Finfinnee: Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa Mootummaa RFDI marsaa jahaffaan Wixata darbe (Fulbaana 24 bara 2014) Ministira Muummee, Afyaa’otaafi Afyaa’ota Ittaanii Mannneen Marii Bakka Bu’oota Ummataafi Federeeshii muuduufi filachuunsaa ni yaadatama.
Ministirri Muummee Itoophiyaa ta’anii kan moggaafaman Doktar Abiyyi Ahmadis muudamasaanii gaafa Roobii miseensota kaabineesaanii Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataatiif dhiyeessanii muudachiifataniiru.
Muudamtoonni hattummaafi kadhattummaa kan balleessan, faccisan ta’uu akka qaban Ministirri Muummeen mana marichaa fuulduratti cimsanii hubachiisaniiru. Otoo hiyyummaafi kadhattummaan jiranii biyyi kun boquu ol qabachuu hindandeessujedhanii, miseensonni kaabinee warri haaraa kanneen hattummaa jibbaniifi faccisan akkasumas, kadhattummaa balleessuuf kan ifaajjan ta’uu akka qaban hubachiisaniiru.
Miseensota kaabinee karaa araada hamaa hattummaafi kadhatummaa irraa adda itti baatan karoorfattanii hojjettan akka taataniif isin gaafadha kan jedhaniin Doktar Abiyyi, hattummaafi kadhattummaan amaloota biyya miidhaniifi ummata hiyyummaaf saaxilan waan ta’aniif jibbamuu akka qaban ibsu.
“Ulaagaa filannoo miseensoota kaabinee Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti muudamnisaanii ragga’e keessaa “Itoophiyaatti addadummaan siyaasaa mana maree keessatti waliin yaada dhiheessuuf kan dhorku waan hintaaneef, hamma danda’amettis bakka dhalootaa bal’isamee ilaaluuf kan itti yaalameera.
Muuxannoofi dandeettii raawwachuu muudamtootaas ilaalcha keessa galcheera. Ta’us kun ga’aa miti; hojii bal’aa kan barbaaduudha. Hamma yaadnetti deemuu baatuus yaalii inni dhumaa taasifamee, muudama korniyaa ilaalcha keessa galche akka ta’uuf yaalameera. Kaabinee dubartoonnis dhiironnis bakka itti buufaman akka taasisuun yaalameera jedhan. Gama amantiitiinis akkaataa Itoophiyaa ibsuu danda’uun akka ta’uuf yaaliin taasifameera” jedhan.
Muudamtoonni kunneen addaddummaan aangoofi tajaajilu gidduu jiru isaanii galee tajaajiluuf, namoota ittigaafatamummaa fudhachuuf hawwan ta’uunsaanii ilaaluuf yaaliin taasifamuu eeranii, ministiroonni 22nu bu’uura kanaan muudamuusaanii ibsaniiru.
Kutaa Qophiitiin
Gaazexaa Bariisaa Sanbataa Fulbaana 29/2014