“Paarlamaan darbe hayyoota hirmaachisuu dhabuusaatti biyyattii gatii kanfalchiiseera” -Pirofeesar Birhaanuu Borjee

Hawaasaa: Hayyoota manneen marii ummataa sadarkaadhaan jiranitti hirmaachisuun hafee dhimmuma biyya fayyadurratti hayyoota mariisisuun sirna darbe keessatti dhabamuusaatiin biyyattiin hayyootashee irraa akka hinfayyadamne taasisuu barsiisaan Yunvarsiitii hawaasaa Piofeesar Birhaanuu Borjee isban.

Akka ibsasaaniitti; sababa hayyoonni dhimma biyyaarraa maddiitti dhiibaman kanaan biyyattiin hiyyummaafi boodatti hafummaa keessaa bahuu dadhabuusheetiin jalqaba kan ittigaafatamu sirna Itoophiyaa hogganaa tureefi hayyoota rakkoo biyyattiitiif furmaata qorannoorratti hundaa’e kennuu danda’an cinaatti dhiibeedha.

Waggoota kurnan lamaan darban qofa keessatti Itoophiyaan sababa shira dinagdeefi malaanmaltummaa qofaan doolaara biiliyoona 10 kan dhabdes sababuma hayyoota rakkoo biyyaa hubatanii furuu danda’an cinaatti dhiibaniini.

Sirnichi hayyoota dhiibaa kan ture jibbiinsa addaa isaanirraa qabaatee osoo hintaane, hannaafi saamicha caasaa mootummaa keessatti adeemsifamu karaawwan adda addaatiin saaxiluu waan danda’uuf, dhugaa jirtu baasee gaafa isaan biraa ari’ames ogummaasaatiin iddoo fedhetti mindeeffamee jiraachuu waan danda’uufi, jedhan.

Sirni amma haaraa ijaaramaa jiru garuu kallattiilee hedduun faallaa sirna dur tureefi hayyootaaf iddoo olaanaa kenne ta’uu kan himan Pirofeesar Birhaanuun, kunis paartiilee morkattootaa filannoodhaan teessoo hinargannes hirmaachaa jiraachuun adeemsa addaa ta’uu dubbatu.

Seektaroota sirnoota darbaniin miidhaman keessaa inni tokko barnoota ta’uus eeranii, waggoota sadiin asitti garuu sochiin seektara kana fooyyessuu bal’inaan gaggeeffamaa jiraachuu ibsu.

Akka dhuunfaasaaniittis rakkoolee yeroo ammaa biyyattii mudachaa jiran furuuf gaheesaanii kan bahatan ta’uu mirkaneessaniiru.

 Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Fulbaana 29/2014

Recommended For You