Finfinnee: Itoophiyaatti dimokraasii sirriifi fedhii ummataa bu’ureeffate diriirsuun boqqonnaa haaraa, dawaa siyaasaa haaraa fiduudha jedhan ittigaafatamaan Qunnamtii Ummataafi Biyyoolessaa Paartii Badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa.
Ittigaafatamtichi ibsa dheengadda addatti Gaazeexaa Bariisaatiif kennaniin, seenaa sirna mootummaa Itoophiyaa keessatti keessatti yeroo sirna bittaa moototaa, Dargiifi Wayyaaneetti garaagarteewwan siyaasaa ka’aa turan osoo furmaata hinargatiin baroota dheeraaf turuu yaadachiisaniiru. Sababuma kanaan lammiileen miidhaawwan sarbamuu mirga namoomaa, dinagdeefi hawaasummaa adda addaatiif saaxilamaa turaniiru jedhan.
Haalawwan jijjiramaa baroota sadan darbaniif dhufan rakkoolee kanneen bu’uurarraa hiikuuf daandii sirna dimokraasii hawaasaaf mijataa ta’erratti imaluu kan itti jalqabduudha kedhanii, biyyattiin yeroo dhumaatiif hokkora siyaasarraa kan itti of gadhiiftuufi dimokraasi dhugaa lafa qabsiisuuf kan itti hojjetamu ta’uu eeran.
Filannoon biyyaalessaa 6fa gaggeeffames kanaaf kan bu’uura ta’e, filannoo bilisaa haqaafi dimokraatawaa ta’e lammiileeniis shakkii tokko malee bahanii kan ittfilatan qaama jalqabbii boqqonnaa haaraa ta’uu eeraniiru.
Akka ibsa Doktar Biqilaatti lammiileen shakkii siyaasaa keessaa bahanii adeemsa dimokraasii sirrii akka hordofuu danda’aniif dhaloota har’aas ta’e isa boruuf ta’u ijaaruun barbaachisaadha. Maraammartoo siyaasaa kanaan duraa jiru keessaa baanee daandii sirriirra imaluuf boqqonnaa murteessaarra jiraachuu keenya addunyaaf agarsiisuu qabna.
Kanaan alattis sababoota garaagaraatiin rakkoolee siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee nu mudachaa turan furuun dhaloota boriif biyya foyyooftuu taate ijaaruuf nuti, lammiileen Itoophiyaa qophiidhas jedhan.
Itoophiyaatti dirree siyaasaa sirrii ta’e kan fedhii lammiilee hunda giddugaleeffate ijaaruun immoo ibsituu boqqoonnaa haaraa ta’u dubbataniiru.
Biyyattii keessatti waljibbinsi, walshakkiifi haaloo waalirratti qabachuun haafee, Itoophiyaanoonni bifa obbolummaatiin akka wal ilaalan kan taasisuudhas jedhaniiru.
Baroota jijjiramaa sadan darban keessatti dinagdeen biyyatti kan itt qoramaa deeme ta’uu kan yaadachiisan Doktar Biqilaan, boqonnaa haaraa kana keessatti dinageen biyyattii bakka jiruutti deebi’ee kan guddachaa deemu akka ta’us kan itti hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Boqqoonnaa haaraa kana keessatti rakkoolee lammiilee keenya bu’urarraa hiikuun badhaadhina hunda galeessa fiduuf hundee dinagdee jabaan kanitti ijaaramudha jedhanii, wantoota hundaan kaka’umsa haaraan, daandii sirriidhaan gara Itoophiyaa badhaatetti yeroo itti ce’amu ta’uus ibsaniiru.
Fiqaadu Dheeressaatiin
Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Fulbaana 29/2014