Sirnootni darban ummattoota obbolaa Sidaamaafi Oromoo sababoota garaagaraatiin walirratti kakaasanii waliif diinomsaa turuu kan himan miseensonni kunniin, har’a garuu sadarkaa obbolummaa walii hubachuu bira darbamee ayyaanota waliin kabajuu irra gahamuu ibsu.
Waggoota dhihoo as ayyaana Irreechaa akkuma Fiichee Cambalaalaa Sidaamaatti kabajaa jiraachuu kan himan miseensi mana maree naannichaa, Addee Masarat Daangissoo, Oromootni ayyaana Cambalaalaa akkuma Irreechaatti kabajanis heddu ta’uu ibsu.
Irreechi tokkummaafi jaalala ummattootaa dhugoomsuufis shoora olaanaa kan qabu waan ta’eef sabootni hundi akkuma kansaaniitti kunuunsuu akka qabanis ni dhaamu.
Irreechi ayyaana Oromoo qofaan kabajamu osoo hintaane, kan sadarkaa biyyaatti hunduu kabajuu qabu ta’uu immoo miseensi mana marichaa biraa Obbo Kaasaa Dangisoo ni dubbatu.
Ummanni Sidaamaa irra jireessaan ayyaana Irreechaa akkuma kansaatti hawwiin kan eeguufi kan kabaju ta’uu himanii, kun immoo tokkummaafi obbolummaa saboota lamaan gidduu jiru kan agarsiisuudha jedhu.
Kanarra darbee Irreechiifi Chambalaalaan sadarkaa biyyaatti osoo kabajamanii tokkummaafi obbolummaa ummattoota biyyattii cimsuuf barbaachisaa ta’uus Obbo Kaasaan dubbataniiru.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 22 Bara 2014