate Bitootessa 30 bara 2011 baha.


Magaalaan Asallaafi Godina Arsiitiin ala godinaalee 19n Oromiyaa biroon raawwii gurgurtaa lotarichaatiin sadarkaa gadaanaarratti kan argaman ta’uufi godinni homaayyuu hingurgurre jiraachuu ibsaniiru.


Lotariin Lammiitu Lammiif jedhu lammiilee sababa walitti bu’iinsa naannawawwan gara garaatti uumameen qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’an gargaaruuf yaadamee kan qophaa’eedha.


Bulchiinsa Lotarii Biyyaalessaatti daarektarri dhimmoota kominikeeshinii Obbo Tewodiroos Niwaay, guyyaan bahumsa lotariiwwan kanneenii gaaffii dhiyaaterratti hundaa’uun seerumasaa eeggatee dheerachaa turuu eeranii, amma yeroo dhumaatiif walduraa duubaan Bitootessa 28fi 30 bara 20111 kan bahu ta’uu ibsu.

Charinnat Hundeessaatiin

Bariisaa Guraandhala 29 bara 2011

Recommended For You

5 Comments to “Carraawwan lotarii tombolaa WMOfi Lammiitu Lammiif Bitootessa 28fi 30 bahu”

  1. Pingback: sex women
  2. Pingback: sunwin

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *