Jaal Araarsoo Biqilaa (Hogganaa Biiroo Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Oromiyaa)

“Ani ijoollummaa kiyyarraa eegaleen qabsoo keessa ture. Kanaaf muudama argadhetti gammadeera. Akkuma Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad, dhaabbilee morkattootaa filannoo yeroo darbee keessatti qooda fudhatanii yoo mul’achuullee dadhaban mootummaa waliin ijaaruu keessatti ni taasifna haala jedheen naannoo Oromiyaafis Mana Maree isa federaalaafi gaaffiin nu dhihaateera. Kanarraa ka’uun akka naannootti nama tokko seensifachuuf waliigallee.

Isarraa ka’uun akka dhaabaatti mari’annee dhaabni ana bakka na buuse. Kun anaaf gammachuu guddaadha. Walabaaruurra waliin mari’achuutu gaariidha. Jibbiinsarra jaalalatu bareeda. Dhimmoota irratti walii hingalle qabaannullee biyya kana ijaaruu, fuulduratti tarkaanfachiisuu akkasumas tokkummaa ummata Oromoo jabeessuu, hawaas dinagdee hawaasa keenyaa fooyyessuurratti waliin hojjechuun barbaachiisaadha, yoo dhaaba siyaasaa garagaraa qabaannellee waan waliin qabnurratti waliitti dhiyaatanii waliin hojjechuun murteessaadha.

Biyya ijaaruun waan qoosaa miti. Ummanni Oromoo waan nurraa eegu qaba. Keessattuu olaantummaan seeraa akka eegamu waliin hojjechuutu irra wayya.

Ani akka nama dhuunfaatti takkaayyuu ABOn Caffee seenee aangoo argata jedhee yaadee hinbeeku. Jalqabbiin kun gaarii yoo ta’u fuulduraafillee waan jajjabeffamuu qabuudha. Waggoota shanan fuuldura jiru kanas akkanumatti taa’uu utuu hintaane biyya ijaaruurratti waliin hojjechuu qabna. Paartiileen sagalee waan hinarganneef ofirraa fageessuun sirrii hinta’u.

Anis muuxannoo yeroo dheeraan qabutti fayyadamee jaalan tiyya hafan akkasumas warreen waliin hojjennu wajjin ittigaafatama natti kenname haalaan ba’aachuuf qophiidha.”

Saamraawit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 22 Bara 2014

Recommended For You