Lakkaawwii ummataafi manaarratti hawaasni dammaqinaan hirmaachuu akka qabu gaafatame


Finfinnee: Lakkaawwii ummataafi manaa Bitootessa 29 bara 2011 irraa jalqabee guyyoota kudhaniif gaggeeffamurratti kutaaleen hawaasaa marti dammaqinaan hirmaachuu akka qaban Komishiniin Lakkaawwii Ummataafi Manaa Oromiyaa gaafate.

Barreessaan komishinichaa Obbo Sheekoo Gurroo ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, dhuma ji’a Bitootessarraa kaasee lakkaawwii ummataafi manaa adeemsifamu karaa hundumaan milkeessuuf qophiin barbaachisaa ta’e taasifamaa jira.

Kanaanis caasaalee mootummaa hanga sadarkaa gaditti koreewwan hubannoo hawaasaa gabbisan, nageenya eegsisaniifi to’atan hundeessuun leenjii kennamaa jiraachuu ibsaniiru. Kana waliinis barsiisotni, ogeessotni qonnaafi fayyaa hojii lakkaawwii kanarratti hirmaatan iddoowwan hojiisaaniitti ulaagaa kennameen calalamaa jiraachuu eeraaniiru.

Wiixata darberraa kaasee hanga Bitootessa 8 bara 2011tti leenjiin leenjistootaa magaalota Naqamtee, Ambo, Adaamaa, Kamisee, Jimmaa, Nageellee, Gobbaa, Ciroofi Hararirratti  kennamaa jiraa jedhan.

Akka biyyaatti lakkaawwiin kun afaanota shaniin kan adeemsifamu yoo ta’u, Oromiyaatti garuu Afaan Oromoo qofaan gaggeeffama jedhaniiru.

Hojiin lakkaawwii kun Afaan Oromootiin gaggeeffamuunsaa ammoo saboota Oromiyaa keessa jiraatanirratti akka waan dhiibbaa  geessisuutti odeeffannoon daddarbaa jiru dhugaarraa kan fagaatedhaa jedhanii, kutaaleen hawaasaa marti, hayyootniifi paartiileen siyaasaa faayidaa lakkaawwii ummataafi manaa sirnaan hubachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Lakkaawwiin ummataafi manaa barana marsaa 4faf guutummaa biyyattiitti gaggeeffamu kun misooma hawaas-dinagdeefi siyaasaa si’eessuu keessatti shoora olaanaa waan qabuuf hawaasni marti dammaqinaan lakkaawamuuf tumsa barbaachisaa gochuu akka qabu gaafatameera.

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

5 Comments to “Lakkaawwii ummataafi manaarratti hawaasni dammaqinaan hirmaachuu akka qabu gaafatame”

  1. Pingback: jarisakti
  2. Pingback: sunwin sunwinclub

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *