Sirni Gadaafi Ayyaanni Irreechaa kan ummata Oromoofi Itoophiyaa qofaa utuu hintaane kan ummata addunyaati” -Obbo Shimalis Abdiisaa

Finfinnee: Ummanni Oromoo saba qaroominoota guguddoo addunyaaf gumaacheedha. Qaroomina guguddoo Oromoon addunyaaf badhaase keessaa tokko Sirini Gadaa isa olaanaadha. Sirni guddaan Oromoon kalaqee ittiin of bulchaa ture kun duudhaaleefi jaarmiyaalee guguddoo of keessaa qaba. Jaarmiyaalee Sirna Gadaa keessaa tokko Irreecha jedhama.

Irreechi ayyaana guyyaa tokko ykn lama malkaa deemuun waaqa galateeffatanii galan qofa miti. Ireechi karaa Oromoon hariiroo uumaafi uumamaa itti hubatu keessaa isa guddaadha. Oromoon Ireecha kan irreeffatu oolmaa uumaan (Waaqni) isaa ooleef galateeffachuufiidha. Gochoonniifi adeemsi galateeffannaa kun ilaalchaafi hubannoo Oromoon uumaafi uumamaaf qabu calaqqisiisu. Kanaafuu Ireechi qaama qaroominaafi falaasama Oromoon kalqeedha. Irreechi seenaa qaroomina kuush durii Oromoon ittiin beekamuudha.

Ayyaani Irreechaa waggoota kumaatamaaf kabajamaa ture akkuma qubsumni Oromoo bal’aa ta’e maqaafi iddoon jila irreechahi itti gaggeeffamu garagra ta’us adeemsi,akkaafi raawwiin irreeffannaa waluma fakkaata.

Sirni raawwii Irreeffannaa karaa duudhaafi safuu Oromoon kaleessa bulfateen gaggeeffamamaa ture. Akkuma sirnoota Ooromoo kamiituu irreechi heeraafi seera, safuufi duudhaa Oromoon ganama tolfateen gaggeeffamaa ture.

Haala kanaan Ayyaanni Irreechaa ayyaana ummata Oromoo biratti kabaja guddaafi hawwiin eegamu ta’uun waggoota kumaatamaaf safuufi duudhaasaa bu’uura godhatee gaggeeffamaa ture.

Haata’u malee, adeemsa keesaa gaafa Oromoon weeraramee harka diinaatti kufu eenyummaan Oromoo irraa mulqame. Oromoon aadaafi duudhaa isaatiin salphate. Sirnoonnisaas balaaleffatamanii akka gocha badaatti ilaalaman. Oromoon sirna irreechaa kana akka hingaggeeffanneef qaamaafi qorqalbiin isaa akka cabu ta’e. Haaluma kanaan Ayyaanni Irreechaas balfamee gochaa xuraawaa ta’ee gara dhorkamuutti deeme. Dhiibbaa sirnaafi amantiin irraa ga’aa dhufeen irreechi iddoo hedduutti akka hafu ta’e.  

Gochi kun osoo jiru ummanni Oromoo dhaloonni dhufu seenaafi aadaa kana akka hindagannee gochuuf dhiibaa guddaa keessa galus bakkawwan baayi’eetti kabajaa tureera.

Irreecha Hora Hrsadeerraatti Ummanni miiliyoona 3.5 ta’u  hirmaataa ture. Waggoota sadan darban kabaja Ayyaana Irreechaa Hora Harsadeerratti saboonniifi sablammoonni biroo hedduun ummata Oromoo waliin kabajuu jalqabaniiru.

Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee jaarraa tokkoof walakkaa booda Finfinneetti deebi’ee kabajamuu erga jalqabee kan baranaa  yeroo 3fadha.

Jal bultiin ayyaanichaa, kaleessa waaree dura Magaalaa Finfinneetti kabajameera. Saganticharratti hayyoonni yuunivarsitiiwwan adda addaa waraqaa qorannoo dhiyeesaniiru.

Irreechi ayyaana  Oromoon  margaa jiidhaafi habaaboo qabatee  malkaa bu’ee dukkana gannaa keessaa gara ifa birratti ba’uusaa itti Waaqasaa galateeffatuudha.

Ayyaani Irreechaa waggaa tokkotti al tokko kan kabajamu waltajjii tokkummaan Oromoo irratti mul’atuudha.

Sirni Gadaafi Ayyaanni Irreechaa kan ummata Oromoofi Itoophiyaa qofaa utuu hintaane kan ummata addunyaati. Sirni Gadaa bara 2009 hambaa kiliyaa ta’ee ‘UNESCO’dhaan galmaa’uun hambaa addunyaa ta’eera.

Sirni kun manneen barnootaa Oromiyaa keessatti kutaa tokkoffaa hanga 8fatti akka barumsa tokkootti kennamaa jira.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 22 Bara 2014

Recommended For You